Ilaafi Ilaamee

Ilaafi Ilaamee

Share

21/08/2025

-SAREE
======= ================= ============ =
Sareen diddigee diddiga isaatti akkuma deebi'u, gowwaan gowwuma isaatti in deddeebi'a; Fakk 26:11
---------------------------------- --------------------------------------
Macaafni fakkeenyaa akkuma maqaa isaatii dubbiiwwan dhedheeroofi ergaa gadi fagoo qaban bifa gabaabaa ta’een ibsuun beekma. Addumaan boqonnaa 11ffaan kun waa’ee nama gowwaa gowwummaa isaa irraa barachuu hin dandeenyee irratti xiyyeeffata. Kanas immoo sareedhaa wajjin wal qabsiiseeti

Waa’ee saree gaafa dubbannu aadaa keessatti guddanneefi macaafa qulqulluu keenya irraa fagoo yoo taane, nuuf galuu dhiisuu mala. Kana jechuun koos akki warri dhihaa saree itti ibsaniifi akki nuti saree itti ibsinu garaagara jechuu barbaadeeni. Sareen biyya keenya keessatti beeylada manaa qofa utuu hin taane, maqaa arrabsootis, ilaalchi warra dhihaa garuu kanaan faallaadha. Haa ta’u malee gara Macaafa Qulqulluu keenyaatti gaafa deebinu, yaadonni waa’ee saree ibsan, ilaalcha keenyaan akka wal hin faallessine huubanna.

Sareen raqa argattee jennnaan waa’een nyaata urgaa’aa fi ho’aa ta’ee ishee hin dinqu. Sababni isaa hoolaan qalamuufii caalaa farda du’ee tortore nyaachuutti gammaddi waan ta’eef. Sareedhaa wajjin manaa baatee; iddoo wayii ga’uu yoo barbaadde, bakka ati dhaquuf wajjin kaate dhiiftee gara foolii waan ajaa’uu faana dha’uutti deebiti. Sareen miiltoo wajjin deemsa eegaltee wajjin xumurtu miti jechuudha. Oromoonis yeroo makmaaku kanumaaf “saree warri guddise dhabee; warri raqaa argate” jedha. Falli isaa sareedhumaa wajjin manaa bahuu dhiisuudha.

Sareen mana itti guddatteef utuu hin taane, lafa nyaattuuf dutti. Waggoota hedduudhaaf ishee kan kunuunsite ta’us, guyyaa tokkittii ollaatti wanti isheen barbaaddu argameef achi gortee diina si godhattee sitti dutti. Kun amaluma sareeti. Warra manaa sana caalaa kan si balaaleffatu saree ati hakuma keetiin guddifteedha.
Sareen hin amanamtu, sababni isaas diddigee ykn oldeebisee; isuma deebisee nyaata. Akkuma duratti kaafne, waan urgaa’u caalaa waan ajaa’u barbaada waan ta’eef. Dubbiin kun hiika dhokataas ni qabaata. Waan lammata deebi’ee hin godhu jedhee tufe, itti deddeebi’uu isaa agarsiisa. Namni gowwaanis kanaan garaagarummaa hin qabu. Sareen maaliif kana hunda gadhoomte kan jedhu gaaffii nutti hin ta’u, kan gaaffii nutti ta’uu qabu namni maaliif saree ta’e? kan jedhu ta’uu qaba malee!
Waaqayyo saroota irraa nu haa eegu!

17/06/2024

"Honor your father and your mother, that your days may be long in the land that God is giving you." (Exodus 20:12)


In the Bible, we meet some famous fathers who made a big impact. Abraham, tagged as the 'Father of Nations', was famous for trusting God no matter what - he's like the ultimate role model of faith. His son Isaac continued the family tradition of strong faith, becoming a father to Esau and Jacob. Then there's David, who went from being a shepherd to a king, showing us that faith can take you places.

Dhaloota abbaa bira dhaabbatee suuraa ka'ee "happy fathers day" jedhee post godhu malee dhaloonni abboota kabaju muraasataa jira.

04/03/2023

Yesus ammoo "Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa'a.
Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re'ootattii akka gargar fo'u, inni namoota sana gargar in fo'a

Jesus will come back again, follow the footsteps of him!

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Addis Ababa