Foollee Media

Foollee Media

Share

12/09/2021

Duguggaan sanyii Oromoo irratti akka itti fufee jira
(FBO Mud. 7, 2021)
Godina bahaa Shaggar aanaa Boosat magaala Booleetti kibxata galgala har’a obbo Jomboraa Kennoo manguddoo waggaa 65 kan ta’an sababa tokko malee HAO rasaasaa itti roobsun ajjeesu isaani madden SQn argaate ni ifoomsu.

09/30/2021

Waraanni Biliisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Bobbaan Laggasaa Wagii Tarkaanfii Waraana Mootummaa Irratti Fudhachuu Yoo Beeksisu, Eebba Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Sababeeffachuun Basaastonni Bobbaafamuun Dhagaa’ame!
--
SBS-Fulbaana, 30/2021
--
Waraanni Biliisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Bobbaan Laggasaa Wagii Fulbaana, 29/2021 Wallagga Lixaa Ona Laaloo Assaabii Magaalaa Xiqqoo Kellayii jedhamtu seenuun waraana mootummaa magaalicha maandheeffate irratti haleellaa raawwachuu beeksise.

Tarkaanfii kanaan waraana mootummaa irraa loltoota heeddu irra miidhaan dandammii hin qabne dhaqqabuudha Waraanni Biliisummaa Oromoo Onichaa kan gabaase. Haleellaa kana hordofee humni dabalataa waraana mootummaa haleelame kana tumsuuf kallattii sadii irraa bobba’es Waraana Biliisummaa Oromoon achuma Magaalaa Kellayiitti haleelamuun loltoonni waraana mootummaa gariin du’uun gariin ammoo madoo ulfaataan adamuun beekameera.

Oduma walfakkaatuun ganama kana jechuun Fulbaana, 30/2021 Waraanni Biliisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Wallaggaa Lixaa Gullisootti waraana mootummaa irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuun dhagaa’ame. Lola hanga amma gabaasa kana qindeessineetti geggeeffameen waraana mootummaa irra miidhaa gurguddaan ga’uu Shinnigaan odeeffateera. Odeessa guutuu akkuma arganneen isin biraan geenya.

Oduu eebba Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa tibbanaan walqabatee baasastonni yookaan gaadduun mootumma Itoophiyaa biraa ergamuun gara Keeniyaatti hedduminaan bobbaafamuu odeessi Shinniigaa qaqqabe ni ifoomsa. Sababni baasasa kanaa mootummaan Itoophiyaa eebba Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa kanatti waan rifateef, kanneen Keeniyaa jiraachuun Waraana kana waliin hidhata qaban adamsee dhabamsiisuuf akka ta’eedha kan dhagaa’ame.

Waraanni Biliisummaa Oromoo adamsaa mootummaa Itoophiyaa kana sababeeffachuun uummanni Oromoo waliigalaa Keeniyaa keessa jiraatuu fi keessumaa sochii Waraana Biliisummaa Oromoo irratti shoora olaanaa ba’ataa jiran akka of eeggataniif dhaameera. Kanneen Oromoo mirga isaaf qabsaa’u adamsuuf ba’an bakka jireenyaa fi buufata isaanii qabatamaan qaamni beeku yoo jiraate Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii Kibbaaf eeruu akka kannus dhaameera.

09/30/2021

Humni hidhate kan Faannoo jedhamu guyyaa Masqalaa jiraattota 5 rasaasan ajjeese.

[SQ-Fulbaana 30/2021]

Naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakkal aanaa Dibaaxee keessatti guyyaa Ayyaana Gubaa [Masqalaa] haleellaa raawwatameen lubbuun namoota shanii darbuufi manneen gubachuu beekame.
Akka jiraattotni naannichaa BBCtti himanitti Haleellaan qaama hidhatee naannoo Amaaraa irraa galeen Fulbaana 27, 2021 godina Matakkal ganda Caanchoo Dishgaaraa jedhamutti raawwate jechuun himaniiru.

Jiraataan godina matakkal Matakkal Obbo Tamasgeen,BBC Afaan Oromootti akka himanitti Haleellichi guyyaa Ayyaana Gubaatti ykn masqalaatti guyyaa keessaa gara sa'a 5:00-7:00 gidduu akka raawwate himanii haleellaa kana kan raawwate hidhattoota naannoo Amaaraa irraa fe'amanii galaniin tahuus BBCtti himeera..

Naannoon Amaaraa naannoo Benishaangul waliin waliigaluun hidhattoota Gumuz rukunna jedhanii humna addaa Naannoo Amaaraa fi Faannoo leejisuun ammaan dura hidhachiisanii galchuu isaanii ni yaadatama.
Obbo Tamasgeen jiraataan Godina matakkalis BBCtti akka himanitti Naannoon Amaaraa warreen karaa seeraan seenan ala Faannoo warra jedhaman hidhachiisuun lafoon miillaan galchanii balaa kana raawwachiisaniiru jechuun ajjeechaa guyyaa Gubaa ykn Masqalaa ummata nagaa irratti raawwatame humna hidhate kan naannoo Amaaraa tahuu dubbataniiru

Humni hidhate kan Faannoo jedhamu Konkolaattota dhuunfaan fe'amaniiti gara Benishaangul Gumuz galaa kan turan yoo tahu gariin immoo miilaan nama 200 fi 150 kan tahan hidhachiisuun yeroo galchaa turan ummanni argaa ture jechuun obbo Tamasgeen BBCf himaniiru.
Humni waraanaan konkolaataa fi miillaan gara godina matakkal galan kunis Mana barumsaa keessa kan qubsiifamanii jiran tahuum haleellaa kana guyyaa masqalaa bahanii raawwatanii jechuunis akkaataa haleellaa guytyaa masqalaa tahe himaniiru.

Jiraataan godina matakkal Obbo Tamsgeen haala ture yoo BBCtti himan, namni sammuu dhukkubsatu tokko baqachuu waan hin dandeenyeef mana keessa osoo jiruu manichatti abidda faannoon qabsiiseen waliin gubateera. Dubartiin daa'ima waggaa lamaa of harkaa qabdu humna kanaan ajjeefamteetti jechuunis himeera.

Want your business to be the top-listed Media Company in Washington D.C.?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Washington D.C., DC