Ebbisaa Addunyaa
04/03/2026
Mana kan kee daaraa godhan
Gadda kan kee haaraa godhan...
Dallaan kee hin arganne cufaa
Gidiraanoo ammas ammas sitti dhufa!
Mata-boowwuu laphe-gubaa
Fayye jettu si dhukkuba
Hin obbaafanne takkuma
Darbe jettus inni achuma!
Qe'ee qabda qe'ee dhabde
Fira qabda fira dhabde
Humna qabda humna dhabde...
Yaaddoo du'aa hudhaa mormaa
Biyya keetti akka ormaa
Diinqa keetti akka galtuu
Qabeenya keetti akka hattuu...
Yaa saba koo saba guddaa
Siif gamte kaa kara hundaa!
Gubannaa kee isan gubadhu
Hin dubbattuu naa jedhuwoo maal dubbadhu?
Utuu dubbiin fala ta'ee
Silaa!
Wanjoon duruu sirraa ka'e!
Jechuuf malee akka amalaa
Dubbadhee maalan dabalaa?
Qaqqabaan kee inni sirrii
Itti himuuf jiraa firri?
Dubbiin fakkeessaa hin sifaa'u
Haa dubbatu imimmaan kee inni yaa'u!
Dhiigni kee inni coccobu
Yaa'ee yaa'ee Waaqa bira haa qaqqabu!
Leta kenea
Guduruu Wallaggaa
21/02/2025
We are waiting for Ethiotelecom also hopefully
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Address
Addis Ababa