FACT

FACT

Share

Photos from FACT's post 29/12/2025

BUUFATA FAYYAA AWWADAAY

Photos from FACT's post 01/11/2023

Yunivarsitiin Haramaayaa ( Haramaya University) Rakkoo Gama Barnootaan jiru furuuf hojjachaa jiraachuu ibsan.

20/2016 Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Haramaayaa tti Yunivarsitiin Haramaayaa Rakkoo Teeysoo Barattootaa Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haramaayaa furuuf Teeysoowwan 200 Qr kuma 600 olitti shallagamu Deeggarsa taasiseera.

Yunivesitichi yeroo gara garaatti Rakkoo Hawaasa naannichaa furuuf Deeggarsa Gara Garaa taasisuun Fakkeenyummaa Guddaa horachaa kan jiru yoo tahu guyyaa arraas Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf Rakkoo Teessoo Barattoota Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haramaayaa Mudate furuuf Teessoowwan 200 Qr kuma 600 olitti tilmaamamu Bakka Itti Gaafatamaan Ijaarsa waajjira paartii Badhaadhina Magaalaa Maayaa Obbo fi Daayireektarri Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haramaayaa Obbo argamanitti Qeebalchiiseera.

Deeggarsicha kan qeebalchiisan Managing Directory Inistiitiyuutii Teeknooloojii Yunivarsitii Haramaayaa Injiner Hamzaa Ahmadnuur fi Ogeessa Tajaajila Hawaasaa Naannoo Obbo Nuuraddiin Shiis yoo tahu Yunivarsitiin Haramaayaa Rakkoo Hawaasaa Naannoo Furuu fi Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf Yeroo Kamiyyuu Caalaa Cimee Hojjechaa jiraachuu fi gara fuulduraas Deeggarsa gara garaa taasisuuf qophaahummaa kan qabu tahuu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Ijaarsa Waajjira paartii Badhaadhina Magaalaa Maayaa Obbo Mul'ataa Bushraa Yunivarsitiin Haramaayaa Yeroo Gara Garaatti Rakkoo Hawaasa Naannichaa furuuf Deeggarsi taasisaa turee fi taasisaa jiru Yunivarsitichi kan ummataa tahuu qabatamaan Mirkaneessaa jira jedhan.

Kanaaf Guyyaa Arraas Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu fi Kufaatii(Caphinsa) Sirna Barnootaa keenya Mudate Suphuuf Barattoonni Dhiphina Maletti haala mijjataa fi tohannaa fi hordoffiif mijjatu keessatti akka baratan taasisuuf Rakkoo hanqina teessoo Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haramaayaa Mudateef Deeggarsa nuuf taasisaniif Yunivarsitiin keenya Yunivarsitiin Haramaayaa Galata Guddaa Qabuu Maqaa Kiyyaa fi Bulchinsa Magaalaa Maayaatin Baay'ee Galatoomfachuun barbaada jechuun Galatoomfataniiru.

Daayireektarri Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haramaayaa Obbo Abdii Muussee Yunivarsitiin Haramaayaa Rakkina Numudateef gaafii gaafannee hatattamaan nuuf deebisuun Rakkoo Mana Barnootaa keenya Furuu isaatiif Galata Guddaa qabuu Baay'ee Galatoomaa jechuun Galatoomfataniiru.

Kominikeeshinii Magaalaa Maayaa

Want your organization to be the top-listed Non Profit Organization in Harar?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address


Afraffaa
Harar