Oromiyaa Daily Post
07/12/2025
“Badhaadhina gama maraa mirkaneessuuf aadaa hojii fooyya’aan hojjechuun barbaachisaa dha.” – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Leenjii hoggantoota magaalaa Finfinnee marsaa 3ffaa xumurame irratti, Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee aadaa hojii haaromsaa fi kenniinsa tajaajila haqa qabeessa mirkaneessuun badhaadhina hunda galeessaaf bu’uura ta’uu himan.
Hoggantoonni leenjii kanaan muuxannoo waljijjiiruu, hubannoo haaraa argachuu fi rakkoolee gara carraatti jijjiiruuf of qopheessuu qaban jedhan.
Dameewwan qonnaa, indaastirii, turaizimii fi misooma magaalaa keessatti hoggantoonni ariitiin hojjechuu fi qajeeltoo haaraa hojiirra oolchuun badhaadhina Itiyoophiyaa cimsuuf murannoo akka qabaatan waliigalameera.
03/12/2025
“Ragaan Istaatiksii imaammataaf bu’uura cimaa dha.” – Obbo Tamasgeen XurunaaWalgahiin Waggaa 19ffaa Koree Istaatistiksii Biyyaalessaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru irratti,
Ministirri Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ragaan Istaatiksii amanamaan misooma biyyaatii fi tarsiimoo abbaa taayitaa murteessuuf murteessaadha jedhaniiru. Istaatiksiin amanamaa → imaammata sirrii ,Teknooloojiin deeggarame → riifoormii saffisaa
Kunis Itiyoophiyaa fi Afrikaa sadarkaa fooyya’aa irra geessa jechuun ibsaniiru.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Finfinne, Oromia
Addis Ababa