Dima Primary Hospital

Dima Primary Hospital

Share

26/08/2025

Waamicha Ariifachiisaa!
Day 6
************************
Duulli miidiyaa obboleessa keenya Addunyaa Yaalchisuuf gochaa jirru erga jalqabee har'a guyyaa 6ffaadha. Duula kanarratti hanga ammaa namoonni 285 fi Waldaan Amantaa 1kan hirmaatan yoo ta'u duula kanaanis baasin obboleessa keenyaf barbaachisu reefu dhibbentaa 60% irra gahe.Egaa akkuma Beekamu mucaan kun Hojjataa mootummaa harkaa duwwaa jiruudha.Baasin hanganaa yaa hafuutii...Hundaafuu Namoota tumsa kanarratti hirmaataniin ulfaadhaa fayyaa hin dhabinaa jennaan. Warri hin hirmaatin ammas waan humnaatin Obboleessa keenya akka deeggartan waamicha namummaa isiniif taasifna.
Loomin shantamaa nama tokkotti ba'aa,nama shantamatti birqii akka jedhan san dubbiin!!!
CBE👉1000712882712
Awash👉013201629352200

Photos from Dima Primary Hospital's post 24/07/2025

Adoolessa 17,2017,Hospitaalli Jalqabaa Diimaa gamaggama hojii bara 2017 fi karoora hojii bara 2018 bakka Hooggantoonni BFO,Waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar, Hooggantooti kutaa magaalaa garaagaraa fi Istaafin Hospitaalaa jiranitti dhiyaatee jira. Marii bal'aanis taasifameera.Dippaartimantiiwwan adda duree ta'aniifi Qaamolee milkaa'ina Hospitaalichaaf tumsa gochaa turan maraaf waraqaan beekamtiillee kennamee jira.

Photos from Dima Primary Hospital's post 11/06/2025

Guyyaa har'aa Hospitaalli diimaa Ambulaansii ammayaa'aa ta'e Waajjira Fayyaa Magaalaa shaggar irraa badhaafameera.
Hooggansi Waajjira Fayyaa magaalaa shaggar guddaa nuuf galatoomaa!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Sebeta?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Sebeta