Oromia Freedom Media
07/12/2026
Iraan dhaabbilee niwukilaraa isii deebiftee ijaaruuf akka jirtu qorannoon CNN saaxile.
OFM:Adoolessa.11/2026.Iraan dhaabbilee niwukilaraa isii deebiftee ijaaruuf yaalii godhaa jiraachuu akka malu CNN gabaasa qorannoo baaseen gabaaseera.
Suuraalee saatalaayitii addaa dhaabbati oduu kun Inistiitiyuutii Saayinsii fi Nageenya Idil-addunyaa waliin ta’uun xiinxale kaasuun suuraawwan kunneen Iraan waliigaltee niwukilaraa Waxabajjii keessa Ameerikaa waliin taasifte cabsuu isii irratti gaaffii cimaa kan kaasu ta'a.
Gaaffin kuni ka ka'e erga pireezidaanti Doonaald Tiraamp jalqaba torbee kanaa waliigaltee kana keessaa bahuu akka barbaadan osoo hin beeysisin durallee ka’uu ibsameera.
Gabaasni CNN kun dhaabbata Paarchin kan meeshaa niwukilaraa sadarkaa isaa eeggate of keessaa qaba jedhamee amanamu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, erga Ameerikaa fi Israa’el baatii Gurraandhala keessa Iraan irratti waraana bananii as irra deddeebiin haleellaan irratti xiyyeeffatamuun ni yaadama
Gaazexaan CNN Kaati Polglaas, suuraa haaraa ji’a Waxabajjii fi ji’a Adoolessa keessa fudhatame kan ilaale yoo ta’u, Iraan dhaabbaticha suphuu fi deebisanii ijaaruuf tarkaanfii fudhataa akka jirtu gabaaseera.
Mul'anni kun jalqaba irratti haguuggii yeroof boolla haleellaan kun hafe kan uwwisu agarsiisa, torban muraasa booda garuu walii galteen kun hojiirra osoo jiruu haguuggiin sun kaafamee dallawa shiboodhaan dalleeffameen bakka buufameera.
Ogeeyyiin Konkolaattonni konkiriitii makaas fageenna irraa kan mul’atan yoo ta’u, kunis Iraanoonni boolla kana cufuuf karoorfachuu isaanii kan agarsiisuudha jedhu.
Gama biraatiin bakka niwukilaraa jedhamee shakkame kan biraa gaara Pickaxe Mountain jedhamutti suuraan dhiheenna kanaa konkolaattonni gaarran wayita seenanii fi bahan agarsiisu.
Ogeeyyiin CNN'tti akka himanitti, tarkaanfiin kun waliigaltee Iraan Ameerikaa waliin mallatteessite ifatti kan cabse yoo ta'u, kunis sagantaa niwukilaraa isii ilaalchisee haala amma jiru eeguu akka qabdu kan gaafatuudha.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg
07/12/2026
OFM;ODUU/NEWS ADOOLESSA 11/2026
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°`°°°°°°°°°°°°
OFM;ODUU/NEWS ADOOLESSA 11/2026 Tiraampi “walii galteen dhukaasa dhaabuun addaan cituu” himus, “Yuu...
07/10/2026
Ispeen 2 fi 1'n Beeljiyeem injifachuun Tapha walakkaa xummuraaf dabarte.
OFM:Adoolessa.10/2026.Tapha nuusa xummuraa Waancaa Addunyaa 23ffaa halkan kana taphatameen Ispeen Beeljiyeem injifachuun walakkaa xummuraaf dabarte.
Galchii Ketelaeren daqiiqaa 41' irratti galcheen gareewwan lamaan boqonnaa dura 1-1 qixaan bahuun daqiiqaa dheeraaf, walqixaan taphataa turan.
Karra eegaan Beeljiyeem Tiiboo Kortuwaan miidhamee Leemensiin erga jijjiiramee Ispeen tapha jijjiiruuf yaalan.
Galchii Fabiyaan Ruuz daqiiqaa 30' fi Taphataa Arsenaal kan ta'e daqiiqaa 88ffaa irratti galchii injifannoo lakkoofsise.
Meriinoon tapha Poorchugaal irratti galchii injifannoo Ispeeniif lakkoofsisuun kan yaadatamuudha.
Tapha Walakkaa xummuraan Ispeeniifi Faransaay kan waliin morkatan ta'a.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg
07/10/2026
Raashiyaan Pireezidaanti Tiraampi Yukireeniif hayyama misaa'ela Paatriyaat kennuuf murteessuun isaanii dogongora jette.
OFM:Adoolessa.10/2026.Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Traampi tibbana kora NATO Ankara irratti gita isaanii Yukireen waliin wayita wal arganitti, biyyi isaanii misaa’ela Paatriyaat Yukireen akka oomishtuuf hayyama akka kennitu ibsaniiru.
Kanuma hordofee Dubbi himaan Kremlin Dimitiri Peeskov dhimma kanarratti ibsa kennaniin murteen kun dogongora ta’uu ibsaniiru.
“Murteen akkanaa hariiroo Ameerikaa fi Raashiyaa jidduu jiru ni miidha” kan jedhan Peskov, Yukireen misaa’ela Paatriyaat argachuun isii nagaa hin fidu jedhan.
Hoggantoota lamaan ''namummaa walxaxaa'' kan qaban jechuun kan ibsan dubbi himaan kun murteen akkanaa waldhabdee naannicha keessatti uumame daran walxaxaa taasisuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.
Gama biraatiin ammoo Yukireen misaa'ela Paatriyaat oomishuuf hayyamni yoo kennameef illee oomishuuf waggoota akka fudhatu Bloomberg gabaaseera.
Misaa'ela balistikii dhukaasu kan danda'uu fi tokkoon tokkoon isaa doolaara miiliyoona 5 kan baasu Paatriyaat yeroo ammaa Ameerikaa fi Jaappaan qofa keessatti oomishama.
''Misaa'ela Paatriyaat oomishuuf waggoota fudhata,'' jedhan ogeessi indaastirichaa Baakaa Waasar.
Kana jechuun akka Yukireen barbaaddutti hatattamaan itti fayyadamuuf qophaa’aa hin ta’u jechuudha.
Ameerikaan teeknooloojiiwwan miira namaa kakaasan irratti to’annoo cimaa gochuun pirojekticha harkisuu akka danda’u himaniiru.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the organization
Telephone
Address
3904 MLK JR Way S
Seattle, WA
98108
Opening Hours
| Monday | 8:30am - 8pm |
| Tuesday | 8:30am - 8:30pm |
| Wednesday | 8:30am - 8pm |
| Thursday | 8:30am - 8pm |
| Friday | 8:30am - 8pm |
| Saturday | 8:30am - 4pm |
| Sunday | 8:30am - 4pm |