Dirree Oromiyaa
12/04/2026
11/04/2026
Sagaleen maanguddoo kanaa gurra koo keessaa na iyyaa bule. "Uuuu...ani badee.....ani badee...ani badeeeeeee! Biyya eessaattan gala...biyya eessaattan gala...?"
Video sanarraa dargaggoota gurmuudhaan maanguddoo tokko reebaniifi gidirsan qofa miti kan namatti mul'atu. Safuu cabe, oromummaa bade, baalagummaa daangaa dhabe fi gadi deemuun keenya eessa akka qaqqabetu namatti mul'ata.
Maaloo fira koo dhaloonni kun inuma manca'ee?
Baay'ee nama gaddisiisa. Waaqayyo nutti haa araaramu!
Poolisiin magaalaa Roobee, namoota yakkaa reebicha hamaa maanguddoo kanarratti raawwatan hatattamaan qabdanii to'annoo seeraa jala oolchuu keessaniif guddaa galatoomaa! Gatii isaaniif malu argachuu qabu!
Yaa maanguddoo nana, dhiifama nuuf godhi. Hafuu nuuf jedhi! Silumaa badneerra, abaartee kan caalu nu hin balleessiin!
11/04/2026
Waggaa lamaan har'aa:
Nama qulqulluu kana, qaroo Oromoo kana manaa gadi baasanii harka duubatti hidhanii rasaasaan erga ajjeesanii booda reeffasaa waraabessi akka nyaatuuf bakkeetti gatanii biraa deeman!
Yaa Battee Urgeessaa,
Qulqulluun dhiiga kee akka dhiiga Abeelitti Waaqayyotti haa iyyatu! Warri yakkaa tokko malee si galaafatanii maatii keefi lammii kee qabbana dhowwatan jiruunsaanii qabbana haa dhabu. Cubbuun isaan sirratti raawwatan bahaafi gala isaaniitti boqonnaa isaan haa dhorku! Dhugaan kee akka biiftuutti bakka hundaatti haa ifu.
Dhugaa Oromoo dubbachuutti lubbuu kee tokkittii wareegde!
Galatoomi!
via Leta Kenai
11/04/2026
Viidiyoon maanguddoon ogeessa fayyaa turan otoo gamtaa dargaggootaan tumamanii mul'isu bahe dheekkamsa uume.
Maanguddoon kun Waaqoo Kadiir Tugee jedhamuu jedhan namoonni beekan.
Ogeessa fayyaa tahanii Hospitaala Dambi Doolloo, Hospitaala Goobbaa, Hospitaala Gindhiir fi Raayitutti buufataa fayyaa hojjetaa turan jedhan.
Walumaagalatti waggoota 35 hojjachaa kan turanii fi amma sooramni isaanii geenyaan sooramaaf document isaanii sirreeffatuudhaaf olii gadi ifaajaa otoo jiranii gurmuu dargaggootaatiin buufata konkolaataa Roobee keessatti tumamanii miidhaan irra gahuu maddeen OMNtti himan.
Namni kun ilmaan lola daangaa irraa bara 2009 naannoo Oromiyaa fi Somaalee gidduu tureen akka dhabanis himan.
Dargaggoonni gochaa saalfachiisaa kana raawwatan seeratti akka dhihaatan fayyadamtoonni marsaalee hawaasaa heddumminaan gaafataa jiru.
Gochaan akka kanaan buufataalee konkolaataatti lammiilee irratti irra deddeebiin akka raawwatamu kan dubbatan namoonni yaada kennan, tarkaanfiin seeraa barsiisaan akka fudhatamu gaafataniiru.
Itoophiyaa keessatti seerdhablummaan dagaaguu isaatiin lammiileen bahanii galuunuu sodaa itti ta'uu himatu via OMN
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Website
Address
Addis Ababa
K13