MARTI KET
25/03/2026
🚨 BREAKING: Ministirri Ittisaa Raashiyaa Israa'el, U.S., fi Biyyoota Galoo Galaanaaf Gorsa Kenne:
"Iraan sirna misaa'ela haleellaa Ameerikaan illee hin qabne qabdi. Misaa'eloonni sadarkaa olaanaa qaban hanga ammaatti itti hin fayyadamne jiru. Iraan Israa'el qofa osoo hin taane guutummaa Baha Giddugaleessaa balleessuu danda'u kuufama misaa'ela qabdi."
"U.S. fi Israa'el waraana kana hatattamaan akka dhaabsisanii fi duula waraanaa Iraan irratti gaggeeffamaa jiru fashalaa'uu akka beeksisan gaafanna. Kana ta'uu baannaan kasaaraan fi miidhaan akka tasaa fi kan hin eegamne ta'a."
14/05/2025
Michummaa biyyoota Lixaa fi Mohaammad bin Saalmaan, Ilma Mootii Sawud Arabiyaa
Joo Baayiden yeroo gara Sawud Arabiyaa deeman, Mohaammad bin Saalmaan buufata xiyyaaraa deemuun hin simanne. Jila biraa ergan malee.
Tiraampiin garuu ofumaan deemee simate. Tiraampi ''michuukoo'' jechuun isa waame.
Mohaammad bin Saalmaan gaggeessitoota biyyoota Arabaa irraa adda tahuun maaliif Tiraampii fi biyyoota Lixaa biratti jaalatama?
👉👉 https://bbc.in/4iZQetn
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Address
Addis Ababa
1000