Oro Tv

Oro Tv

Share

04/11/2021

LEENJISOO DIIGAA


Leenjisoo Diigaa Beektuu Laata?

Seenaa qabsoo diddaa gabrummaa Oromoonni Sirna gitabittaa nafxanyaa irratti gaggeessan keessaa qabsoon Oromoon Arsii(Sikkoo Mandoo) bara 1881-1887tti gaggeesse
akkaan hadhaawaa fi Aarsaa guddaa kan gaafate akkasumas injifannoowwan dirree waraanaa irratti Oromoon Nafxanyaa irratti gonfate keessaa injifannoon Doddotaa, Albasoo, Dibbee, Haroo Hamoommotaa fi laga Qalaxaatti Humni Waraana Arsii Leenjisoo Diigaatiin Hoogganamu si'a shaniif bara 1881-1885 tti Minilik itti Jilbiiffachiise kan yoomuu dagatamuu miti. fakkeenyaaf, Waraana bara 1884tti gaggeeffameen Leenjisoon akkasumas Jaatamee Bultumii fi ilmaan isaa farda Minilik Yaabbate kan Abbaa Daanyoo jedhamu
ajjeesuudhaan hanga Dibbee fi Gonfoo mataa minilik irraa fuudhanitti kan kalaahe ture. haa
ta'uu malee Minilik xinnomaaf lubbuunsaa baraaramtee jirti. Guyyaa sana Leenjisoon Minilikiif Jal-deemtuu isaa hanga Magaalaa Mojootti fardaan ari'ee biraa deebi'ee ture. Leenjisoo Diigaa harka muraa fi Harma muraa Aanoleetiin booda waan harka kennate fakkaachuudhaan nafxanyaan waraana akka hiikkattu erga taasiseen booda Hoogganaa Waraana Nafxanyaa Dajjaach Wasanee jedhamu ajjeesuudhaan Gootummaa isaa mirkaneessee jira. Oromoon Arsii har'as ijoollee isaa yommuu Eebbisu Onnee Leenjisoo, Harka Leenjisoo, Ija Leenjisoo, Gurra Leenjisoo isiniif haa kennu jedha. kunis Gootummaa fi Hayyummaa
Leenjisoo mirkaneessuudhaaf. Leenjisoon Gosa Arsii kan Kolooba Jedhamu keessaa dhalatus kan isa guddise garuu gosa Harmee isaa Abeeta akka ta'e himama. ilmi Oromoo Arsii tokko akka Aadaatti gosa Abbaa Malee kan haadhaa biratti hin guddatu ture. haa ta'uu malee wayta inni ijoollee turetti Abbaan isaa waan irraa du'eefhaati isaa maatii ishee bira fiddee laatte. Leenjisoon gosti Abbaa isaa Koloobni waan isa hin guddifneef aarii irraa qaba ture. guyyaa tokko Bosona deemee ijoollummaa isaatti Leenca erga ajjeeseen booda Gosa Kolooba jedhamu kan Abbaa Kootii naaf yaamaa jedhee Eessuma isaa ajaje. Eessumni isaas Gosa koloobaa keessaa namoota baay'ee wameef kana booda Leenjisoon haala Armaan gadii kanaan gosa Abbaa Isaa Kolooba geerarsaan qaanesse '' Koloobni gadi gatee Abeetni guddifatee waan boru biyyaa tahu waan boru Arsii tahu Leenjoon har'uma mudhifatee,,,,(2x). Leenjisoon kana jedhee kan geerareef gosa Abbaa isaa Kolooba Gaabbii keessa galchuuf ture. Gootummaan Leenjisoo tan guyyaa keessa dhufte osoo hin taane tan ijoollummaa irraa waliin guddate ta'uu umrii ijoollummaatti adamoo bahee Leenca Ajjeesuun isaa kun ragaadha. Gaaf Leenjisoon du'e Ummanni Sikkoo Mandoo kan Waabee gamaa fi gamanaa marti yaa'ee boohe manguddoon Sirna Awwaalcha isaa irratti argaman tokko immoo haala armaan gadiitiin Leenjsoo faarsuudhaan
ummata tasgabbeessaniiru.
'' Waan akka Leenjisoo
Homuu hin qabnee
warri midhaan nyaatu
nuyyuu hafnee,,,,,,(2x)'' Hiikkaan dubbii tanaas,
Leenjisoon Seenaa Yoomuu hin duune hojjateera waan ta'eef hin duune. kan du'e immoo nuyi warra Seenaa osoo hin hojjanne midhaan nyaatu kan qabsoon keenya midhaaniif bishaan ta'e malee jechuudha.,,,,,,,,,,Leenjisoon Heexosaa irraa dhiheenyatti kan argamu naannawa Doddotaatti akka dhalate ni himama. Goonni du'us Seenaan isaa bara bara baraan kan jiraatu ta'a.

oro tv

04/11/2021

Nadhii Gammadaa
Qabsaawaa Oromoo

Nadhii Gammadaa (1955-) qabsaawaa mirga Oromoofi miseensa ABO ture. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buuteen isaa kan dhabame yoo ta’u du’uu ykn mana hidhaa jiraatuun isaa haga yoonatti hinmirkaneeffamne.

Seenaa Duuba

Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa Zuwaay Dugdaatti Maqaan dhalootaa isaa Qaasim H/Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan ittiin waamamu maqaa qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 Kutaa Arsii Aanaa Zuway Dugdaa keessatti, Abbaa isaa H/Usmaan Roobaafi Haadha isaa Aadde Amiinaa Borsee irraa dhalate. Maqaan Nadhii jedhu kun maqaa abbaa isaa kan H/Usmaan Roobaa ture. Abbaan isaa amantaa Islaamaa erga baratee booda, maqaa isaa gara H/Usmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaa isaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetiifi obboloota durbaa afur qaba.

Nadhiin mana barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee Yuunivarsiitii Finfinnee gale. Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuuf bara 1978 ABOtti makame. ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta’e.

Nadhiin bara 1993 wal ga’ii ABO irratti hirmaachuuf Waardiyoota isaa ja’a (6) wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu, bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsiifi Harargee jidduutti argamtutti butamee, achi buuteen isaa dhabame. Nadhiin goota sammuu qaroo, kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu, kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame miti.

Walumaa galatti Nadhiin seenaa Oromoo keessatti nama seenaan isaa barabaraan yaadatamu eessa akka jiru du’ee jiraafi lubbuun jiraan isaa kan hinbeekamne nama seenaa guddaa qabuudha. Nadhii Gammadaa as-buuteen dhabame haajedhamu malee, barbaacha isaaf xiyyeeffaannoon gama mootummaatiin wanti hojjatame hinjiru. Namnii namaaf falmuuu haa barbaadamu ilaalun gaariidha.

Akkuma sagalee haasawa isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo dhugaa kan qabuudha. Jechoota muraasa gatii qabdu, kan haasawa isaa humna qabeessaa keessaa;

1. “Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qoodanna, feenu immoo akka barbaadnetti bulfachuun mirga keenya.!”

2. “Osoo halagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu, nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru.!”

3. “Hiree Ummata Oromoo kan murteessu, Ummata Oromooti malee, anatu sii beeka, karaa kana deemtu malee, kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu, Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti.!”

4. “Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun, biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbataniitti galchuu qofaani.!”

5. “Hundi keenyayyuu; Ummanni Oromoo bakkayyuu, harka wal qabannee, waliin dhaabbannee, waan warri Aanoolee itti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannuu.”

6. “Oromoon tokko. Amantiin addan bahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu.”

7. “Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee, namni biraa murteessuu hin danda'u. Kan warra biraa nurratti murteessisuu dhidhiibu haa badu.!” fi kan biroo jechoota hedduu Ummata Oromoo hundaaf dhaamee jira.”

04/11/2021

𝐅𝐚𝐫𝐝𝐚 𝐒𝐢𝐢𝐝𝐚𝐚 𝐃𝐚𝐛𝐚𝐥𝐞𝐞

Fardi Minilik Yaabbatee Slidaan isaa Dhaabbatee jiru kun kan ilma Oromooti nama maqaan isaa "Siidaa Dabalee" jedhamuudha. Mootiin minilik kun bara mootummaa isaa Guyyaa Ayyaana Dhaloota isaa Kabajuuf guyyaa tokko Uummata hunda waamee. keessatu oromoota Naannoo Bakka Amma Giddu galeessa Aadaa Oromoo itti ijaarame bara sana jiraatan Oromoota fi heddu isaani Waamee Fardaa isaani Faayyaa Aadaa biyyaan bareechani Qabatani Gulufaa dhufuu godhaan. Warri Waamame Martinuu Fardeen isaani Qabatanii iddoo Ayyaanna Sanaa yeroo gahan Minilik immoo isaa uffatee taa,ee akka isaan hiriiraan Gulufaa fiigaa isaa dura darban ilaala. Isaanis akkuma ajajamanin hiriira galanii yeroo Minilik dura Fiigichaan darban Fardeen Namoota hundummaa dursee Kan fiiguu Fardi Bareedaa fi cimaan Farda Yeroo kanati fardicha waan baayee jaallateef Farda Oromtichaa ofiti waamee dirqiin irraa fudhatee Miilaan lafoo galche. Bara mooti Minilik Yaabbii Gaariin Qabeenyi Gaariin, Aangoo fi Taayitaa gaariin oromooti hin kennamu ture, yoo waan Gaariin harka oromooti argamtes bifuma kanaan harka fudhatu.

17/10/2021

GRAND P
Maqaan isaa giraandi p jedhama. Bara 1993tti biyya giiniitti dhalate. Amma umriin isaa waggaa 28. Baayyee gabaabaadha. Nama dhibee sanyiin dabru "progeria "jedhamu qabuudha. Dhibeen kun erga daa'imni dhalatee baatii xiqqo taa'ee booda nama dullacha fakkeessaa deema. Kana malees namni dhibee kanaan qabame hin guddatu. Namoonni dhukkuba kana qaban hedduun isaanii dhibee akka onnee ,kalee fi dhibeelee biroof waan saaxilamaniif waggaa diigdammoota ykn diigdammootaa gaditti du'u.

Giraandi p n wallisaa biyya giinii fi akka addunyaatti beekaamaa fi sooreessa ta'eedha. Nama qabeenyaa biliyoonaan lakkaawamu qabuudha
Namni kun wallisa qofa osoo hin taane taatoo( actor) fi nama siyaasaati. Gara fuulduraatti paartii moormituu hundeessee nama biyya bulchuu yaada qabuudha.
Giraandi p n haalli fayyaa isaa harka hin kennisiifne. Dhibeen kun dalagaa isa dhoorkuuf yaalullee inni dur caalaa jabaatee as bahee jira. Inumaa jireenya namni hundi jiraachuu hawwu jiraachaa jira. Dandeetti rab

Want your university to be the top-listed University in Doha?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


43
Doha
56