Dasee Js

Dasee Js

Share

Photos from Dasee Js's post 27/01/2026

"Uummanni Oromoo gabrummaa jalatti buluuf wali galtee mallattesse tokkoyyuu hin qabu" Jecha Gooticha .

bara 1942 lixa Oromiyaa godina wallaga lixaa (Gimbii) aanaa Bojjii Dirmajji jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa silgaafi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate. Abbaan isaafi harmeen isaa walitti aansuun du’aan irraa adda baanaan Baaroon obboloota isaa lamaan Raaheelfi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessa isaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti gatiittiitti baatanii isa fidan. Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaafi 2ffaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaane Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Haayile Sillaasee 1ffaa jedhamuun beekamurraa barnoota Faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin Yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate.

Baaroon egaa turtiisaa Yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarrtti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pireezedaantii ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee Yunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojetaa ture. Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo Yuunivarsiitii keessatti haaxiqatu iyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattoota Yunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera.

27/01/2026

𝗦𝗲𝗲𝗻𝗮𝗮 𝗚𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗼𝗼
(1998-2004 ALH) qabsaawaa Fincila Baalee keessatti Jeneraal Waaqoo Guutuu wajjin ta'uun lolaa turani. Huseen jecha nafxanyaa qawween hin ajjeftu jedhu kan yeroo sana diinni ittiin ummata Oromoo sodaachisuuf fayyadamu nafxanyoota hedduu ajjeesun soba ta'u ummatatti agarsiisan.


Huseen Bunee Godina Baalee aanaa Sawweenaa bakka Goonii Gafarsaatti jedhamutti abbaasaa Daraaraa Godaanaa fi armeesaa Hawwaa Badhaasorraa bara 1898 (ALH) ykn 1904/1905 ALA dhalate. Abbaansaa erga dua'anii booda Huseen Bunee qe'ee abaasaa too'achuuni fi obboleeyyansaa guddisuun dirqamasaa waan tureef kanuma fudhatee socho'aa ture. Yeroo sana manni barumsaa waan hinjirreef, Huseen mana amantii Islaamaa seenee amantii baratee barsiisaa ture. Erga guddatee haadha manaa fuudhee booda, ciminaa fi siyaa'inasaa kan argan bulchiinsa Mootummaa Hayila Sillaasee keessatti Burqaa godhanii muudan. Adeemsa keessan ciminasaarraa ka'uun gara bakka bu'aa baalabbaataatti ol guddisan. Adeemsa hojii kana keessattis hacuuccaa sirni Nafxanyaa ilamaan Oromoorran ga'u argee aaruu jalqabe.
Walga'ii baalabbaatota Oromo ta'an 18 irratti, Huseen Oromoon sirna nafxanyaa qabsaawu akka qabuu innis kanumaaf qophaawuusaa itti himee isaanif akka isa faana hiriiran gafate. Isaan garu humna maalitiin Hayila Sillaasee lolta, kuni gonkumaa hin ta'u jedhanii didan. Innis akkamitti akkan qabsaawuu Nafxanyaa akka falmu sinittan agarsiisa jedheen.

Itti aansun Huseen Bunee horiisaa keessaa sangoota sagal gurguree qawwee sadi'i bitate qabsoof qophaawe. Obbolootasaa fi namoota biraa muraasa fudhatee bara 1962 ALH qabsoo eegale. Huseen Bunee Gaara Goonirratti qubachuudhan qabsoo finiinse. Namoonni gabrummaan itti hammaate hedduun dhaqanii miseensa waraana Huseen Buneetti makamuu eegalan. Gaara Goonii kan amma Gaara Huseen Bunee jedhamee moggaafame karaan ittiin koran tokko qofa, loltoonni Huseen Bunees gaara kana erga koranii booda loltuun Hay

27/01/2026

"Waan akka Leenjoo hoomuu hin qabne
kan akka midhaani nyaatuu nu hafne"

Leenjisoo Diigaa – Gooticha Arsii Hin Dagatamne

Eenyu Leenjisoo Diigaa?

Ijoolleen Leenjisoo Diigaa Jirtuu?

Leenjisoo Diigaa maqaa oromoo keessatti akka mallattoo gootummaa fi falmii bilisummaa ta’ee kan yaadatamu, hoogganaa waraanaa Oromoo Arsii yeroo koloneeffataa sirna nafxanyaa Minilikiin gaggeeffamaa ture, qabsoo cimaa geggeesseedha.

Inni bara 1881 hanga 1887 tti hoogganaa waraanaa Oromoo ta’uun, qabsoo ummanni Arsii (Sikkoo Mandoo) gaggeesseef ijoo ta’e. Injifannoowwan dirree waraanaa irratti argaman keessaa, kanneen akka Doddotaa, Albasoo, Dibbee, Haroo Hamoommotaa fi Laga Qalaxaatti milkii boonsaa galmeesse.

Qabsoo Waraanaa fi Injifannoo Leenjisoo

Leenjisoo Diigaa bara 1881 hanga 1885 tti waraana Minilikiin gaggeeffamaa ture keessa si’a shaniif injifannoo gonfachiisuudhaan, Minilik itti jilbiiffachiise.

Fakkeenya qabatamaa ta’e keessaa, bara 1884 Leenjisoo Diigaa, Jaatamee Bultumii fi ilmaan isaa waliin farda Minilik irratti fe’amee ajjeesuudhaan, Abbaa Daanyoo jedhamu balleessan. Kana booda hanga Dibbee fi Gonfoo irraa buqqisanitti waraanni isaanii tarkaanfii cimaa fudhatee ture. Minilik garuu carraa salphaan lubbuu isaa baqachuudhaan baraarame.

Guyyaa sana, Leenjisoo Minilikiif jaldeemtu isaa hanga magaalaa Mojootti fardaan ari’e. Tarkaanfii cimaa fi gootummaa kanaan Leenjisoo maqaa fi kabaja ol’aanaa horate.

Haa ta’u malee, gara boodaatti, erga Aanolee irratti Oromoonni harka fi harma muraa irratti saaxilamanii booda, Leenjisoo Nafxanyootaaf akka of kenne fakkaachuun, ajaja Minilik jala ooluu dhiisee, Dajjaach Wasanee – hoogganaa waraana nafxanyaa – ajjeesuudhaan falmii isaa itti fufe.

Leenjisoo fi Seenaa Aadaasaa

Seenaa Leenjisoo Diigaa keessaa kan nama hedduu miira qabu, akkana jedhamee himama: Leenjisoo gosa Arsii Kolooba jedhamu irraa dhalate, garuu haadha isaa – gosa Abeeta – biratti guddachaa dhufe.

Dasee .

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Riyadh?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Riyadh