Gadisa sabaa

Gadisa sabaa

Share

07/12/2023

Filee caalchifatee
Hunda nama uumee
Nabii keenya Rabbi
Hundarratti shuume
Ergamaa aalamaa
Hundaaf laafu garaa
Kan fakkaattii hin qabne
Baraa hanga baraa

Tirikaa addunyaa
Ifaa akka aduu
Kan dukkanni shirkii
Nuura isaaniin badu
Barsiisaa karaa haqqii
Qulqulluu hin qabne makaa
Nabii jaalalli isaanii
Dubbisu mukaaf dhakaa
Miidhagaa hundumarra
Tolu amalaa; haalli
Arjaa mahabbaaa isaaniin
Hirqitee boossu Gaalli

Ergamaa nama mitii
Ulfeeffattu waatiini
Kan mu’ujizaa isaaniitiin
Addaan cabdu baatiinii
Ergamaa rahmatummaan
Beeku gamanaa gamni
Kan Rabbiin guddifate
Ni xiqqeessaaree namni?

Gadheen sammuu diddooftuu
Hin geenye hanga horii
Woroon har'uma malee
Hin beekne guyyaa borii
Biyya lafaa kanarra
Zalaalam turti seetee
Garaa guuttachuuf jettee
Dubbattus wanta feete
Maraatuun qalbiin gogaa
Nutti gortee karaadhaa
Bulgaafachuu yaaltullee
Xurii qabdu garaadhaa

Nabii jaalala isaaniin
Jalaa sochootu tabbi
Xiqqeessuu hin dandeessu
Kan guddifate Rabbi!
Dhiiraa dhalaan muslimaa
Manguddoo hanga sabiyyii
Lubbuu keenya caalaatti
Kan jaalannu nabiyyii
Biliyoonaan hordofna
Faana isaanii buunee
Nuuf milkii hunda caalu
Fidaa isaanii yoo duune

Fidaaka Abii wa'ummii yaa Rasuulallaah! S.A.W!❤

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Riyadh?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Riyadh