Shawaa
25/01/2026
Maammoo Mazammir
Koloneel Maammoo Mazammir (1929 - 1969) qabsaawaa mirga Oromooti. Koloneel
Maammoon sababa qabsoo mirga Oromootif gochaa tureen murtiin du'aa itti murteeffamee
ajjefame.
Seenaasaa
Ijoollummaasaa
Koloneel Maammoo Mazammir abbaasaa obbo Mazammir Habtee Doorii fi haadhasaa
aadde Ummee Gurmeessaarraa Shawaa Lixaa magaalaa Amboo Aanaa Gudar keessatti bara
1929tti dhalate. Dhalatees umuriinsaa gaafa barnootaaf ga'u mana barnootaa dajjaazmaach
Bashaa magaalaa Gudar keessatti argamu seenudhaan barnoota sadarkaa jalqabaa barate.
Akkasumas barnoota sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Tafarii Makonnin keessatti osoo
hordofaa jiruu mana barnootaa leenjii barsiisotaa Hararitti akka baratuuf barattoota yeroo
sana qabxii olaanaa qaban keessaa tokko ta'uungara magaalaa Hararitti imale.
Haa ta'u malee fedhiinsaa yeroo sanaa barnoota qofa osoo hin taane dhimma waraanaas
waan barbaadef mana leenjii waraanaa Harar seene. Mana leenjii kana keessattis qabxii
olaanaadhaan waan xumureef leenjisaa mana leenjii waraanaa Harar ta'ee muudame. Yeroo
muraasa boodas leenjistoota barnoota sadarkaa olaanaa akka barataniif carraa argatan
keessaa Maammoo Mazammir isaan tokko ture. Bara 1962tti Yuunivarsiitii Finfinneerraa
digirii jalqabaa barnoota seeraatiin LLB argate.
Qabsoosaa
Koloneel Maammoo Mazammir osoo barnootaaf mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee jiruu,
uummanni Oromoo gurguddoon waliin gurmaa'uudhaan Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi
Tuulamaa jalatti mirga uummata Oromoo kabachiisuuf sochii akka jalqaban odeeffannoo
argate. Yeroo kanarraa jalqabees barattoota mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessaa gara
Waldaa Maccaa fi Tuulama keessatti makamuuf sochii jalqaban keessaa Maammoo
Mazammir isaan hangafaati. Fedhiin isaa kunis milkoomeefii gara dhaabbata kanaatti
makamuudhaan hanga murtoon du'aa itti murtaa'ee fannifamutti sochii guddaa fi bu'a
qabeessa ta'e seenaa uummata Oromoo keessatti raawwatee darbe.
Koloneel Maammoo Mazammir bara jireenya isaa harka caalu kiitaaba seenaa fi siyaasaa
dubbisaa akka dabarsee fi uummata Oromoo cunqursaa jala jiruuf sagalee ta'uudhaan
waltajjii garaa garaa irratti falmii ciccimoo taasisaa ture. Seenan Itoophiyaa sobaan kan guuttame akka ta'ee fi seenan Oromoo dhofkamaa akka jiru kan bare Maammon, kitaabaa
"Seenaa Oromoo" jedhamu barreessaa ture. Kanatti kan hingammanne nafxanyoonni, barruu
kana yeroo inni hidhamu manasaatii fudhanii akka badu godhani. Kana malees Maammon,
barreeffamoota karoora mootummaa haaraa hundeessuu ibsu fi heera haaraa kan sirna
abbaa-lafaa balleessee qonnaan bulaa abbaa lafaa godhu qopheessee ture. Kunis,
nafxanyootaf mataa-dhukkubbii guddaa itti ta'e.
Koloneel Maammon, Afaan Oromoo, Amaariffaa fi Ingiliffa sirriitti danda'a ture. Yeroo sanatti
walaloowwan adda addaa Afaan Oromootin barreessee walga'ii Maccaa fi Tuulmaa irratti
dhiyeessun ummata gammachiisa ture. Kana malee, taba adda addaa kan hacuuccaa
Oromoon keessa jiru agarsiisan barreessee walga'irratti dhiyeessa. San bukkeetti,
Maammon nama dubbii danda'u waan ta'eef dargaggoota heddu gara waldichaatti fide.
Mul'ata guddaa kan qabuu fi nama fageessee yaadu kan ture Maammon, qabsaawota Fincila
Baalee wajjin Maccaa fi Tuulamni hariiroo akka uumu namoota godhan keessaa isa tokko.
Xalayaa qabsaawota Baalef barreesserratti akkas jedhee ture "seenaa ilma namaa keessatti,
ummanni mirgaa fi bilisummaa isaatif du'a odoo hinsodaanne qabsoof ka'u yoomiyyuu
niinjifata". Haala kanaan, Finciltoonni Baalee fi Maccaa fi Tuulamni waliin akkamitti akka
socho'an mari'achaa turan.
Sobaan Himatamuusa
Miseensota Maccaa fi Tuulamaa irratti duulaa kan bane mootummaan Hayilasillaasee
himata sobaatin koloneel Maammoo himate. koloneel Maammoo Gurraandhala 10 bara
1967 uummata Siniimaa Ampiir keessatti walitti qabamerratti boombii dhukaaftee namoota
hedduurratti miidhaa geessise jechuudhan himatame. Boombii kana kan kiyyeesse garuu
humna tikaa nageenyaa mootummaa yoo ta'u namoota kana keessaa tokko wayita
kiyyeessu itti dhuka'ee harki irraa cite. Guyyaa muraasa boodas, Mammoon boombii situ
dhukaase jechuun qabame. Erga boombichi dhoo'ee guyyaa kudhan booda, Maammon gara
mana siinimaa geeffamee suura kaafame. Mana hidhaa keessattis, reebichaa fi dararaa
guddaan walirraa hincitin irra ga'e. Dararaa guddaa boodas Maammon anatu godhe jedhee
akka mallateessu dirqame. Akkaataa kanaan, shira mootummaan fiwudaalaa hojjateen
himatamee gaafa Gurraandhala 28, 1969 murtoon du'aa irratti murtaa'e. Diraama kun
Maammoo qofa odoo hintaane, miseensota Maccaa fi Tuulamaa hunda qabuuf sababa
gaarii ta'eef.
Koloneel Maammoo Mazammir gaafa diraamaa mootummaan dalageen murtoon
sobaarratti muraataa'ee fannifamuuf jedhu dhaamsa dhumaa akkas jechuudhaan
dhaammate:
dhiigni koo dhiiga mirga uummata oromoo kabachiif dhangalaatedha malee dhiiga lafatti
bade miti. Dhiignii koo qabsoon Oromoo akka latu bishaan ta'eefi guddisa. Har'a
maalummaa uummata Oromoo balleessuudhaaf nama uummata Oromoof qaroo ta'e damee
tokko murtanis dameen uummata Oromoo sagal ta'ee lata. Dhiiga uummata oromoo har'a
dhangalaa'aa jirunis ta'e bor dhangala'u dabalatee uummati Oromoo mirga isaa akka
kabachiifatu hinshakkinaa. Garuu mooti badii ani hinhojjatiniin murtoon kun akka narratti
raawwatu godhee fi fakkaattonni isaa ummata Itoophiyaarraa murtoon wal fakkaataa akka
isaan qaqqabu itti naaf himaa!
Koloneel Maammoo Mazammir himata sobaa ragaa hin qabneen himatamuudhaan bara
1969 mana adabaa "alem beqqanyi" jedhamu keessatti fannifame. Koloneel Maammoo
Mazammir osoo mirga uummata Oromootiif hin fannifamin dura abbaa ijoollee lamaa ture.....Kun Olmaa Gotoota Kaleessaatti 💔
...
15/01/2026
Seenaa Finfinnee keessaa waan muraasa
================================
Ilmaan Oromoo Finfinnee bulchaa turan.
1. Caffee Tuulamaa- Tufaa Munaa .
2. Birbirsaafi Gullallee - Qajeelaa Dooyyoo.
3. Teessoo - Guddataa Araddoo.
4. Boolee -Shubuu Ejersaa.
5. Boolee Bulbulaa - Soraa Lomee.
6. Kolfee - Axalee Jaatanii.
7. Daalattii - Jamoo Dabalee.
8. Jarsaye - Galatee Ashatee.
9. Yekkaa - Abeebee Tufa.
Karra Shanan Finfinnee.
~~
1. Karra Qirxi – karra gara kaabaa geessu.
2. Karra Qoree – karra karaa Jimmaatti geessu.
3. Karra Alloo- Karra karaa Wallootti geessu.
4. Karra Qaalluu/Qaallittii- karra karaa Bishooftuutti geessu.
5. Karra Gafarsaa-karra gara dhiyaatti nu geessu.
21/11/2025
Leenca Oromoo, fiixee dhirummaa Hacaaluu Hundeessaa Boonsaa bara 1995 Ambotti.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
4 Kilo
Addis Ababa