Fayisa Fite
31/01/2026
Peestaala Dhorkuun Biyya keenya hin guddisu ykn hin bareechu.
Labsii ji'a 6 dura baheen namni peestaalaan osoo mi'a baatee deemuu argame qarshii 5,000 hanga 50,000 adabama jedhame. Kan gurguree argame immoo qarshii 200,000 akka adabamu eera ibsichi.
Peestaala dhorkuun faayidaa inni qabu irra miidhaa inni qabu tu mul'ata. Waanti kaartooniin peestaala bakka bu'e kun kan rooba hin dandeenyeedha. Kana jechuun osoo waa qabattee deemtuu yoo sitti roobe wadaroo qofa rarraafattee galta😁.
Akkasumallee konkolaataawwan fageenya (Kutaalee Biyyattii) qaxxaamuruun deeman imaltoonni yeroo dhukkube (Shaataan qabe) peestaala kana kennuuf. Namni tokko yoo kaartoonii kanatti gadhiise ( shaatee ) keessa darbee uffata abbichaa akkasumas Konkolaataa balleessa. Kunillee rakkoo dha. Waantota akka biddeenii, daabboo yeroo ala irraa bitan illee kanuma feestaala keessaa bahu wayya. Kaartoonii kanan namni biddeen kiisiitti ykn shaanxaatti baachuu isaaniiti🤭😁.
Akka furmaataatti..
( Isa Magaalaa Gara garaa Keessatti kan arginuu Sanduqa Kosii) Bakkeewwan ,Bus Station, Addabaabayii namni itti heddummatuu fi daandii dhuma irra darbee bakkee tokko tokkotti waan akka baarmeelaa kosii, waraqaa waan akka softi akka namni achitti keessatti gatuuf Hubannoo Uumuu fii Baratamaa gochuun furmaata.
Namuu akka waan arge karaa irratti hin ganne gochuunis barbaachisaa dha. Kanaaf peestaala callisanii dhorkuun anaan faayidaan isaa natti hin mul'atu.
Namoota biddeen itti bitatan, warra baasii dhaan fagoo deemanii fi warra karaa kaabaa kanaafis yaadaa mee irra deebi'aatii🤭
Kun Yaada Kooti Isinis Yaada Keessan Comment Keessatti Barreessaa.
21/01/2026
Faarfattoota fakkeenya kiristaanummaa ta'an Dammituuf Jireenyaa 😍
Albamni Dammituuf Jireenyaa mata-dureensaa “IDDOO ISA OLAANAA” jedhu amajjii 17, dilbata waaree booda Waldaa G/W Gullalleetti eebbifama.
16/01/2026
Baga Dhalatte Obbolessaa! Kara Deemaa Daniel Gemeda
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Website
Address
Ethiopia Addis Ababa
Addis Ababa
ETH