Hararghe Viewer.

Hararghe Viewer.

Share

05/04/2025

Dubbisuun nyaata sammuuti. Dubbisi
Jechoota 'Mark Twain' Muraasa:
▭⛅▭⛅▭⛅▭⛅▭⛅▭⛅

➊. Sammuu ofii qaroomsuun hammam baay’isnee waa’ee keenya akka yaadnuu fi dhimma nama biroo immoo baay’ee akka dhimma itti hin qabne mul’isuuni.

➋. Wantootni xixiqqoo hedduun kan isaan guddatan beeksisni sirriin hojjetamuufiniini.

➌. Addunyaa keenya irratti gootummaan cimina qaamaan baay’inaan jira. Gootummaan sammuu garuu yartuudha.

➍. Battalumaan gaaffii deebisi jedhanii yeroo ana gaafatan natti tola. Hin beeku waanan jedhuuf.

➎. Yeroo hundaa waan sirrii hojjedhu! Akkas gochuun kee namoota yartuu akka isaan si galatoomfatan gochuun warri hafan immoo akka isaan si dinqisiifatan godha.

➏. Iccitiin dura bu’aa ta’uu 'eegaluudha'.

➐. Kabaja qabaachuun sagalee duudaan dhaga'uu fi jaamaan arguu danda’uudha.

➑. Yeroo yaadni kee kan argamuun ol fagaatee deemuu ija kee amanuun ni ulfaata.

➒. Odeessitee waa'ee kee shakkii namoonni qaban dhabamsiisuu irra afaan kee cufachuun namoonni gowwaadha jechuun akka si yaadan gochuutu caala

☕ Mind find opportunity in everything.
▬▭▬▭▬▭▬▭▬▭▬▭▬▭▬▭▬

24/09/2023

Namoota Badoo(Shira Xaxxoota) Kudhan(10)👇👇👇👇

1. Ofii Mulachuuf Si Dhoksuu
2. Ofii Mieessuuf si hadheessuu
3. Amanamoo of fakkeessuuf amanamummaa kee faalu
4. Cimina kee dhooksanii dadhabina kee lelllisuu
5. Yeroo si bira jiran si jajanii dugda kee duuba si tuffachuu
6. Sababa malee si jibbuu
7. Hammeenya kee dubbachuu
8. Akka nama waan hunda beekuutti of yaaduu
9. Wanta hojjatan beekkamtii barbaaduu hojjachuu.
10. Dhiifama gochuus taee gaafachuu mallattoo sodaatti ilaalu.

Want your business to be the top-listed Media Company in Harar?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


Harar