OROMIA DEVELOPMENT ASSOCIATION
22/04/2026
Ebla 2026
Gita hojii Banaa!
Warreen Ulaagaa guutaan Dorgommaa! Waliif qooda. Beeksisa kana PDF isaa Telegram channel WMO irraa argatu!
https://t.me/odawmo
Tokkummaan Misoomaaf!
04/04/2026
Bitootessa 26/2018-
Gujii Adoolaa
Godina Gujiitti Waldaa Misooma Oromiyaa Dhaabbata GENEVA GLOBAL fi UNICEF baajeta Mootummaa Finland irraa argamen Sagantaa Barnoota Saffisaa Daa'immaan umurii isaanii barnoota bira darbanii fi sababa adda aaddaatiin barnoota isaanii addaan kutaan irratti kennamuuf leenjii hubannoo cimsuu qooda fudhattootaa Aanaalee Godinaa Sadii fi Sadarkaa Godinaatiif kennamaa jira.
Godina Gujiitti Waldaa Misooma Oromiyaa Dhaabbata Dhaabbata GENEVA GLOBAL fi UNICEF woliin ta'uun Sagantaa Barnoota Saffisaa Daa'immaan umurii isaanii barnoota bira darbanii fi sababa adda aaddaatiin barnoota isaanii addaan kutaan irratti kennamuuf leenjii hubannoo cimsuuf Itti Gaafatamtoota Barnoota Aanaalee, Bulchiinsa, Seekteraalee Gurmaa'iinsa, Haala Mijeessitoota Sagantaa Barnoota Saffisaa Aanaalee fi dabalatee qooda fudhattoota Seekteraalee Godinaatiif kennamaa jira.
Sagantaa kana irratti argamuun barbaachisummaa Sagantaa barnoota Saaffisaa ilaalchisee ergaa dabarsuun baaniinsa kan taasisan, Itti Aanaa Bulchaa Godina Gujii Kabajamoo Obboo Taaddasaa Buzunaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa Godina Gujii Obboo Saatanaa Roobee yoo ta'an, Itti Gaafatamaa Waldaa Misooma Oromiyaa Damee Godina Gujii Obboo Ayyalaa Hayila Maaiyaam keessummootaan yooyya baga nagaan dhuftan jedhanii jiru.
Sagantaan Barnootaa Saffisaa daa'imman umrii 9-14 keessatti argaman, sababa adda addaatiin carraa barnootaa idilee otuu hin seenin turanii fi akkasumas kunuunsa daa'immanii dabalatee kan kennamu akka ta'es saganticha kana irratti himanii jiru.
Qindeessaa Sagantaa Barnootaa Waldaa Misooma Oromiyaa Olaanaa Obbo Darajjee Taaddasaa dabalatee qaamooleen Waldaa Misooma Oromiyaa irraa dhufan sanada qophaa'e irratti leenjii hubannoo cimsuu qooda fudhattootaaf kennamaa jira.
Aanaaleen Sagantaa Barnoota Saaffisaa keessatti hammatan Aanaa Aagaa Waayyuu, Sabbaa Boruu fi Aanaa Girjaa ta'uu sagantaa irratti dubbatamee jira.
Dhuma irrattis I/A Bulchaa Godina Gujii Projeektii kanaa Aanaaleen carraaan Kun isiin dhaqabe xiyyeefannaa ol'aanaan qabachuun akka fiixaan baaftaniifi carraa kanaan hojii Buusii Miseensummaa WMO sadarkaa Godiinaa fi Aanaa daran cimsuun akka hojii ijootti qabatanii irratti akka hojjatan jechuun kallatii kaa'anii jiru.
Tokkummaan Misoomaaf Dhalootni Barnootaaf!
01/04/2026
Bitootteessa 2026
Waltajjiin Marii Hojii Pirojeektii Kunuunsa Daa’immanii Gaggeeffame
Waldaan Misooma Oromiyaa dhaabbilee deeggarsaa UNICEF fi KfW waliin tumsa taasiseen Godina Boorana, Aanaa Dirree fi Dubuluq keessatti pirojeektii qindaa’aa barnootaa fi kunuunsa daa’immanii irratti hojjechaa jira.
Gaafa Bitootessa 31, 2026, dhimma hojii kunuunsa daa’immanii irratti waltajjiin marii qooda fudhattoota murteessoo waliin gaggeeffameera. Marii kana irratti Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Godina Booranaa irraa, akkasumas Waajjira Dhimma Hawaasummaa Aanaalee Dubuluq fi Dirree irraa, dabalataanis gandoota 18 irraa kanneen dhufan hirmaataniiru.
Waltajjicha kan saaqan Obbo Huseen Galgaloo, I/G WMO damee Godina Booranaa yoo ta’an, daa’imman saaxilamoo sirnaan adda baasuun, kunuunsaafi eegumsi barbaachisaa akka argatan, akkasumas barnoota akka argatan taasisuun hojii murteessaa waan ta’eef xiyyeeffannaa olaanaa kennuufii qabna jedhan.
Itti aansuun, raawwiin hojii gabaabinaan dhihaatee, hirmaattonni bal’inaan irratti mari’achuun gahee isaanii akka bahaniifi hojii kana milkeessuuf akka hojjetan irratti walii galaniiru.
Dhuma irratti, pirojeektiin yeroo murtaa’e keessatti xumuramee qooda fudhattootaaf kan dabarfamu waan ta’eef, bu’aa pirojeektii kana itti fufsiisuuf hojii buusii miseensummaa fi tola ooltummaa WMO sadarkaa aanaatti cimsuun baay’ee barbaachisaa ta’uu isaa hubachiifameera.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the organization
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
8801