CriticHub

CriticHub

Share

17/04/2026

*Itoophiyaan jarri jedhu qaata kutte*

Kuni tiwoorii Farda Du’e ( Dead Horse Theory) sanaan sirritti ibsama.

> "Fardi ati yaabbattee jirtu du'uu isaa yoo barte, wanti sirriin ati gochuu qabdu 'farda sana irraa bu'uu' dha."

"Farda Du'e" jechuun kan inni bakka bu'u: Adeemsa hojii guutummaatti hin hojjenne, piroojektii kufe, karoora daldalaa kisaaraa keessa jiru, ykn poolisii yeroon isaa itti darbe dha.

Furmaanni sirriini fi salphaan piroojektii hin hojjenne sana "dhaabuu" (fardicha irraa bu'uu) ta'us, baay'een keenya dhugaa jiru amannee dhiisuu mannaa yaaliiwwan nama kofalchiisan kanneen armaan gadii godhu:

1. Farda du’e kanaaf Alangee gaarii fi jabaa bituu

2. Nama fardicha yaabu jijjiiruu: Hojii-gaggeessa (Manager) haaraa fiduu
3. Koree dhaabuu: Farda du'e sana akkamitti deemsisuun akka danda'amu kan qoratu "Garee Hojii" (Task Force) ramaduu.

4. Muuxannoo wal-jijjiirraa gochuu: Dhaabbileen ykn biyyonni biroo "farda du'e" akkamitti akka yaaban deemanii ilaaluu

5. Istaandaardii (Ulaagaa) gadi buusuu: Fardeen du'anis akka fardeen jiranitti akka lakkaa'aman ulaagaa madaallii jijjiiruu.

6. Gorsaa alaa (Consultant) qaxaruu: Fardichi du'uu isaa kaffaltii guddaadhaan akka nuuf mirkaneessan gochuu.

Tiwoorin kuni Waan qabatamaan ta’ee fi jijjiiramuu hin dandeenye akka waa jijjiiruu danda’anitti humnaa fi Yeroo ofii gubuurra dhugaa jiru amananii fudhachuu barbaachisaa ta’uu akeeka.

Kanaaf sirni kaleechaa kuteera. Amananii fudhachuu qofatu baasa.🛴 Jedhee katabe Maatii Olaanaan.

01/04/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Yoo Obsan Miidhaga Tola, Abdii Wallagaa

26/03/2026

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Mana Siibuutti kaadhimamaa paarlaamaadhaaf,Obbo Qajeelaa Mardaasaa ‼️
Carraa gaarii 👏👏👏

Photos from CriticHub's post 25/03/2026

Beeksisa Ministera Galiiwwanii

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Addis Ababa