Dr.Fayyaa
27/04/2026
Har'aa- Qoricha osoo fudhatanii dhugaatii Alkoolii qabu dhuguu!.
====== ======= ======= ====== ====
Qeerroo waggaa 24ti. Dhukkuba garaa keessaa isa muudateef Qoricha kiniinii Meetirondaazoolii (Metronidazole) jedhamu liqimsaa jira. qorsa kana osoo fudhatuu har'a hiriyaa waliin maaf xiqqoo if haaromsinee "relax" goone hin deebunu jechuun manaa bahanii wooki (walk)😂 gochuu jalqabu. sana booda reestoraantii naannawa jiru yoo gahan Aannan(biiraa jechuu isaaniti) dhugne galla silaa takka manaa baane jechuun achi seenanii dhuguu eegalu. Dhugaatiin Aannanii kun (biiraa)isaaniif haaraa miti!
Mucaan kun biiraa (Aannan) qaruura 4,5 fudhatuyyuu moq😂 hin jedhu jedhan!😂
har'a garuu wayita biiraa tokkottii xiqquma walakkaarra gad dabarsu garaa dhukkubuu jalqabe jedhaan. Dafee dafee haqqisiisa, lolloojjisa! waan garaa qabu haqqisee fixatuyyuu miirri ol itti adeemuu(miirri haqqisiisuu) dhaabbachuu dide jedhani. sana booda maba yaalaa fidan
Yaalaatti:- Dhukkubsataa kana yoo ilaallu baayyee laafeera! . mallattooleen hir'ina dhangala'aa qaamaa agarsiisan ni jiru; dhahannaan onnee isaa baayyee olka'eera! Garaa isaatirra dhukkubbii xiqqaan ta'e ni jira.
*kana ergan ilaalee waayee ka'umsa dhukkuba kanaa fi dhibee kana dura qabuu, qoricha fudhatuu fi erga dhukkubbiin kun itti dhufee maal akka ta'e qorachuun eegale. Innis dhibee biroo akka hin qabnee fi qoricha meetiroondaazoolii jedhamu akka liqimsaa jiru natti hime. Anis maddi rakkoo isaa qoricha inni liqimsaa jiru kanaan akka walqabatu itti hime.
==>Qorichi(dawaan) inni fudhatuu fi alkoolii(biiraa) inni dhuge kun wal simuu diduun qaama isaa keessatti dirree waraanaa banuun jeequmsa akka fidan 😂 itti himeen gara yaala nagaa buusuutti deeme. Tajaajila yaalaa isaaf malu erga argatee booda tasgabbaaye gara mana isaattii deebi'e!
(Metronidazole) kun maal?
==>Dawaan kun dawaa farra baakteeriyaa fi pirootoozo'aa ta'e dhibeewwan kanneen akka infeekshinii ykn dhibee gogaa, ilkaanii, garaa keessaa fi qaama hormaataa(saalaa) yaaluuf gargaarudha.
==> of eeggannoo wayita qoricha kana fudhatan godhamuu qaban:-
1. Wayita dawaa kana fudhatan fi erga fudhatanii booda yoo xiqqaate sa'aatii 48f (guyyoota 2f) dhugaatii alkoolii fudhachuu(dhuguu) dhiisuu!Balaa Wal simuu dhabuu kan akka qorsa"Daayisalfiram" jedhamu qabu fida. Qorsi Daayisalfiram jedhamu kun namoota susii alkoolii dhuguu qaban yaaluuf oolidha-Kunis "disulfiram-like reaction" kan jedhamudha. (Rakkoon dhukkubsataa kootii isa kanadha)
2. Dhukkubbii tiruu cimaa nama qabu yoo ta'e qorannoo laabooraatorii taasisuun booda haala fudhannaa qorichaa sirreessuu!
==> Miidhaawwan qoricha kana fudhachuun dhufuu danda'an (side effects):-
a-Dhandhama sibiilawaa arraba irratti fiduu
b-bowwoo mataa fi lafa maruu
c- haqqee fi garaa-baasaa
d-fincaan gurraacha'uu
e- gogaa qaamaa gubuu, hadooduu fi gaggabdoo.
kunneen namoota muraasarratti kan uumaman waan ta'eef qorsa (dawaa) kana fudhachuuf waan nama dhorkan miti!
Hubatamuu Qabu:-
Namni qoricha fudhatu, kiniinii ta'ee marfee ykn dibata ta'ee shirooppii waayee dawaa sanaa ogeessa gaafachuu qaba ykn ogeessi itti himuu qaba!
2. Qorsii(dawaan) yeroo akkamii akka fudhatamuu fi of eeggannoo nyaataa fi dhugaatii waliin walqabatuu haalan gorfamuu qaba!(Dhukkubsataan koo odeeffannoo kana ogeessa irraa hin arganne)
3. Qorichi(Dawaan) tokko tokko of eeggannoo cimaa gaafatu, miidhaan isaaniin walqabatee dhufu hanga lubbuu namaa balaarra buusuu danda'u!
4. Qorsi yoo kennamu sirna ajaja qorichaa (prescription rule) eeguu !
******************************************
fi nagaa hin dhabinaa, nagaan tura!
11/04/2026
✝️Kiristoos Du'aa ka'eera!!!
Eeyyeen Du'aa ka'eera✝️
Hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga Ayyaana du'aa Ka'uu Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosin Isin ga'e; nuun ga'e! Ayyaana gaarii!
-Nyaata Cooma fi mi'eessituu qabuu kan ji'oota lamaan darbaniif hin nyaanne amma nyaachutti jirtu waan ta'eef of eeggannoo taasisaa, hanga garaan keessan nyaata kanneen waliin wal barutti nyaata baay'isuu dhiisuu fi wayita hojjatamullee dhadhaa,zayitaa fi mi'eessituu xiqqeessun gaarii ta'a!
Ayyaana Gaarii!!!
fayya
16/03/2026
Namni Dhibee sukkaaraa qabu nyaata akkamii nyaatuu qaba?
***************************************** ****
Gosti nyaataa namoota dhibee kana qabaniif filataman baayyeen isaanii biqiloota irraa kan argamanidha.
nyaataa fi tartiiba isaanii:-
1. Nyaata biqiloota magariisaa irraa argaman soorachuu- Gosootni nyaata kanneenii wal'aansa dhibee sukkaaraa keessatti sadarkaa 1ffaarra kan jiranidha.
Qabiyyee soorataa gaarii kan qabanii yoo ta'u hammamtaan sukkaaraa fi kaaloorii isaanii baayyee xiqqaadha. Dabalataanis Vaayitaaminoota fi albuudota gaarii kan qabanidha.
Fakkeenya- Raafuu gosoota garagaraa!
2. Nyaata Faayibariin badhaadhan- qabiyyee sukkaaraa xiqqaa kan qabanii fi faayibariin qaban sukkaarrii nyaata keessa jiru baayyee akka hin xuuxamne gargaara.
Fakkeenya- Ruuza( diimaa), Ajjaa
3.Nyaata Zayiita Fayyaalessa ta'an fi muduraalee-
qabiyyeen sukkaara isaanii baayyee xiqqaa kan ta'anii fi qaamni insuliiniidhaaf haala salphaan deebii akka deebisu kan taasisanidha. Albuudota akkasumas Vaayitaaminoota murteessoo ta'an haalan qaban.Fakkeenya-Avokaadoo
4. Nyaata pirootinii kan madda biqilootaa irraa - argaman- gosootni nyaata kanaa qabiyyee pirootina bareeda kan qabanii fi sukkaarri isaanii xiqqaa kan ta'edha..
Fakkeenya- Baaqela, Atara, Missira
Akka waliigalaatti nyaatni namni dhibee sukkaaraa qabu sooratuu qabu 50% biqiloota fuduraalee fi muduraalee, 25% ammoo pirootinii fi 25% Zayiita(cooma) fayyaalessa ta'an kan of keessa qaban yoo ta'e filatamaadha!
Hub: Gosootni nyaata armaan olitti tarreeffaman kunneen warra ijoo ta'an malee effama guutuu miti! Nyaatni gosa biraa kan armaan olitti tarreeffamaniin wal fakkaatan hayyamamuu danda'u. Ogeessa fayyaa waliin haalan mari'achuun murteessadha.. wal'aansa dhibee sukkaaraa keessatti wanti sooratamu akkuma isa qorichaa xiyyeeffannoo guddaa gaafata!
Waayee dhukkuba saree maraattee isiniif maxxansee turerratti gaaffii hedduutu gara keessatiin naaf ergamaa jira iddoo tokkotti walitti qabeen cuunfaa isaa isiniif maxxansa warri isiniif hanga ammaa deebii hin deebisne naaf obsaa!🙏
Warri gaaffii qabdan ammas gaafachuu ni dandeessu!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Addis Ababa