Bright Generation Academy
09/12/2023
Bor ykn Sadaasa 30/03/2016 sa'aatii 6:30 irraa tti Wal-argaan Keenyi GGAO haata'u!!!
26/11/2023
Eebba kitaabaa
------------------------
Jalqaba irratti kabajamoo saba keenya bal’aafi guddaa biyya keessaafi biyya alaa jiraattan hunda keessaniif nagaan waaqayyoo haa ta’u. nagaakootti aansuun kitaaba koo mata dureen isaa “milkaa’inni kee murtoo keeti” jedhu dhaloota jaarraa ammaa keessa jiraatan giddu- galeessa godhachuun akka irraa baratanii jijjiramaniif muuxannoofi beekumsa saayinsawaa argadhe irraatti hundaa’uun barreessee guyyaa eebbaaf qaqqabsiiseera.
Haaluma kanaan, guyyaan sirna eebbaa sadaasa 30/03/2016 ali yommuu ta’u, bakki eebbaa ammoo giddu gala aadaa oromoo magaalaa finfinneetti ta’ee sa’aatii eebbi itti eegalu 6:30 local time ta’a. Sagantaa kana irratti namoota gurguddoo, hayyoota Yuunivarsiitii adda addaafi artistoonni oromoo qaqqaaliin bakka argamanitti bifa hawwataafi duudhaa ummataa eeggateen qophaa’ee waan jiruuf dhaloonni keenya fagoofi dhiyoo jirtan waamicha kabajaa kana irratti akka argamtaniif isin kanan affeeru yommuu ta’u, akkuma kana hiriyyoota keessaniif bifa danda’ameen waamicha kabajaa kana naaf gahaan waamicha kooti!!!
Horaa bulaa!!!!!!!!!!!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the school
Telephone
Website
Address
AA
Addis Ababa
XX