Abbaa Coqorsoo
Gamna fi Gowa:
Namicha gowwaa tokkotu mukarra taa’ee qirixxeedhaan damee mataa isaa jala jiru kuta. Gamna: "Obbolee, damee kanarraa gadi kufta, hin kutin!" jedheen. Gowwichi garuu hin dhageenye. Akkuma kutee xumureen dameen gadi kufee gowwichis lafa dhaa’ame. Gowwichi ka’ee fiigee gamnichaan akkas jedhe: "Ati raagaa guddaadha! Kufaatii koo waan beekteef, yoom akkan du'u naaf himi!"
Hiyyeessa fi Sooressa
Sooressi tokko hiyyeessa tokkoon, "Maaliif qullaa kee deemta?" jedhee gaafannaan, hiyyeessi sunis deebisee, "Waaqayyo guyyaa tokko uffata naaf kenna jedheen eeggachaa jira," jedhe. Sooressichis, "Hamma inni siif kennutti kootii koo kana uffadhu," jedheen. Hiyyeessichis, "Lakkii, ati ergaa Waaqayyoo ta'uu kee maaltu beeka?" jedhee dide jedhama.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Finfinne
Addis Ababa