ARSII TUBE
05/06/2026
Aanaa Zuway Dugda, gara sadarkaa dorgommii ispoortii olaanaatti ceessisuuf fi Dorgommii Mo'a Mo'attootaa irratti hirmaachuuf qophiin jabaaan, onnee guutuun jalqabamee jira. Dhimma kilaabii Aanaa Zuway Dugdaa gara injifannootti cesiisuf kana ilaalchisee mariin bal'aan, tarsiimawaa fi murteessaan gaggeeffameera.
Marii kana irratti Itti Aanaa Bulchaa fi Lafa Aanaa Zuway Dugda, Obbo Jamaal Badhaasoo dabalatee, hoggantoonni,fi deggartoonni kilaabichaa argamuun yaada bal'aa fi murteewwan dhaloota darban gadi fageenyaan irratti mari'ataniiru.Kilaabiin Aanaa Zuway Dugda dorgommii Liigii 1ffaa Oromiyaa irratti Geebaa kaasee injifannoo boonsaa galmeessisuun isaa ni yaadatama! Ammas galma guddaa qabannee dorgommii mo'a mo'attootaa kanarrattis abbaa geebaa ta'uun maqaa Aanaa keenyaa fi Godina Arsii sadarkaa ol'aanaatti waamsisuuf murteeffatameera.
Dorgommii dhufaa jiru kana irratti kilaabiin keenya guutummaatti akka milkaa'uuf fi dhimma faayinaansii guutuuf qindeessuuf Koreen Addaa bifa qoramee fi adda ta'een hundeeffamee jira.
Kilaabiin kun kan ijaarameef sabaafi aanaa keenya waan ta'eef, maqaa boonsaa kanaan dura goonfanne ammas ittifufsiisuuf hundi keenya iyyu dirqama lammummaa fi jaalala naannoo qabna. Kanaaf:Dhalattoota Godina Arsii fi Aanaa Zuway Dugda: Biyya keessas ta'ee biyya alaa (Diyaspora) kan jirtan hundi, guddina fi goonfannoo ispoortii aanaa keessanii ijaan arguu kan feetan, yeroon kilaabii keessan bira dhaabbachuu fi seenaa dabarsuu ammadha!
Qophii dorgommii mo'a mo'attootaa kana milkeessuuf deggersi maallaqaa murtteessaa waan ta'eef, hundi keessan dandeettii fi qabeenya qabdan hundaan akka bira dhaabbattan waamichi gootummaa dhihaatee jira!
Hundi keenya iyyu harka wal qabannee gumaacha keenya haa gumaachinu!
04/06/2026
Guddinni, nagaa fi misoomni naannoo keenyaa caalaatti akka mirkanaa'uuf, hoggansi poolisii haaraan naannoo keenyatti ramadamanii jiru. Haaluma kanaan
Komaandar Daawit Abarraa: Hogganaa Qajeelcha Poolisii Godina Arsii ta'uun ramadamanii jiru
Komishinar Shaloo Galataa: Komishinii Poolisii Oromiyaatti ramadamanii jiru.
Hoggantoota keenya lamaaniifuu miira itti gaafatamummaa guddaan nagaa, tasgabbii, fi misooma hawaasa keenyaa eegsisuuf ramadaman kaniiniif Bara Hojii Gaarii fi Milkii hawwinaaf!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Address
Addis Ababa