Seba Boru Communication Office
30/12/2024
#20/2017
++++++++++++++++++++
Gujii Aanaa Sabbaa Boruu Magaala Darmeetti Wiirtuun Leenjii Jiituu World Tekuandow Barattoota isaa Bara 2017 Simatee Leenjisaa Ture Eebbisiise.
+++++++++++++++++++++++++++++++++
Eebbi Barattootaa Kun Bakka Bulchaan Bulchiinsa Ganda Magaala Darmee Obboo Baatii Qundhee, I/A Waajjira Fayyaa A/S/Boruu Obboo Felleqee Goobanaa, akkasumaas Leenjistoonni adda Addaa fi Hawaasi Baldhaan Argamutti Eebbisiisee Jira.
+++++++++++++++++++++++++++++
Sirna eebbaa kanarratti Ispoortii Fayyaa, Jaalala,Tokkummaa fi Wolitti dhufeenna Hawaasummaas Daraan kan cimsu ta'uunis himamee Jira.
Barattoonni guyyaa adhaa kana eebbifamanis Qabattoo ykn Belt keellee hanga 1st Daniitiin kan eebbifaman ta'uun himameera.
24/12/2024
15/2017
Darmee
$$$$$$$$$$$$$$$
Qofaaf Adoo hin taane, Oomisha Gara garaatiifis Mijooftuudhaa, Koottaa haa misoomsinuuti.
$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$
Gujii Aanaa Sabbaa Boruu Ganda Magaala Darmeetti Timaantimiin Jallisiidhaan Oomishamee Gabayaaf Dhikaachaa Jiru Hoggansa Aanichaatiin Daawwatame.
$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$
Oomisha Timaantimii kana irratti kan bobba'an Dargaggoo Gololcha Haroo Hojii Mootummaa hojjachuun Cinatti hojii oomisha Timaantimii kana hojjachuudhaan Galii Woggatti Qar.Kuma 400 Ol kan argatan ta'uu himanii, kanaan Alattis Namoota 12f, Carraan hojii yeroo kan uumameef ta'uus himaniiru.
Oomisha Timaantimii kana dhaqanii kan Daawwatan Bulchaa Bulchiinsa Aanichaa Mi'eessaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinnaa Damee Aanichaa "Jabaadhaa cimanii hojjannaan hiyyummaa moo'achuun ni danda'amaa nuutis akka Aanaatti Iddoo isin deeggaruu qabnutti isin cinaa Jirraa " jechuun Dargaggoo Gololcha Onnachiisanii jiru.
22/12/2024
13/2017
Karaa Nagaa Owwaachuun Akkuma Itti Fuufetti Jira!!
&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&
Aanaa Sabbaa Yaamicha Karaa Nagaa Mootummaan, Abbootiin Gadaa,Haadholiin Siinqee Fi Uummati Baldhaan Taasisaa Jiru Fudhachuudhaan Miseensonni WBO Karaa Nagaatiin Harka Kennatan.
&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&
1ffaa Maqaan Dhalootaa= Shukkunnuu Halakee (Aab-Halake),Turtii Woggaa 8, Dhalataa Godina Booranaa Aanaa Guchii Ganda Qalqalchaa Hidhannoo Guutuu fi Haadha Manaa Woliin,
2ffaan Yoseef Gindaa(Aab Jiloo) Dhalataa Aanaa Malkaa Soddaa, Turtii Woggaa 4 booda Hidhannoo Guutuu Woliin Ganda Horsiisee Bulaa Dhagaa Ilaalchaa (Daawwaa Riqichatti Raayyaa Ittisa Biyyaatti Karaa Nageyaatiin harka kennataniiru.
Teennaaf !!!!!.
20/12/2024
/2017
===============
Aanaa Sabbaa Boruutti Waajjirri Bulchiinsa Aanichaa Waajjira Maallaqaa Woliin Ta'uu dhaan Qajeelfama Raawwii Sirreeffama Iskeelii Miindaa Hojjattoota Mootummaa Haaraa Irratti Hojjattoota Mootummaatiif Orreenteshiinii Kenne.
=====================
Dhimma kanarratti barreeffama Hubannoof Ka'umsa Ta'u Kan dhikeessan Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa akka Jedhanitti, Sirreeffamni Iskeelii Miindaa hojjattootaa Kun karaa qajeelfamichi eeyyamu qofaan raawwatamuu akka qabu hubachiisaniiru.
I/G Waajjira Maallaqaa yaada kennaniin, hojjataan kamiiyyuu yeroo gaafatametti ragaa barnoota isaa karaa Qulqullina qabuun dhi keeffachuu akka qabu hubachiisanii jiru.
Obboo Lammeessaan itti dabaluudhaan Dhimma kanaafis koreen dhaabachuu dhaan kan hordofu ta'ee, hojjataanis milkaa'ina hojii kanaatiif tumsuu akka qabu hubachiisaniiru.
Hojjattoonnis Sirreeffamni Iskeelii Miindaa haaraan Kun kan isaan gammachiise ta'uu himanii, Mootummaanis haaluma jalqabeen Raawwii isaa tiifi xiyyeeffannaa itti kennuu qaba jechuun gaafatanii jiru.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Alga