Labata Magazine
ɪғᴀ ᴊɪʀᴇᴇɴʏᴀᴋᴏᴏ💡
Nama keessaa-alatti yaaduuf qabxileen jiraachuu isaaf sababa ta'an waan inni fudhatu miti waan inni kennudha.
Baay'een keenya waan ta'uu qabnu beekna; akkamitti gaaffii jedhuuf yoo jireenyaan leenjifamne malee kan hojjechuun nuuf ta'u beekuun qofti kitaaba qajeelfama sirrii qabate malee jireenya sirriitti jiraatame waan bakka hin buuneef leenjifamuun dirqama.
Maalumaafuu, hojii Waaqni Siin ilmaan namootaaf hojjechuu jaallatetti abdii hin kutiin malee jireenyikee Ifa ilmaan namootaa ni ta'a.
"ʏᴏᴏ ᴀᴛɪ ᴏғɪɪғ ʜɪɴ ᴛᴀᴀɴᴇ; ᴇᴇɴʏᴜ ᴀᴋᴋᴀ ʏᴀᴀᴅᴅᴜ sɪɪғ ᴛᴀ'ᴀ, ᴊɪʀᴀᴀᴄʜᴜᴜɴ ᴋᴇᴇ ɴᴀᴍᴏᴏᴛᴀ ʙɪʀᴏᴏғ ʏᴏᴏɴ ᴛᴀᴀɴᴇ ʙᴜ'ᴀ-ǫᴀʙᴇᴇssᴜᴍᴍᴀᴀɴ ᴋᴇ ᴍᴀᴀʟɪ" ?
Jecha Jeneraalli waraanaa dubbate tokko na dhiba !
"Waraanatti osoo hin galiin dura of-ittisaa akkamiin diina rukutuu akka dandeenyu sirriitti karoorsina. Erga waraanatti seennee garuu karoorri keenyaaf waanti nu mudatu wal hin fakkaatu, karoorri baafne homaa akka nun fayyadne argina. Yeroo utuu hin gubiin karoora haaraa dhugaa keessa jirru fakkaatuun lola itti fufna" jedhe.
Jireenya keenyaanis wantoota arguuf karoorsine caalaa taatewwan haaraa hin eegamne argineerra.
Karoora haaraa baasuufis hamilee hin dhabne. Jireenyi Ifa ilmaan namootaa ta’uuf uumame haalota jala dhokachuun waanuma hin tolle !
Leenjifamnee ol jennee jiraachuun murtoo irra hin deebi'amne !
Labata Printing and Advert
Labata Magazine
02/04/2022
Ramadan Kareem to all of Muslim brothers and sisters! Hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ji'a kabajaa sooma Ramadaanaa kan bara 1443’tiin isin ga’e.
08/03/2022
Labata Magazine
Baga guyyaa Dubartoota Addunyaa geessan.
Maxxansa 10ffaa👇👇
Labata Magazine Barruu Labata maxxansa 10ffaa Labata Magazine 10th Edition Adoolessa 9, 2021 https://t.me/labatamagazine
02/03/2022
Adwa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa