Weird Things About History

Weird Things About History

Share

06/03/2021

Maqaa Gootota Kanaa Barreessaa mee Bitaa gara mirgatti. Kan dhadhaabbatanirraa jalqabaa.

04/03/2021

Kabiir Abdullee Yaayyaa Oromoota Ona Ituu (Hararghee Lixaa Carcarii) gara lola Adwaati akka duulan godhaman 800 keessaa nama tokkoo ture. Abbaa Seeyaxaan Bulchaa Carcar kan gaafa san Ona ituu bitaa ture. Asirratti wanti hubachuu qabnu Behraawii zamachaa waan ja'u Darguun hin eegalle. Bara Minilik eegalame. Lola Adwaa Bara 1896tii gaggeefame keessatti, Waldagabreel Oromoota Carcar kan bifaan guutuu tahe, kaneen humna guutuu ni qabu ja'ee amanu, mul'ata qaamaa babareedaa qabu kan ja'uu fi hidhamtoota waraana Sirna Gadaa Odaa Bultum (humna loltuu Abbaa Duulaa Mucee Ahmad Mucee) waggoota hedduu itti murtaa'ee ture mannneen hidhaa Carcarii sassaabanii gara Adwaa duulchissan. Lola Adwaarratti humna waraanaa kutaa biyyattii kamii dhufantu injifannoo guddoo xaaliyaanootarratti galmeesissuu dandayye gaafiin jattu yoo kaate, deebii salphaa dha. Waraana guutuu Hararghee keessaa dhufanii,Waldagabreelii fi Raas Mokooniiniin hogganamaa turan akka tahe Seenaan Itoophiyaa ni addeessitt.

Haa tahu garuu cubbuun Itoophiyaan qabdu guddoo fi ulfaatuu dha. Oromoota Gootummaan lolanii, injifannoo minilik tahaniif galatni hin jiru. Oromoo taatee keessaafuu Muslima taanaan hangamillee kabajaa biyyaa eegsisuuf lubuu isaanii kennan,mootummoota Itoophiyaa biraa kabajaa gatii saree hin argatttan ture. Kabiir Abdullee Yaayyaa Oromoo Muslimaa Caracarii duule tahus, gootummaan lolee, Waraana Xaaliyaan hedduu galaafatee, meeqaantam booji'ee, rasaasni qawwee tassa argatee lubuun wareegame. Duuba wanti nama ajaa'ibu erga rukkutame booda sakaraanii lubuu itti dhufe. Akkaataa amantii isaattu Maqaa Rabbii waamaa, Shahadaa qabachaa, humna waraana Minilik toora san jiran akka bishaan obaasan kadhachaa ture. Osoo haala kanaan waywaachaa jiruu daqiiqaa maayii lubuun bahuuf deemtu, waraani Waldagabreelii fi Raas Mokoonin toora san guutumaan guutuuti too'atan. Abdulleen osoo shahadaa qabachaa jiruu lubuun dabarte. Duuba waraani Itoophiyaa Abdullee Shahadaa qabachaa lubuun baate kana ilaalaa turan, warra amantaa isaanii kan Abdullee wajiin warreegaman guuranii awwaallatan.

Garuu Kabiir Abdulleen waan muslima tahee fi Isaa Shahadaa qabaachaa du'e waan arganiif, "Kunii Muslimaa dhiisaa, Muslima keessaafuu Oromoodha, dhiisaa hin awwaalinaa dabraa" jadhanii osoo hin awwaalin dhiisanii biraa kutan. Kabiir Abdullee Yaayyaa kabajaa namummaa qofaa mitii, kabajaa reeyfaa dhabee achitti Bineensi nyaatee hafe. Erga gaafas reefka Oromoo mirga Sabaa fi biyyaatiif qabsaa'an, osoo hin awwalamiin Bineensu nyaachuu jalqabee, hanga Aashaa kormeeti (bara 2007) itti fufee jira. Haa tahuu Ka'uumsi Lola Adwaa baanan kanaa maali?.

Lolli Adwaa Lola Mootummaa Xaaliyaanii fi Mootummaa Itoophiyaa Atsee Minilik jidduuti "Biyya tana Anaatu bitaa fi anaatu bitaaf" gaggeefame ja'u hayyooni. Haa tahu garuu ka'uumsi lolichaa waa tana qofa hin ture. Lola liqii kennaa fi liqii fudhataa jidduuti, naa deebisi?, hin deebisuudhaan, Kaddaatanyoota lama jidduti gaggeefamee. Biyyooni Awuroophaa osoo waldhabdeen isaan jidduuti hin uumamne Afriikaa gita bituuf Biyya Jarman , Berliiniiti konfiiransii gaggeessuun waliigaltee taasisan. Duula gita bituun Afriikaa adda qoodachuu ja'u kanas Mata duree jattu kennaniif. Hammayoomsuu (Civilization),
Daldala waliinirraa fayyadamuu (Commerce) fi Kiriistaanoomsuu (Christianity) jettu ture. Haa tahuuti haaluma kanaan biyyoota yeroo ammaa imphaayara Itoophiyaa keessatti argaman irratti tarsiimoo addaa hordoofuuf waliif galan. Tarsiimoo akkam?.

Mootummaan Abisiniyaa kan Minilikii fi Atsee Yoohaanisiin durfamaa ture sun mootummaa Kiriistiyaanaatti, sanirraan Hidda laatinsa isaanii ummata Yehuudaarraa asburquu kan himatan waan tahef, (Awuroophaanooni ofumaaf biyya Oromootaa fi ummattoota kibbaa weeyraranii bituu caalaa) Mootummaa Minilik deeggaruun harka Minilik keessaan bituuf jecha liqii qarshiitii fi liqii meeshaa Minilikiif laatan. biyyooni Awuroophaa kamuu Minilikiif yoo taate malee biyyootaa fi ummatoota goonfa Afriikaa keessatti argaman tokkoofuu deeggarsa kennuun dhorkaa akka tahe murteessan. biyyooni Awuroophaa kamuu, kan qaama Miniliki moormuuf deeggarsas, tahe liqii kennuu Uqqabaan akka irratti darbamtu waliif galan.

Haala kanaan Mootummaan Xaaliyaan bara 1884 Waliigaltee Waccaalee ja'amturratti Liiree 800 000 (Kuma Dhibba Sadeeti) cinaa qarshiin, Cinaa meeshaa waraanaatiin kenneefi. Waliigaltee keeyyata 20 ol qabdu tana keessatti, 17ffaan akki jattu "Hanga Minilik liqii Xaaliyaan Deebisuu, bakka Xaaliyaan hin jirreeti Daldalaa fi hariiroo alaa kamuu biyyoota Awuroophaa biraa wajiin taasisuun irra hin jiraatu" kan jattu ture.

Yeroo duraa Minilik tole ja'eetuma kana amanee waliif galee fudhate. Erga biyya Oromoo fi kibba Itoophiyaa deeggarsa faranjootaa kanaan cabsee of jalatti gabbarsiise booda, Ingiliizoonii fi faransaayoonis fadhii addaa Itoophiyaa Minilik bulchu wajiin qabaachuu waan barbaadaniif, shira al-kallattiin Xaaliyaanii fi Minilik jidduuti shiruu eegalan. Yoo walitti dhugeenya cimaa dhufe kana argitu, Xaaliyaan "waliigaltee teenya eegaa hin jirtu" jechuun Minilikiiti mufatte. Fuula biyyoota Awuroophaa kaneenirraa argateen, Atsee Minilik Onnee horate. Liqii Oromootaa fi biyyoota Kibba Itoophiyaa ittiin cabsuuf Xaaliyaanootarraa liqeefate deebisuu didee kaade. akkaataa waliigalteetiin osoo Xaaliyaan quba hin qabaatiin Engliizii fi Faranaay wajiin harooroo walqunnamtii jalqaban. "hanga liqiin teenya nuuf deebituu gibira guurranna, yeroo gibirri guurannu qixa liqii nutti isiniif kenninee gahu, Laga Marrabi olitti dachaana" jedhanii Kaabaa Tigraay weeyraranii gibira sassaabachuuti seenan. Lolli gaggeefame kan liqii kennaa fi liqii fudhataa jiduutti gaggeefame ture. Ka'uumsi lola kanaatis shira oromoodhaan cabsuuf xaxameerraa ture. Dhumni lola kanaatis gootummaa oromootaatiin injifannoon goolabame. Oromoon gootuma duruu jenna moo, Oromoon ofirratti duulee, hidda mootummaa isa cunqursuu ofirratti gadi jabbeesse jenna?. isin walgaafadhaa!!

Horaa Bulaa

Want your establishment to be the top-listed Arts & Entertainment in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Bole International Airport
Addis Ababa