Oromia Today
03/08/2025
Lammi Begna Dilbata dhufu wal argaan Malkaa International Hotel tti haa ta'u. Kitaaba Hayyuun barreesse Eebbisna! "DAAYAA"Lammi Begna milkaa'i!
02/22/2025
Korri waliin ABO fi KFO ajandaalee 6 Hoteela Ilillii keessatti irratti mari'achaa turan ijjannoo waloo fudhachuun guraandhala 22, 2025 milkiin xumurameera. Murtiilee adda addaas dabarseera. Achi keessa haalli Oromiyaa keessa jiru gara sirna badiballaa (anarchy) tti osoo hin jijjiiramin jaarmiyaaleen karaa nagaatiin qabsaa'an, warri afaan qawweetiin qabsoo Bilisummaa godhanii fi mootummaan biyyan bulcha jedhu lola dhaabanii walitti dhufuun mari'atanii akka Mootummaa Cehuumsa Biyyoolessa Oromiyaa (MCBO) ijaaran yaada murtii dabarseera.
Warra ajandaalee gaafataniif
1. Nagaa Oromoo buusuu fi tiksuu
2. Rakkoo daangaa Oromiyaa furuu
3. Tokkummaa fi ijaarsa ummata Oromoo
4. Birmadummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa
5. Hariiroo Oromoon sabaa fi sablammoota wajjin qabaachuu qabu
6. Hariiroo Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa jidduu jiru
Alert ‼️
Eessaa Garamitti?
========
Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhamaatii yeroo dheeraatiin bara 2014 keessa yeroo hin yaadamnee fi hin eegamnetti dhohe,wareegama barbaachisaa itti baasuun hanga bara 2018 kan ture jijjiirama maqaa jedhuun Warraaksichi butamuun isaa kan hubatamudha.
Haala sochii fi adeemsa siyaasaa impaayera Itoophiyaa yeroo ammaa yoo ilaalle,gartuleeb kaayyoo hin qabne qabsoo Qeerrootti erga abbaa of taasisanii booda uummati keenya gidiraa bara Dargii dhagahaa guddannetti deebi'e.
Yeroo ammaatti,haala uummattooti impayerattii irra jiran yennaa hordofnu uummattooti Itoophiyaa hundi mootummaa Biltsiginnaa irraa abdii kutatanii jiru.
Odeessi keessoo biltsiginnaa akka agarsiisutti WARRAAKSI UUMMATTOOTA CUJQURFAMAA ITOOPHIYAA deebi'ee boba'uu akka danda'u shakkuun yaaddoo keessa galanii jiru.Mirkana oduu keessoo kanaatiif Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa yaaddoo keessa seenuun dargaggoo gara diinagdeetti galchina jechuun xiyyeeffannaa dargaggootaa wayita bonaa kanatti fincila dhohuu malu hambisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiran hubanneerra.
Kanaafuu, Warraaksi irra deebii dhalachuun waan fardiidha.Hangasitti garuu haaldureewwan barbaachisan mijeessuun kan itti fufnu ta'a!
Nu eegaa! !
09/25/2024
Murni ABO-WBO ofiin jedhu yoo barbaachisa ta'e kana booda faajjiif alaabaa akkasumas heeraa fi seera mataa isaa qabatee ummatatti akkas ba’uun akkuma paartiif dhaaba kamiituu ofi beeksisuu qabaata.
Heeraf seera ABO fi faajjiif alaabaa ABO dabalata illee mallattoolee ABO tiin dalaguun seeranis tahee seenanis isa gaafachiisa. ABO-WBO’n alaabaa mataa isaa hin qabu, dhaaba faajjiif mallattoolee mataa isaas qabu miti. Kan inni itti fayyadamuun ABO-WBO jedhee ummata Oromoo biratti fudhatama of-argachiisuf yaalu yoo jiraate alaabaa fi mallattoo ABO dhalli Oromoo marti waggootii hedduuf arsaa itti kafaluun dhigaaf lafeen asiin gahedha malee kan ABO-WBO miti.
ABO-WBO’n erga hundaa’eeyyuu reefu waggaa tokkoof baatii saddeet moo sagal gahuutti dhaaba jirudha. Garuu kan dhaabichi kuni saamee kan ofii godhachuun itti fayyadamaa jiru Alaabaa fi seeraf heera dhaaba ABO irraa saamudhaan akka waan dhalee fi tumeetti taasisu seeraaf heera ABO ti. Haa tahu garuu sana ni dhaale malee hin dhalle.
Kanaafuu gocha akkasii asumarratti dhaabuu qabaata. Kana jechuun alaabaa fi asxaaleen ABO kan uummataa miti jechuu otoo hin taane, Oromoon alaabaa fi faajjiin ABO kuni itti maxxanfamee dararaa lubbuuf, akkasuma qorqalbiin itti cabee fi wareegameeti, qabeenyaaf qe’ee itti dhabee ittis miidhamee kan ofii godhachuun har’aanis gahe jira.
Dhaabni ykn Paartiin ABO-WBO ofiin jedhu garuu kana hunda kan ABO otoo hin taane kooti jechuun alaabaa fi faajjii ABO fi ummatni Oromoo waggaa shantamaa oliif arsaa itti kafalee har’aan gahe kiyyadha jechuun waggaa lama keessatti saaminsa guddaa raawwatee jira.
Kanarratti immoo Oromoonis tahee kallachi qabsoo ummata Oromoo ABO’n murtoo mataa isaatiin karaa barbaachiseen itti adeemuun waan barbaachisu kamuu karaa seera qabeessa taheen ni raawwata. Waraanni Bilisummaa Oromoo WBO’n xurree wareegamtoota ABO kaleessaa hordofuun ijaarame illee tarkaanfii mataa isaa ni fudhata. Waraanni Bilisumma Oromoo Zoonii Giddugalaa fi zoonii kamiiyyuus kanuma jabeessee dubbachuuf murteessuutti jira. Ammaaf kanuma jenna. Galatoomaa!
ABO’n kallacha qabsoo bilisummaati
WBO’n gaachana ummata Oromooti
09/22/2024
💫Rakkoon mooraa QBO keessatti waggoottan lamaaf deemaa ture rakkoo keessootti furamuu qabu jennee waan itti amanneef yeroodhaa yerootti kora sadarkaa adda addaa fi yeroo adda addaatti deemaa tureen furmaata hundee osoo hin argatiin lafarra gangalachuu isaatiin badiilee naamusaa hanga godaannisoota gurguddoo qaqqabsiisuutti qaqqabuu kan dhihoos fagoos quba qabdu.
👉Kunis murni heera, seera fi sirna dhaabaan olitti tarkaanfatee akka galii dantaa qabsoo Oromoof ta'utti osoo hin taane olaantummaa nam-tokkee waarsu fi fedhii murna afooshaa mandaran ijaaraman dhaaba ummanni Oromoo fi qabsaa'onni bilisummaa oromoo kudhanoottan 5 jalatti hiriiran ABO balfanii afoosha ABO-WBO jedhuun moonaa QBO hunkuruun dhiiga dhangalaasuu filmaata isa maayii godhaanii jiru.
Rakkoolee fi danqaalee itti yaadamee qabsaa'ota garaa wal hanqisuun nyaqarsa hamaa mooricha keessatti sirneessuun rakkoo heera fi seera dhaabaa tarkaanfatanii akka fedhan fi jedhanitti deemuu fedhantu qabsicha keessaa nama dhiibuun, nyaaphummaatti farrajuun ofii gocha diinummaa tarsimoo dalagantu madda rakkoo kanaati.
Seenaa QBO ABOn gaggeessaa ture keessatti aadaa hoogganoonni dhaabichaa walirraa dhaalan fi dhaalchisuutti turan/jiran namoota isaan support godhan malee rakkoo isaanii nama itti akeeku hin fedhani.
💧kun ammoo amala abbaa irrummaa fi ana malee baratameedha, Qabsoo bilisummaa sabaaf godhamu keessatti ana maleen tarkaanfatuun daandii kufaatii hamaadha. Qabsichi kan sabaati malee afoosha mandaraa miti.
Dhimma waloo irratti sagantaan siyaasa ABO masakamuu akeeka fi kaayyoo dhaabichaa "ABOn hooggana waloo fi waaltummaa dimokraasiin masakama" jedha.
Erga kun bakkaa siqee qabsoon haqaas hin jirtu. fedhii nama dhuunfaa guutuuf wareegamni goggogaa hin feesisu. Erga heera fi seerri dhaabaa balfamee nam-tokkeen sirnoomuuf bakka bu'ee, lubbuun walabummaa oromiyaaf kan irbuu seene olaantuumma afooshaa waliin irbuun hin jiraatu. Dhiigni qulqulluus riqicha afooshaa kanaa hin taatu.
👍Bal'inaan walitti deebina💌
09/20/2024
Lammii kiyya Oromoo, bagan jiraadhee nagaan deebi'ee isin arge. Haluma qabsoo taheetu dararaa hedduu dabarsine; hiree Oromoo maraati. Aniif Jaallan kiyya illee jiraannee har'a geenye. Garuu, kan baayyee gara nu gubeefi eelaa tahe, Jaal Battee Urgeessaa of biraa dhabuun boqonnaa nu dhorke. Gumaan isa bilisummaa ni taati!
Jaallan qabsoo, miseensonniifi deeggartoonni, akkasumas, haawsni bal'aan kan biyya keessaafi alaa addatti kan biyya hambaatiifi biyya keessa manneen hiraarsaa adda addaa nuti naanneffamaa turretti dhuftanii nu gaafachaa turtan galata guddaa qabdu.
Kanneen Lubbuu kiyya hambisuufi har'a gahuu kiyyaaf sababa taatan hedduu keessaa Dr Tsaggaayee Araarsaa dhaabbataan qoricha naa dhiyeessuuf sagalee naaf tahuu, Obbo Tuulii Baay'isaa Abukaattummaan alatti akka lubbuun kiyya hin baaneef akka sabni na birmatee na cinaa dhaabbatu gochuu, Komishinar Daraartuu Tulluu Qoricha Ji'a Jahaa naaf dhiyeessuu, Dr Ilillii Jamaal Qoricha Ji'a lamaa naaf dhiyeessuun, Yaanneet Dinquu Qoricha Ji'a Lamaa naaf dhiyeessuun warri na gargaartan galata guddaa narraa qabdu. Kanneen maqaa keessan ammatti dhahuu hin feene, warri yeroo hundaa na cinaa dhaabbachuun Bassoo, Dammaafi waan ani nyaachuu dandahu naaf dhiyeessitan hundi galata qabdu. Midiyaalee adda addaa sagalee nuuf taatan hundi, akkasumas namoonni dhuunfaa karaa sabahimaalee of harkaa qabdaniin cubbuu nurratti dalagame saaxilaa turtan hundi galatoomaa;galanni keessan bilisummaa saba keenyaa haa tahu.
Lammiin keenya biyya keessaafi alaa dinagdeefi haamileen dandammannee akka harra geenyu nu gargartan hundi onnee kiyya keessa jirtu. Jaarmiyaalee adda addaa biyya keessaafi Idil Adduunyaa Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa, Boordii Filannoo Itoophiyaa, Human Right Watch galatooma. Qabsoon sabaa haga bilisummaa itti fufa. Tokkummaa keenya cimsinee wal taanee gara fuula duraa akka tarkaanfannu shakkii tokkollee hin qabu.
Haalota biroo keessa turreefi itti deemnu bal'inaan ibsuuf walitti deebina. Birraa milkii nuuf haa tahu.
Gada Gabisa
07/25/2024
IBSA EJJENNOO KORA MISEENSOTA ABO AWUROOPPAA FI UK AKKASI KUN!!
WBO (Waraana Bilisummaa Oromoo) akkuma waggoota dheeraaf osoo hin nuffinii fi hin dadhabiin tumsaa fi sagalee ta’aafii turretti kana booddes hololli diinaa fi shirri farra qabsoo bilisummaa Oromoo kamuu WBO irraa adda nu hin baasu!
Kanumadha!
Jechootni diinota Qabsoo Bilisummaa Oromoo kanneen akka;
~ABO-W3O
~Jaarmiyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa (JWBOWI)
~ABO shanee
~ABO Gullallee(Seesee)
~ABO magaalaa
~ABO Bosonaa
~ABO QBO fi jechootni kana fakkaatan Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) fi Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo(QBO) bakkas hin bu'u hin ilaallatus quba qabaadhaa!
Qindoomina abbaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo kanneen akka Qeeroo Bilisummaa Oromoo(QBO), Adda Bilisummaa Oromoo(ABO), Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) fi Uummata bal'aa Oromoon Oromiyaan ni bilisoomti!
ABO'n kallacha qabsoo Oromooti!
Dhaaba ABO Haa Lalisu!
Waraana W3O Haa Waaru!
ABO Irbuun Erbee Miti.
06/25/2024
“The OLF is the pillar of freedom, equality and lasting peace for all peoples.” J Dawud Ibsa, OLF chairman
Dhaabni Oromoo ABO fi Waraana Oromoo WBOn,loltuu bilisummaa farra waanjoo harqoota gabrummaa impaayeraati.
ABO'n Haa Lalisuu!!
W3O'n Haa Waaru!!
Kalaas!!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Contact the business
Telephone
Website
Address
15002 Layhill Road
Silver Spring, MD
20906
Opening Hours
| Monday | 9am - 5pm |
| Tuesday | 9am - 5pm |
| Wednesday | 9am - 5pm |
| Thursday | 9am - 5pm |
| Friday | 9am - 5pm |