Fakkenyaa
Qaamni gaafiin kiyya naaf deebi'ee jira,faayidaan qabsaayaafii ture naaf kabajamee jira,kaayyoon kiyyas galma naaf gayee jira jedhee amanu kamuu hidhatnoo of harkaa qabu hiikkatee qaama ilaallatutti ykn hidhachiisetu deebisee araaramuu ni fanda'aa.qaamni Kun naaf hin guutamee kaayyoon kiyya galma Ani barbaadu naaf hin geenne jedhu ijjjannoma of comsuun daandima dura filatetti qajeeluun woma jiraati.
Kanaafuu kan kaayyoon kiyya galma naaf gayee jedhee araaramutti seenes kan didee hafes ajaayiba nutti ta'uu hin qabaatu.kun gochuma duris ture,ammas ta'eef,funduras ta'uu danda'u waan ta'eef.
Jalqabbiin gaariidha,rakkoon biyyatti tanaa akka fala argatu gochuu keessattis tattaaffii gaariidha jedhamus akkuma woliigalaatitti nagaya ummataa eeguu Fi rakkoon biyyattitiif ammoo furmaatw Isa dhumaa kennuu keessattis bu'aan inni argamsiisu gammachiisaadha ykn onnachiisaadha kan jedhamus hin fakkaata.
Marion araaraa qaamota hidhatan woliin woggoota kurnan darban keessattis yaalamaa turanii Fi bu'aan isaa yoo wolbira ilaalamu woggaa shaniin ajajaa tokko hodhattoota kurnaan lakkayaman woliin araaramaa galchuu qofaafha,sanuu kan garee bosona jiru woliin woldhabee mudatee ariyamee gara deebi'u dhabnaan mootummaa harkaa kennatu,fasyidaa ofii eegsifachuf qofa.
Kana bu'a jechaa miidiyaan labsuun ofis ummatas sobuu yoo ta'e malee rakkoon biyyaa Akka hiikamu hin godhu.
Qaamni kaayyoon kamuu qabatee woliin sochou wol dhabuun wol qooduun,wol ganuunis haarayaa miti.
WBOn kan biraa shaneen kan biraati kanaan nu sobuu dhiisaa hujii nagaya buusuu dandayu irratti ciminaan hojjadhaa qaama hidhatee bosona biyyatti guutuu keessa jiru woliin dubbadha araaramaa,ummataanis wolitti araarsiuun nagayaa Fi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf yaalaa jedha
09/04/2023
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Cherchel
Addis Ababa