Oromia Environmental Protection Authority

Oromia Environmental Protection Authority

Share

Photos from Oromia Environmental Protection Authority's post 03/04/2026

Agarsiifni imala waggaa shanii keessatti hojiiwwan gurguddoo raawwatamaan Sekteraaleen Mootummaa Naannoo Oromiyaa qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin mata duree ‘’ Waadaa Gochaan, Filannoo Hanga Filannootti’’ jedhuun guyyoota sadiif Magaalaa Finfinnee Gidu-gala Aadaa Oromoo keessatti agarsiifamaa ture milkiin xumurameera.
Sirna cufiinsa agarsiisa kanarratti Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa argamuun agarsiifni kun Mootummaan imaammata, sagantaafi tarsiimoo sirrii qabatee biyya badhaate ijaaruuf qabu ifatti kan mul’ise ta’uu dubbataniiru.
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaas hojiiwwan gurguddoo waggoottan shanan kana keessatti raawwachaa ture mootummaafi hawaasaaf karaa ifaafi salphaatti hubatamuu danda’uun bifa suuraafi suur-sagaleetti gargaaramuun agarsiisee jira.
Bitootessa 25/2018
Finfinnee

Photos from Oromia Environmental Protection Authority's post 01/04/2026

Sagantaan Agarsiisa imala jijjiiramaa MNO waggoota shanan darbanii daawwatamaa jira.
======

Agarsiifni raawwii hojii Sekteraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota shanan darbanii qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin dhihaate bakka Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaloo Tafarraa dabalatee hooggantoonni Ol'aanoo Federaalaa, Naannoofi hojjettoota sektarootaatiin daawwatamaa jira.

Sagantaa agarsiisaa kanarratti Biirooleen Oromiyaafi dhaabbileen mootummaa milkaa’ina imala waggoota shanan darbanii, waadaa ittiin dhugoomsaa turan kallattii garaagaraatiin agarsiisaaf Magaalaa Finfinnee Gidu-gala Aadaa Oromootti dhiheessaniiru.

Haaluma kanaan, Abbaan Taayitaa Eegumsaa Naannoo Oromiyaas raawwiiwwan hojiilee gurguddoo waggoottan shanan darban kana keessatti raawwachaa ture daawwatootaaf dhiyeessee agarsiiseera.

Bitootessa 23/2018
Finffinnee

Photos from Oromia Environmental Protection Authority's post 27/02/2026

Leenjii Abbaan Taayitaa Eegumsaa Naannoo Oromiyaa Qindeessummaa Sagantaa "RIP+Investment Oromia"n Ogeessoota Godinaaleefi Aanaaleef guyyaa kaleessaarraa kaasee Magaalaa Adamarratti kennamaa jira.

Leenjiin kunis haala teknoloojii "Kobotoolbox" fayyadamuun ragaaleen funanaman akkamitti teknoloojii "Organization Capacity Assessment Tool" (OCAT) dhimma ba'uun akka xinxalamanirratti karaa Ogeessa Ol'aanaa DhBBB Oromiyaa Obbo Gannanee Hayileetiin hubannoo bal'aa irratti kennamaa ooleera.

Leenjii argatan kan gara hojii qabatamaatti akka jijjiiraniif hirmaattonni shaakkalla garaagaraa taasisaa oolaniiru. Guyyaa boriis karaa ittifufiinsa qabuun leenjichi kan kennamu ta'uu Sagantaa qophaa'erraa hubachuun danda'ameera
Guraandhala, 20/2018
Adaamaa

Want your organization to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address

Addis Ababa