Jimma Zone Communication

Jimma Zone Communication

Share

Photos from Jimma Zone Communication's post 08/07/2026

"Mootummaan jijjiiramaa rakkoo kenna tajaajilaa waggootaaf ture bu'uurarraa furuuf cichee hojjechaa jira." Obbo Tijjaanii Naasir.
*********
Godina Jimmaa Aanaa Maannaatti Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo ijaaramaa ture eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'eera.

Wiirtuun kun tajaajiloota 88 fooddaawwan sagalii fi ogeeyyii 42'n tajaajila kan kennu yemmuu ta'u, seektaroota sadarkaa aanaa 10 fi Bulchiinsa Magaalaa Yabbuu irraa iddoo tokkotti tajaajila kan kennuu fi guyyaa har'aas tajaajila jalqabuu isaa Bulchaan Aanaa Maannaa Obbo Samaraddiin Ahimad himaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, mootummaan jijjiiramaa kenna tajaajila mootummaatiin wal qabatee rakkoolee turan bu'uura irraa furuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jira jedhanii, Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoof qaama hojii kanaa akka ta'e himaniiru.

Akka Godina Jimmaattis sadarkaa Magaalotaafi Aanaaleetti ji'oota muraasa dura wiirtuuwwan tajaajila 1ffaan hojii jalqabuu isaanii kan himan Obbo Tijjaaniin, rakkoon kenna tajaajilaatiin walqabatee ture furamaa jiraachuufi baasiifi yeroon tajaajilamtootaas qisaasama irraa baraaramaa akka jiru dubbataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, Wiirtuun Kenna Tajaajila Iddoo Tokkoo sadarkaa Aanaaleefi Magaalota xixiqqootti jalqabamuun isaa kutannoo mootummaan jijjiiramaa hawaasatti siquun tajaajila kennuuf qabu kan agarsiisu ta'uu himuudhaan Bulchiinsi Magaalaa Jimmaas muuxannoo gama kanaan horate Aanaaleef Magaalotaaf kan qoodu ta'uu dubbataniiru.

Aanaa Maannaatti guyyaa har'aa Wiirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo dabalatee Gamoon Waajjira Bulchiinsa Aanichaa fi Gamoon Waajjira Paartii Badhaadhinaa ijaarame eebbifamuun guyyaa har'aa tajaajila jalqabanii jiru.

Photos from Shimelis Abdisa's post 06/07/2026
Photos from Jimma Zone Communication's post 06/07/2026

Kenna tajaajila fayyaa fooyyessuu keessatti dhiyeessiin qorichaa qooda olaanaa qaba.
*****
Fedhiin dhiyeessii qorichaa dhaabbilee fayyaarraa , birrii Biiliyoona tokkoofi Miiliyoona dhibba sagaliin dhiyaate keessaa Biliyoona tokkoofi Miiliyoona dhibba sadiin dhiyeessiin raawwatamuu, dhaabbanni tajaajila dhiyeessii qorichaa Itoophiyaa Damee Jimmaa beeksiseera.

Dhaabbanni tajaajila dhiyeessii qorichaa Itiyoophiyaa Damee Jimmaa , hojiiwwan bara 2018 keessatti hojjetaman qooda fudhattoota waliin Magaalaa Jimmaatti qorateera.

Dhiyeessiin qorichaafi tajaajilli kennamaa ture dhaabbileen hangam itti quufaniiru kan jedhu waltajjii qorannoo raawwii gaggeeffame kanaan dhiyaateera.

Tajaajila dhiyeessa qoricha Itiyoophiyaa Damee Jimmaatti hojii gaggeessaafi qindeessaan Kilaastera Kibba Lixa Itoophiyaa Obbo Ismaa'el Iisaa, dhaabbilee fayyaa mootummaaf yeroon qoricha dhiyeessuun hojiin bu'a qabeessi hojjetamuu isaa ibsaniiru.

Dhaabbileen Fayyaa 5,400 akka biyyaatti fedhii qorichaa qaban dhiyeessaniif birrii biiliyoona kudha ja'aan dhiyeessii qorichaa raawwanneefi jirras jedhan.

Tajaajilli dhiyeessii qoricha Itiyoophiyaa Damee Jimmaas , fedhii dhiyeessii qorichaa birrii Biiliyoona 1.9 gaafatame keessaa qarashii Biliyoona 1.3 ta'uun dhiyeessuu isaas ibsaniiru.

Sirna dijitalaa hojiirra oolchuun facaatii ture iddoo tokkotti qindeessuun danda'ameera kan jedhan Obbo Ismaa'il, humna namaa, tajaajila faayinaasii fi bittaa dijitaala gochuun rakkoo ture furree jirras jedhan.

Baajanni dhaabbileen fayyaa qoricha argachuuf ramadan xiqqaa waan ta'eef irratti hojjetamuu akka qabus himaniiru.

Qooda fudhattoonni Naannolee Kibba Lixa Itiyoophiyaafi Godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Booriifi Buunnoo Beddellees tajaajilli dhiyeessii qorichaa Itiyoophiyaa Damee Jimmaan kennamaa jiru gaarii ta'uu dubbataniiru.

Want your organization to be the top-listed Government Service in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Jimma