Gulelle press
07/04/2024
Walfixuurra Dubbii Fixuu!
= = = = = = = =
Rakkoo nageenyaa naannoo keenya keessatti uumamaa ture araaran hiikuun nagaa buusuuf, mootummaan yaaliiwwan walirraa hincinne taasisaa turuun isaa niyaadatama. Yaaliwwan araraan nagaa buusuuf taasifamaa turan, shira qaamoleen adda addaa biyya keessaafi alaa xaxaa turaniin osoo hinmilkaa’in hafuun isaa nibeekama. Haa ta’u malee, rakkoo nageenyaa naannoo keenya keessa jiru araaraan xumuruuf mootummaan karra nageenyaa bane ammas hincufne.
Nageenya buusuuf uummataafi qaamolee qooda fudhattoota ta’an waliin qindoomuun waamicha nageenyaa dabarsuun hojii bal’dhaa ta’e raawwachaa jira. Hojii hojjetamaa jiruunis yeroo ammaa kana hidhattoonni kumaatamaan lakkaawaman dararaa uummata isaanitti dhuma gochuuf karaa nagaatiin galaa jiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota waamicha nagaa fudhachuun galaa jiraniifi qaamolee milkaa’ina kanaaf gumaachan maraaf dinqisiiffannaafi kabaja olaanaa kan qabu ta’uu ibsuun barbaada. Humnoota qalbii jijjiirratanii gara nagaatti dhufaa jiraniifis, mootummaan jiruufi jireenyaatti akka deebi’an haalota barbaachisoo ta’an hunda mijeessuun hojii deebisanii dhaabuu eegale karaa hiikoo qabuun cimsee kan itti fufu ta’uu nan mirkaneessa.
Rakkoon nageenyaa Naannoo Oromiyaa keessatti uumame uummata Oromoof miidhaa malee faayidaa tokkollee kan hinqabne ta’uun beekkamaadha. Achiinis asiinis kan wal diineffatu qaama maatiifii dhiiga tokko. Akkuma Oromoon jedhu “walfixuurra dubbii fixuu”n osoo danda’amuu, dhimmoota xixiqqaa irratti walhiruun qabsoo ummatichaa irbaata kiyyoo diinaa kan taasisu ta'uun ifa galaadha.
Rakkoon nageenyaa naannoo keenya keessatti umamaa jiru, boqonnaa haara qabsoon ummatichaa bane ariitii barbaadameen akka hindeemne kan gugachiisufi abdii boruu sabichaa kan qisaasessuudha. Ummataaf qabsoofna taanaan aarsaan hinbarbaachifne hanga yoonaa kaffalle gahaadha; nu gaha!
Uummanni keenya sagalee nagaafi dambooba dheebotaa jira; mariifi marabbaan bahee galuufi makarachuu hawwiin eegaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
1000
Addis Ababa