YASIN ORO

YASIN ORO

Share

06/08/2023

Ilmi namaa uumamumaanuu qindoominaan jiraachuuf kan uumamedha.

Gaafa ati dhalattu namootatu maatiikee bira dhaqee gammachuusaanii bifa garaagaraatiin ibsata. Dubartootni walitti dacha'anii dhalachuukee sababeeffachuun ililchu. Ollaan, firaa_fixian, tolaa_soddaan, wolumaagatti namni abbeetii fi haatee beeku hunduu ''baga waaqayyo nagaan isii hiike, daa'imnis kan guddatee haadhaa fi abbaa afaan beeku haata'u. Ilma biyyaafis toltuu hojjetu haata'u!'' jedhanii eebbisu. Gariin inumaa horiifaa maqaa daa'ima dhalatee sanaan kenna. Bara ammayyaa kanattis uffannaa daa'ima dhalattee dabalatee kennaawwan adda addaa qabannee dhaqnee '' ilaansoo'' gaafachuun baratamaadha.

Gaafa guddattee milkiiwwan adda addaa goonfattus namootatu sagantaa kee siif bareecha. Gaafa fuudhaa_heeruma, gaafa yunivarsitiirraa eebbifamtu, yennaa dhaabbilee misoomaa garaagaraa hojjettee eebbisiifattu....walumaagalatti, namatu si bira dhaabbata. Namatu jaala (miinzee) siif ta'a. Namatu jila kee siif jilisa. Sagantaa keetirratti ati adii uffattee namootni ammoo dafqanii siif milkeessu. Namaan malee wanti namni matayyaan godhatuu danda'u baay'ee muraasa.

Gaafa namni sirraa du'e namatu sirraa awwaala. Namatu jajjabeessee si dandamachiisa. Gaafa ati duutus namatu si awwaala. Nama maatii, firaa-fiixaa fi jaallattootakee hunda jajjabeessa.

Addunyaa hojii keessattis nama waliin hojjetta. Kophaa kee wanti ati murteessituu fi raawwattu jiraatus hojiiwwan hojjettu keessaa irra caalaan kan nama biraa waliin hojjettutu caala. Nama malee nyaatninuu namaaf hin nyaatamu. Hirribnis nama hin qabu.

Wolumaagalatti, jireenya keenya keessatti rabbi isa itti amanannuun gaditti nama kan nuuf caalu homtuu hin jiru. Nama barbaachaaf gaa'ila ijaarranna. Nama horachuuf ilmaan godhanna. Nama barbaacha hiriyyaa qabanna. Amantiin jireenya bara baraatiif jennee amannus namoota wolitti sassaabbannu malee amantii ta'uu hin danda'u. Nama malee gabaa dhaqanii bitatanii gurgurachuu dhiisii jechumti ''gabaa'' jedhamuyyuu jiraachuu hin danda'u.

Duuba, ergii jiraachuun namaa hanga kana mara jiraachuu dhuunfaa keenyaatiif barbaachisaa qofa osoo hin taane daran murteessaa ta'ee, ilmi namaa maaliif harka caalu waan dhala namaa fayyadu dhiisee waan isa miidhu irratti hojjetaa oola?

06/08/2023

Ni balaaleffanna
dhiiraaf dhiirti❌🙅 Shamaraaf shamarri
Wal fuudhuu❌🙅

06/08/2023

Barumsa barattee yoo Qoramtu jireenya Ammoo Qoramtee Baratta ✍️

05/08/2023

Ajaa’iba🤔
Sin fuudhaa D qabdaa jenaani Ato Qarshii Meeqa Qabda nan jette
Maal jechuu🙄🤔🙆

Photos from YASIN ORO's post 04/08/2023

🥰👇
===================
Gamessaakoo qalii nama
Bar atii dhuguman jawwee
Jaalalaa akkaa ketii horachuf
Meqatuu dadhabee hawwee!

Atii fakkatti hin qabdu
Baredumnii kee addaa
Jaalallii kee hin dhumuu
Guyyarra nattii maddaa!

Yoo gantuuf galtuu male
Oromoon koo sii jalataa
Kan qamaan sin argines
Nagenyumaa sif kadhataa!

Oromoo gargar faca'ee
Wolitti qabdee tokko gote
Onnee oromotaa hundaa
Atii akkasini kan mootee!

Goota dhugaa dubbatuu
Haftee Nadhii Gammadaa
Gotichaa soda hin qabnee
Leenca onnee barbadaa!

Gotichaa rorroo jibbuu
Fakkataa Haylee fidaa
Gabrummaa hin fudhatu
Naf hin ta'u jedhee didaa!

Jabaa Sabaaf jiraatu
Sanyii Abbishee Garba
Seenaan goonnii hojjatu
Dhaloota dhalootitti darba!

Umrii nuf dheradhuu
Mandellaa oromotaa
Dandii dhugaa qabatte
Gaafa tokkoo nii moota!

Gotichaa soda qabnee
Leencichaa onnee guutu
Dinnii argaakee jibbituu
Guggubattee haa dutuu!

Dhugaaf lafee cabdee
mirgaan gali jawwee koo✊💪

❤️
💚
❤️
FINFINNEE OROMIYAA

Want your school to be the top-listed School/college in Jeddah?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address


Saudi Arabiaa
Jeddah
22230