AmboTimes
29/07/2024
GATII SHARAFA ALAA DABALUUN CARRAA FI DHIIBBAA INNII QABU
================================
Gatii Sharafa alaa dabaluun sababoota adda addaan gaggeeffamu danda'u. Dhiibbaa Siyaasaan, Dhiibbaa gabaa sharafa alaa al seerummaan (Parallel Market) diinagdee fi qalayiinsa irrattii qabu hir'isu fi to'achuuf, Madaallii daldalaa fi diinagdee eegsiisuf kan jedhaman akka fakkeenyattii fudhachuun nii danda'ama. Sababoota kanneen akka fakkeenyaattii bu'ura godhachuun, Itiyoophiyaa keessattii haala qabatamaa amma jirun, gatii sharafa alaa dabalun Carraa fi dhiibbaan innii qabu haa ilaalluu. Akkasumas hojimaata kana keessattii wantoonnii xiiyyeeffannoo barbaadan malafaa dha kan jedhuuf waliin haa turru.
A. CARRAAWWAN
1. Al-eergii dorgomaa ta'e: Omiishnii Itiyoophiyaa gatii baayyee rakasaa ta'en gabaa alaaf waan dhiyaatuuf, lammileen alaas baasii xiiqqoon omiisha Itiyoophiyaa guddaa fi baayyee akka biitan isaan taasisa. Sababa kanaan gatiin sharafaa alaa dabaluun , Omiisha al-errgii gabaa keessattii dorgomaa ta'e , biyyattiin akka dhiyeessituf carraa nii uma jedhame amanamaa. Saba kanaan biyyattiin Al-eergii dorgomaa ta'e akka qabaatuf gumaacha olaanaa nii qabaata jechaa dha.
2. Invastiimantii Alaa Dabaluu- Invastaroonnii alarraa gara Itiyoophiyaa dhufan , galtee fi bu'uraalee misoomaa Itiyoophiyaa keessaa
gatii sharafa alaa xiiqqoon akka argatan isaan dandeessisa. Kun ammoo Investeeroota alarraa gatii sharafa alaa xiiqqoon akka hojiittii seenana waan dadeessisuf , Investaroota alaa akka dabalan nii dandeessiisa jedhame amanama.
3. Haanqiina madaala daldala furu (Reduction in trade deficit): Sharafnii alaa dabaluun wantoota alaa gara biyya keessattii eergaman gatii oldabaluun akka xiiqqatan nii taasisa. Akkasumas gatii al eergii xiiqqeessun , al-eergiin haammaan akka dabalu taasisa. Kun ammoo al-eergii dabalun , kan alaa-biiyya keessa seenan xiiqqeessun , haanqiina madaallii daldalaa (trade deficit) akka hir'atu(furamuu) gochuu keessatti gumaacha guddaa qaba.
B.DHIIBBAAWWAN
1. Qalayiinsa:-
Gatiin Sharafa alaa dabalun , gatii meeshaallee alarraa gara biyya keessaa eergaman haalaan akka dabalan taasiisaa. Muxannoo biyyattiin madaala daldala - hir'inaan (Budjet Deficit) kan beekamu yoo ta'u, kuniis hojii, jiruu fi jireenya lammilee Itiyoopiyaa maxantummaa Omishaalee alaa gara biyya keessa eergaman irratti qabu guddaa akka ta'e agarsiiftuu guddaa dha. Kana jechuun daballiin gatii sharafa alaarrattii taasiifamu, gatii jireenyaa(living cost) akka dabaluu godha. Kun ammoo qalayiinsa jiru haammaan akka ol ka'u godha.
2. Gati Liqaa biyyattirra jiru dabaluu: Itiyoophiyaan liqii maallaqaa sharafa alaan fudhatte guddaa akka ofirraa qabdu nii beekama. Dabaluun gatii Sharafa alaas , gatiiwwan liqaa alaa haanga yoonaa hin kanfalamanee haammaan akka dabaluu godha.
3. Jeeqamuu Diinaggee yeroo gabaabaa mudachuu: Adeemsa gatii sharafa dabaluun kaayyoo barbaadamee dhugoomsuuf imala taasifamu keessati, wal dhayiinsaa fi jeeqamu gabaa fi diinagdee mudachuu malla. Haaloota hin murtoofne nuuti quba hin qabaanneef wantoota to'annaa aala ta'aniifis saaxilamu malla. Kanaaf qophii falaa waliin barbaada.
C. WANTOOTA XIYYEEFFANNOO BARBAADAN
1. Seektara Qonnaa :- Itiyoophiyaan diinagdee Qoonnarrattii maxanee gaggeessaa jiraachuusheerraan kan ka'e , gatiiwwan galtee qonnaa ta'an kanneen akka xaa'oo, keemikaaloota , meeshaallee qonnaa daran nii dabala. Kuniis gatii alaa fichiisuu fi kaayyoo Seektara qonnaa dhugoomsuu irrattii dhiibbaa guddaa nii qabaata.
2. Meeshaallee Barbaachisummaan(Demand) isaanii gadii hin bune ( Price Inelastic Imports) :- Itiyoophiyaan Boba'aa, Maashiinoota gurguddoo, xaa'oo fi kkf alarraa fichiisifti. Meeshaalleen kunneen gatiin isaanii haagam fedhee yoo dabalee, galtee bu'uraa waan ta'aniif barbaachisummaan(Demand) isaanii gadii hin bu'u. Kanaafiis gatiin meeshaallee alaa fichiisfnuu olka'a (higher import bill) akka hordoosiisu isa taasisa. Kuniis hojiiwwan fi proojeektiwwan jalqabaman heedduu akka karaattii hin haambiisnee fi qabeenyii haanga yoonaa irrattii dhangalayee akka qisaasamnee hin haafneef xiyyeeffannoo guddaa barbaada.
3. Dhiibbaa Qalayinsaa:- Itiyoopiyaa keessatti Seenaawwan gatii Sharafa alaa dabaluun mudannee dabarsinee keessattii, muxannoon jiru qalayiinsa gurguddaaf akka saaxilamaa as geenye kan agarsiisu dha. Kuniis daldala biyya keessaa haanga Idil addunyaatti qabnuu irrattii dhiibbaan isaa mul'ateera. Ammas daballiin gatii sharafanalaa , qalayiinsa to'annaa alaa ta'e umuun , biyyii gara jeequmsaa fi tasgabbii dhabuttii akka hin galchiinee dursanii falasaa waliin ittii seenuun diirqama.
Kanaaf wantoota nuu mudachuuf jiran armaan oliittii eeraman , deeggarsa bajataa (Subsidies) n furuun nii danda'amaa? Akka dhagahaameettii deegarsii bajataa ibbeentaa 10 nii taasifama jedhameera. Deeggarsii bajataa godhamuu kun daldaltoota/inveataroota moo uummata bal'aa fayyadamaa taasiisa? . Fallii maalii kana jedhaniif , kutaa ittii anuutii waliittii deebiinaa.
Haalkan gaarii!
Taagal Daaqaa Waaqgaarii
10/04/2024
"Batteetu ajjeefame malee ilaalchi inni ajjeefameef, xaa’oo ittiin guddatu argate. "
==========
Lalisaa Indiriis Adam
Abbaan humna qabu haallii fi yeroon yoo hayyameef nama barbaade ajjeesuu danda’a. Garuu ammoo yaadaafi ilaalcha ajjeesuun hin danda’amu.
Silaa utuu hooggansa waliin ilaachaafi yaadni ajjeefamuu danda’e, ilaalchonni siyaasaa har’a guddatanii qormaata warra dhihaa ta’aan hedduun isaanii hin jiran. Silaa gaafa Osama Biladen ajjeefame sana Alqaayidaanis ajjeefame. Silaa gaafa Saddam Hussein fannifame sana siyaasni bitaa (socialism) fannifamee obbaafata ture.
Asuma biyya keenyattis, ilaalchaafi yaada gamaafi gamanaa ittiin wal fixaa jirruuf, furmaatni beekaafi hayyuu wal jalatti fixuu hin turre. Kun har’as waan kaleessaafi muuxannoo addunyaarraa barachuu dadhabuu keenya agarsiisa.
Battee Urgeessaa nama rasaasni maluuf hin turre. Battee Urgeessaaf silaa teessoo kabajaatu maleef. Namni kun hayyuu qaramee fi goota dhugaa ta’uu hunduu ni beeka. Ammoo siyaasni inni hordofu illee siyaasa giddu galeessaafi nama yaadatti amanu. Wal ajjeesuufi wal ukkaamsuu caalmaa, waliin haasa’anii rakkoo furuun akka danda’amu dubbachuurraa nama duubatti hin jennedha.
Sababa Kanaaf jechas, yeroo namni martuu dhokateefi suuqatti galetti, kaninni callisa cabsee gadi ba’ee dhugaa Oromoo himaa tureef.
Guddisni Nadhii Gammadaa, barataan Baqqalaa Daawwanoo ammas faana isaanii hordofe. Ilaalcha abbootni isaa hordofan itti fufsiisee, dhaloota isa caalaa abidda ta’anitti guca hin dhaamne kennee wareegame.
Wareegamni ammoo naaftaa qabsooti. Batteetu ajjeefame malee ilaalchi inni ajjeefameef, xaa’oo ittiin guddatu argate.
Gootni seenaa dheeraa malee, umurii dheeraa hin qabu!
Boolla kee daadhiin haa guutu!
የዋቄፈታ ሀይማኖት ተከታዮች አባ ገዳዎች በብፁ አብነ ሄኖክ የተባለ ግለሰብ እና ተባባሪዎቹ ላይ ክስ ሊመሰርቱ እንደሆነ ገለፁ።
የተከሳሹ ድርጊት በዋናነት የዋቄፈናን ሃይማኖት መልካም ስም የሚያጎድፍ በመሆኑ ፤ ለሀይማኖቱ ያለውን ጥላቻ በመግለጽ ፤ ሰፊ የሃይማኖቱን ተከታይ እና የኦሮሞ ህዝብን ስሜት የሚነካ ፣ በሚያዋርድ እና ሃይማኖቱን በሚያናንቅ መልኩ የተፈጸመ በመሆኑ በግለሰቡ እና በተባባሪዎቹም ላይ ክስ ሊመሰርቱ እንደሆነ ገለፁ!!
04/08/2023
😀
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa
01156
Opening Hours
| Monday | 09:00 - 17:00 |
| Tuesday | 09:00 - 17:00 |
| Wednesday | 09:00 - 17:00 |
| Thursday | 09:00 - 17:00 |
| Friday | 09:00 - 17:00 |