Getu Damboba
08/08/2025
ወንድሜን አፋልጉኝ
ወገኔ ዳንቦባ ይባላል የአዳማ ከተማ ቦሌ ክ/ከ ነዋሪ ነው በ2015 ለስራ ሄጃለዉና እደውላለሁ ብሎ ብጣሽ ወረቀት ላይ ጽፎ ከቤት ከወጣ ብንጠብቅ ብንጠብቅ ድምጹ ራቀብን ጭንቀት ላይ ኔን በተለይ እናታችን ሁለ ታለቅሳለች እባካችዉ ታናሽ ወንድሜ የት እንዳለ የምታዉቁት እንድታሳውቁን በፈጣሪ ስም እንጠይቃቸዋለን።
ስሜ ጌቱ ዳንቦባ
☎️+251916178893 ወይም
+251935581101
እባካችሁ ሌሎች ጋር እንድደርስ Share አድርጉት
ስለምታደርጉልን እርዳታ ከልብ እናመሰግናለን።
Obboleessa kiyyaa na Iyya'a
Wogenee Danboobaa jedhama jiraata Magaala Adaama kutaa Booleti dhuma bara 2015 hojii deema nan bilbilaa jedhee waraqaa irratti barreesse eerga mana bahee bilbilli isa hin hojjattu ni bilbila jennaa eegnus hanga amma argachuu hin dandeenyee maatin hedduu dhiphannee jira keessuma haarmeen keenya guyyaa guyyaan ni boossi namni obbolleessa kiyya xiqqaa kan bakka isa beektan akka nu beeksiiftani dhiphina kan keessa nu baaftan jaalalaan Waaqan isan gaafanaa.
Anni Geetuu Danboobati
☎️+251916178893 ykn +251935581101
Nama biroo bira akka gahuuf tolchuu hin dagatin.
Deegarsa nuuf tolchitanu galatooma!
Horaa Bulaa!!!
Ummanni Kadhatee Osoo Hintaane Kooree Tajaajila Argachuu Qaba! Obbo Shimelis Abdisa !
___________
Hoggansi keenya hunda dura, ummata akkamii akka gaggeessu ifatti beekuu qaba.Ummanni kun ummata jijjiirama beeku fi barbaadudha.Oduun osoo hintaane,sirnoota akka tulluu fuuldurasaa jaajjaa turan burkutoo taasisee argeera.Adeemsa jijjiirama waggoota shanan darbanis hamilee olaanaan tiksaa tureera.Jijjiiramni taatee guyyaa guyyaa isaati.Yeroo gabaabaa keessatti misoomuun akka danda’amu shaakallii qabatamaa horateera.
Gocha isaatiin yommuu madaalamu garuu, hoggansi hedduun,hoggansummaan isaa ummata jijjiirama dahee guddisu kanaaf ta’uu hinhubanne.Hubannoon kun osoo jiraatee, ummata kanaaf aarsaa fedhe kaffaluuf liphii ijaatiif waan mamu hinta’u ture.Haata'uutii, aarsaa addaa mitii, tajaajiluma ummanni qaroon kun kooree argachuu qabullee,kadhaadhanuu kennaafi hinjiru.
Sila ummanni keenya sirnoota hedduu irratti fe’aman hadheeffatee qabsaa'un isaa maaliif ture? Tajaajila isaaf malu kooree argachuuf hinturree!? Dhugaan jiru garuu kana hinagarsiisu.Inumaayyuu, ijoollee isaatiin mirga isaarraa moggeeffamee, kajeeltuu tajaajilaa ta’e.Dhugaan fudhachuu qabnu yoo jiraate,Oromoon ijoollee isaatiin miidhamuun, miidhaa isaa hinxiqqeessu.
Ummanni kun rakkoolee alaafi keessan hoggansumti isaa itti umu hunda damdamatee jijjiirama kana tiksaa jira.Osoo ummata qaawwa hoggansaa jiru ofumaan duuchatu ta’uu baatee, qaata bittinaa’a ture.Egaa akka hoggansaatti waalama hubachuun dirqama ta’a. ,Ummata akkamii akka hogganaa jirru beekuu qabna. , Hanga Tajaajila qulqullinaa fi ga'uumsaan hin hoggannetti,wanti addaa nuti hoggannu akka hinjirre hubachuu qabna.
Dhumarrattis,ummanni keenya,har’as ijoollen isaa ofjijjiirtee tajaajila isaaf malu kan kennituuf ta’uu abdii guutuu qabaachuu yaadachiisaa,hoggansi sadarkaan jiru hundi,osoo abdiin kun hinlaafiin, ariitiin ofjijjiiree ummata isaa fayyadamummaa isaa dhugoomsuun,Badhaadhiina hunda galessa mirkaneessuu qaba!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
Addis Ababa