HU FM 91.5 RADIO
04/06/2026
Yuunivarsiitiin Haramaayaa Polisiiwwan hedduu yuunivarsiitiin of danda'ee buluuf isa dandeessisan qopheesse xumuruun ibsamee
Qajeelfamoota of danda'ee buluuf qophaawan irrattiis miseensoota kaawunsilii fi barsiisootni buleeyyii yuunivarsiitii Haramaayaa marii gaggesssaa jiruu.
Yuunivarsiitii Haramaayaatti daayirektarrii qophii of danda'ee buluu yuunivarsiitichaa Doktar Adinaw Taddasaa akka dubbatanittiis qajeelfamooitni dhiyaatan dhimmoota barnootaa, bulchiinsaa, faayinaansii fi humna namaa irratti imaammataawwan dhiyaatan ta'uu ibsuun marsaa yeroo ammaa kanaattiis polisiiwwani fi qajeelfamootni sagal dhiyaachuun mariin kan irratti adeemsifamaa jiru ta'uu ibsaniiruu.
Pirezidaantiin yuunivarsiitii Haramaaya Doktar Jamaal Yuusuf waltajjii kana irratti akka dubbatanittiis qajeelfamootni fi polisiiwwan irra hedduun qophaawanii yaada hayyootaan gabbachaa kan gara xumuraatti deemaa jiran ta'uu fi kuniis yuunivarsiitichi akka of danda'ee buluuf kan isa dandeessisuu dha jedhaniiruu.
Yaadama yuunivarsiitii of danda'ee buluu irratti hawaasa yuunivarsiitii waliin mariin hubannoo gaggeffamaa jiraachuu fi kuniis carraa yuunivarsiitiin of danda'ee buluuf
argame kana akka hubatan godhuun qaama hojiiwwan kana raawwataniif immoo deggarsa akka godhan hojjatamaa jiraachuu himaniiruu.
Pirezidaantiin yuunivarsiitii Haramaayaa itti dabaluun akka dubbatanittiis yuunivarsiitiin of danda'ee buluun hojjattootaa fi dhaabbatichaaf carraa gaarii qabatee kan dhufu waan ta'eef hojiirra oolmaa of danda'ee buluu kanaaf hundinuu gahee gama isaa qixa sirrii akka bahachuu qabu waamicha dabarsaniiruu.
Qajeelfamootni fi polisiiwwan sagal har'aa fi buru dhiyaatan gamaaggamamuun yaada hayyootaan akka gabbatan godhamaa jiran kun guyyaa boru akka xumuraman sagantaa bahe irraa hubachuun danda'ameeraa.
Gabaasni kan :- Damooz Yaaqoobi
Ogeessota kaameeraa :- Fu'ad Ahammad Ali fi Tewodros Lishan
Caamsaa 27/2018
04/06/2026
https://www.facebook.com/share/194cJiuXdc/
Yuunivarsiitiin Haramaayaa teeknooloojiiwwan qorannoo qonnaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’an cimsaa jira
Caamsaa 27/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Haramaayaa oomisha qonnaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’uu fi omisha olaanaa argamsiisuu danda’u irratti hojii qorannoo fi ce’umsa teeknooloojii daran cimsuu beeksise.
Akka itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi misooma hawaasaa yunivarsiitichaa Dr. Isaaq Yusuuf himanitti, yeroo ammaa kana gosoota midhaanii fi horsiisa beeyladaa jijjiirama qilleensaa wajjin walsimu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa akka jiran dubbatan.
Gosoota midhaanii fi beeyladaa haaraa haala qilleensaa jijjiiramaa naannoo tokkoon tokkoon isaanii dandamachuu danda’anii fi hawaasaa fi qonnaan bultootaaf oomisha fooyya’aa argamsiisuu danda’an raabsuu fi babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Haaluma kanaan bara kana qofa oomishaalee qonnaa jiranii fi haaraa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’anii fi omisha olaanaa argamsiisan 120 hawaasaaf dhiyaachuu isaanii itti aanaan pireezdaantii beeksisaniiru.
Itti dabaluunis yuunivarsitichi damee qonnaa qofa osoo hin taane fayyaa fi teeknooloojiin hojjachaa jiraachuu fi beekamtii argachaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessumaa gama teeknooloojiin teeknooloojiiwwan jijjiirama qilleensaaf mijatoo fi baasii xiqqaa ta’een qopheessuuf qorannoon hojjetamaa jira jedhan.
Yuunivarsiitichatti Piroofeesara Saayinsii Biqiltootaa fi Qindeessaa Qorannoo Qonnaa kan ta’an Dr. Yoonaas Mogas jijjiiramni qilleensaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun omishaafi oomishtummaarratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhiibbaan jijjiirama qilleensaa keessumaa kutaalee Baha biyyattii keessatti mul’achuu isaa hubachiisuun, rakkoo kana furuuf yunivarsiitichi teeknooloojiiwwan qorannoo adda addaa hojjeteera jedhan.
Bara darbe gosootni loozii hongee dandamatanii fi oomisha gahaa kennan lama misoomsuun qonnaan bultootaaf naannoo roobni muraasni itti roobutti raabsamuu eeraniiru.
Gosoota midhaanii biroo adda addaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’an irrattis qorannoon taasifamaa jiraachuu fi fayyadamtootaaf raabsamaa jiraachuu ibsaniiru.
Inistiitiyuutii Teeknooloojii Yunivarsiitichatti Daarektarri Olaanaa, Barsiisaa fi Qorataan Injinar Hamzaa Ahmadnuur akka jedhanitti, yuunivarsitichi pirojektoota qorannoo gama teeknooloojii rakkoo hawaasaa furuun gaggeessaa jira.
Injiinar Hamzaa akka jedhanitti, meeshaalee naannootti argamanii fi baasii xiqqaa ta’an fayyadamuun manneen ijaaruu irratti qorannoon gaggeeffamuu eeruun, kunis akka biyyaatti fudhatama argatee babal’isuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan.
Yuunivarsiitiin Haramaayaa tibbana Yaa’ii Gamaaggama Qorannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa Waggaa 43ffaa gaggeessuun ni yaadatama.
filatteetti ’atteetti

ሐረማያ ዩኒቨርሲቲ ራስ ገዝ ሆኖ እንዲቀጥል ያስፈልጋሉ ተብለው የተዘጋጁ ረቂቅ መመሪያዎች ላይ የዩኒቨርሲቲው የካውንስል አባላትና አንጋፋ መምህራን እየተወያዩባቸው ነው።
ግንቦት 27/2018 ዓ.ም
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Address
Harar