Naggasaa Sarbeessaa
23/10/2023
gaalee jedhu Daawit Mootichi Faarfannaa isaa keessatti yeroo 4 faarfate. Daawit Waaqayyo harkisee isa baasuu isaa faarfata. Amma garuu addatti Faarfannaa 40 irra isa jiru ilaalla.
Far. 40
¹ Ani abdii guutuu dhaan Waaqayyoon nan eeggadhe, inni immoo gara kootti jedhee, iyya koos anaaf in dhaga' e.
² Inni boolla huursaa bishaan sodaachisaa keessaa, dhoqqee akka suphee nama qabatu keessaas harkisee na baase; inni miilla koo dhagaa hin sochoone irra anaaf dhaabachiise, ejjennaa koos anaaf in jabeesse,
³ Inni faarfannaa haaraa, isa ani ittiin isa jajadhu afaan koo keessa in kaa’e; baay’een kana arganii isa in sodaatu, waaqayyummaa isaa in amanatu.
Kutaa kana keessaa qabxii ijoon nuyi arginu;-
1. Abdii Guutuu qabaachuun Waaqayyoon gadi namatti akka jedhu godha(Waaqayyo nama dhaga'uu).
- Abdii hir'uun immoo Waaqayyoon nama irraa ol jechisiisa jechuudha(Waaqayyo nama irraa fagaachuu).
2. Boolla Huursaa Sodaachisaa keessaa ba'uu(Du'aaf oduu Du'aa)
- Wanti Waaqayyo harkise namni immoo humna maaliin sochoosuu danda'a ree(Waan humna namaan olii)
3. Raafama keessaa ba'uu(Dhagaa hin sochoone irra dhaabbachuu)
- Wanti nama raasu lafa namaan sochoosee, dhagaan Waaqayyo irra nama dhaabe immoo hin socho'u( Raafama irraa hafuu).
4. Faarfannaa kadhataa fi qalbii Diddiirrannaa Durii barbaadanii Faarfachuu keessaa ba'anii Faarfannaa haaraa baasanii(barreessanii) faarfachuu.
- Yeroon faarfannaa durii fi qalbii diddirrannaa Faarfatan yeroo rakkinaati, yeroon faarfannaa galataa fi moo'icha faarfatan immoo yeroo rakkina keessaa ba'aniidha.
5.Rakkina booda Waaqayyoon warra hin sodaannetu sodaata, warra hin amannetu amana.
- Qoramsi yookaan rakkinni utuu hin dhufin dura hunduu Waaqayyoon gana, yeroo rakkinni dhufu immoo namni Waaqayyoon barbaaddata.
Kutaa kana keessaa Harki Waaqayyoo haala ba'uun hin danda'amne keessaa nama baasee galata nama dubbachiisuu isaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
Amboo
Addis Ababa