Qaroo Islamic Media

Qaroo Islamic Media

Share

Photos from Qaroo Islamic Media's post 08/05/2026

Ministeerri Hajjii fi Umraa Sa’uudii Arabiyaa hujjaajonni hayyama Hajjii isaanii karaa seera qabeessa ta’een qofa akka argatan dhaamee .

Ebla 29, 2018
Zul Qa’adaa 20 /1447

Ministeerri Hajjii fi Umraa Sa’uudii Arabiyaa Hujjaajonni hayyama Hajjii isaanii karaa seera qabeessa qofaan akka argatan dhaamaniiru.

Ministeerichi hajjaajonni tajaajila barbaachisaa ta’e haala salphaan akka argataniif dambii fi qajeelfama Hajjii akka eeggatan waamicha dhiyeessee jira.

Ministeerri Hajjii fi Umraa Sa’uudii ibsa har’a baaseen sirna Hajjii raawwachuuf viizaa Hajjii qofatu barbaachisa ta’uu ibsuun, hujjaajonni viizaa isaanii dhaabbilee hayyama seeraa qaban qofarraa akka fudhatanii fi adeemsa seeraa akka hordofan dhaamaniiru.

Kunis hujjaajonni ka’uu isaanii irraa kaasee hanga adeemsa Hajjii xumuramuu fi deebi’uu isaaniitti tajaajila qindaa’ee fi bakka jireenyaa akka argatan ni taasisa.

Kana malees, hujjaajonni sanada seera qabeessa qabaachuu fi guutummaatti imala gochuu danda’uun isaanii tajaajila iddoowwan qulqulluutti kennamu guutummaatti akka argatan taasisuu qofa osoo hin taane, nageenya isaanii eeggachaa bakka irraa gara bakkatti bilisaan akka socho’aniif haala mijataa akka uumuuf ministeerichi ibseera.

Ministeerichi akkasumas hujjaajonni beeksisa dogoggoraa fi ergoota seeraan alaa hayyamaa fi viizaa seeraan alaa beeksisuun akka hin gowwoomfamne cimsee akeekkachiiseera.

Photos from Qaroo Islamic Media's post 07/05/2026

â­•
Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun Iraan haleelte

📌 Waraanni US haleellaawwan qilleensaa biyyoota muraasa waliin ta’uun naannicha keessatti iddoowwan siviilii irratti gaggeesseera jechuun Iraan himatteetti.

📌Ejensiin Oduu Iraan Mehr akka gabaasetti, magaalota Baandar Abbaas fi Minaab kibba Iraan keessatti dhoo’insi haaraan galgala kana dhagahameera.

📌 Ajaja waraanaa Iraan daqiiqaawwan muraasa dura ibsa kennaniin, Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsiteetti jechuun, haleellaa kamiifuu shakkii tokko maleetti deebii ni kennina jedhaniiru.

📌 Iraan Dooniiwwan waraanaa Ameerikaa gara baha Istrait of Hormoz fi kibba Chapahar port irratti haleellaa haleeluun, haleellaa Ameerikaan isii irratti raawwatte kanaaf deebii kennuus beeksisteetti.

Photos from Qaroo Islamic Media's post 07/05/2026

Loltoonni Izraa*il 7000 ol Rakkoo Sammuu isaan mudateen hojiirraa Gaggeeffaman

Qaroo Islamic Media Zul-Qidah 20, 1447 AH
Wara*ana Ga*💔zaatti gaggeessaa jirtuun walqabatee loltoonni Izraa'il 7,241 ta’an rakkoo fayyaa sammuu cimaa isaan mudateen tajaajila waraanaa irraa geggeeffamuu miidiyaan biyyattii Haaretz gabaaseera

Lakkoofsi kun seenaa raayyaa ittisa biyyaa Izraa’il keessatti isa ol’aanaa ta’uun kan galmeeffame yoo ta’u, dhibbaan wara*anaa dhibeen sammuu loltootaa irratti fidaa jiru yaaddoo guddaa biyyaattitti uumuun ibsameera.

Minstirri Ittisa biyyaa biyyattii akka ibsetti, loltoota tajaajila irraa geggeeffaman dabalatee, tajaajilli deebisanii dhaabuu namoota 85,000 ol ta’an kanneen wallaansa dhibee sammuu irratti argamaniif deeggarsa kennaa jiraachuu eere.

Kanneen keessaa walakkaa ol kan ta’an dhiphina, mukuu fi dhibee sammuu hamaa waraanaan walqabatu (PTSD) fi sodaa cimaa keessa kan jiran ta'uu gabaasichi ibseera.

Haalli kun keessattuu humna waraanaa keessatti lakkoofsi loltoota of ajj**eesanii haalaan akka dabalu taasiseera.

Gabaasni akka agarsiisutti, waggoota kurnan darban keessatti lakkoofsi loltoota of ajj***eesanii waggaa tokko keessatti gara 22tti kan ol ka’e yoo ta’u, kunis kan waggaa duraan ture irra dachaa lamaan dabaleera.

Dhaabbileen mirga namoomaa fi gabaasni oduu biyya keessaa akka eeranitti, raayyaan ittisa biyyaa Izraa*il hanqina ogeeyyii sammuu (yaalaa) qabaachuun isaa deeggarsa loltootaaf kennamu irratti gufuu ta’eera.

Ogeessi fayyaa sammuu tokko yeroo tokko tokko loltoota 850 ol ta’an gargaaruuf dirqamaa jiraachuun isaas ibsameera.

Want your business to be the top-listed Media Company in Harar?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Harar