Fast Generation
04/18/2026
😭Dargaggeessi Argaa jirtu kun Faarfataa Waldaa Guutuu Wangeelaa Lakkuu Kattaa achiis Waldaa Guutuu Wangeelaa saansuusii ture.
Faarfannaan isaa baayee beekamaadha. Nama Tajaajilaa fi Hojii barbaachaaf oliif gadi fiiguu malee waa'ee siyaasaa yoo gurra murteyyuu hin beeknedha.
Maqaan isaa Eyuel Walee jedhama. Kan dhalate Godina Qeellam Wallaggaa aanaa Anfillooti. Baratee illee kutaa 12 illee hin geenye kichuudha Reefu fuudhee Abbaa Mucaa Ji'a 6 ture. Duraan Magaaluma Buraayyuu Naannoo kattaa jedhamu jiraataa ture.
Garuu Manni kiraayii itti cimnaan gara iddoo manni kiraayii qannaasuu naannoo Gafarsaatti gale.
Guyyaa Sanbataa Guddaa ganama Magaalaa Buraayyuu Ganda Gafarsaa Burayyuutti Mucaa koo fan Aannaan biteefii gala jedhee Manaa ba'ee achumaan Waldaa Waaqeffannaarra oolee Galgala keessaa sa'aatii 1tti Daandii Aspaaltii Gafarsaa irratti yeroo inni Aannaan mucaa isaaf baatee gara mana isaatti goruuf jedhu garee maafiyaa 120 ajaja Kamaander Baayisaan Basaaftuu Rooberaa fi garee isaatiin Rasaasaan Corqaatti Dhangalaafame ifatti dhiigni isaas lola'ee hafe. Eenyu akka ajjeese ijaa beekamuuf namni Waan tokko jedhe hin turre.
Gareen Maafiyaa Buraayyuu kun erga ajjeeftee booda Borumtaa isaa Reenfi isaa gaafa 10/13/2025 Iddoo Awwaalchaa Tokkummaa Amantoota Wangeelaa Dirree Sololiyaa Keellaa fi Maariyaamii Gidduu jirutti Awwaalame.
Hanga ammaa haati manaan isaa Mucaa yeroo inni Ajjeefamu ji'a 6 baattee Iddoo Awwaalchaatti marmaartee Boossi Suuraa isheen karaa tiktokii isaa mamaxxansitu Garaa namaa Raasa baayee nama guba. Amma haati manaan isaas mucaan isaas Waan nyaatan waan kiraayii manaallee kaffalatan dhabanii namummaa keessaa ba'aniiru.
😭Wanta buraayyuutti ta'e nama miti Laggeen fi Bosonni Buraayyuu Waraabbeessi Buraayyuu haa dubbatu.
Fast Generation
04/17/2026
😌Gartuu Maa*iyaa Amboo fi Gochoota Fokkisaa isaanii Ajajoota isaanii wajjin😌
Fast Generation
04/17/2026
😌Poolisiin Magaalaa Buraayyuutti Argaa ooltan kun eenyu? Hojiin isaa maali Warri Buraayyuu inbox nuuf godhaa🙏
Fast Generation
04/17/2026
😌Isumayyuu Ija dhiibee Miidiyaatti ba'ee nu Ula Wanbadoota Amboo kan gurmeesse isaa fi Itti Gaafatamaa dhimma Nageenyaa Ambooti seeratti nuuf dhiyaachuu qaba🙏
Fast Generation
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
France
Minneapolis, MN