Moraa Fugug

Moraa Fugug

Share

19/07/2023

"DUR-DURII"
(Mana tokko ijaartuu, maaf Citaa wal saamtuu?)
(Jaarsa buleefi Ijoollee, Galgala, Ganna, Abidda
bira. Ijoolleen kuun in mugdi, suunsumatti
ejjettee. Kuun irbaata bahuu eeggatti, ija qulum
gootee....)
Ganni dhufe yaa ijoollee, Ganni dhufe, kobbortaa
itti cufee
Ijoolle, Dur-dur, mana guddaa guddaa tokko
keessa, mana citaa, marsa ijaaran durii, keessa
gosa 9 moo 90 gahutu wallin gala ture jedhan.
Gosa afaan adda addaa dubbatutu, akka afaan
simbiraa, tu walitti dhuubamee gola gola ofiisaa
keessa waliin gala, jedhan...ammoo wal hin
dhagahu...afaan afaan dubbata gosti hundi.
Gola isa tokko keessa immoo Gosa tokkotu gala,
gosa wal beeku.... kan afaan wal beeku...
Utuma jiraatanii, Ganni itti dhufe didichee,
roobaafi qilleensi. Manni sanqallee, irri ajjeerraa
hin qabu, jalli kabaa hin qabu. Ykn ajjeeranii, ykn
ajjeersisuu jedha miti geeraraan, ijoolle.
Gosti wal-makoon sun, ganama kahee farsoo
dhuguu, galgala taahee farsoo dhuguu, taa'ee of
irratti muguu malee, geeraruu fi jeekkaruu malee,
citaa haammachuun, mana ajjeerrachuun
kabachuun bira hin jirtu.
Gosti kuun, Gosti tokkichi guddeessi kun mala
wal gaafate: Ganni dhufee, manni ajjeerraa hin
qabuu, ammoo guddaa, nurratti jigaa, maal taanu
waliin jedhan. Citaa haamna waliin jedhan. Citaa
haamuuf amna bahan.
Karaa dheeraa deemanii, deemanii, deemanii,
olanii bulanii, citaa haamuuf, Fugug dhaqan,
biyya dhufteesaanii--Fugug, Tulluu Nam-dur!
Citaan waakkuudha, xiqqoodha. Mana guddaaf
hin gahu. Mala wal gaafatan.
Yaadi sadii dhufe-- garee sadii tahan:
Garri tokko: Citaama jiru haamnee manuma
guddaasanirra, hanga gahe, ha firfirsinu, waliin
jedhe
Garri lammaffoon: Citaan jiru mana guddaa hin
gahuu, kan jiru haamnee, gara gola keenyaatiin
qofa, irra ha ajjeerru, jala haa kabnu, guutuu haa
hinu, san jala mataa dhokfannaa, Ganna dhufe
dabarfanna, jedhe
Garri sadaffoon: Hormi taahee farsoo dhugaa,
ganamaafi galgala. Ganni dhufe. Mana guddaa
ajjeeruu citaan jiru hin gahu. Citaa jiruun, gara
bullu qofaan irra ajjerrufi jal, jala haa kabnu, guutuu haa
hinu, san jala mataa dhokfannaa, Ganna dhufe
dabarfanna, jedhe
Garri sadaffoon: Hormi taahee farsoo dhugaa,
ganamaafi galgala. Ganni dhufe. Mana guddaa
ajjeeruu citaan jiru hin gahu. Citaa jiruun, gara
bullu qofaan irra ajjerrufi jala kabuun, roobaafi
qilleensa hamaa nurraa hin dhowwu. Lolaatu nu
fuudha utuu rafnuu. Knf, citaa jiru haamnee,
mana nu gahu qofaatti baafannee, akka
barbaannetti, ha ijaarru, mana ofii keenyaa
ijaarree, irra ajjeerree, jala kabnee itti haa gallu, ..
Ganna Baranaafi Ganna Boruuf qofa osoo hin
taane, Ganna Baraaf, mana dhalootaaf dabru,
mana hundee jabaa, ijaarree ajjeerree, qacaanee,
guutuu hiinee itti haa gallu...Ganni indhufa, Ganni
in dabra...mana dhalootaaf tahu ha ijaarru...jedhe..
Gareen 3

19/07/2023

Baay'ee nama gaddisiisa!

Nan himinaa!🥲

Mana barnootaa tokko keessatti barsiistuun kutaa seentee osoo ijoollee barsiisaa jirtuu gidduutti barataan tokko harka isaa baasee, "Mi'a kootu najalaa hatamee jira; boorsaa ijoollee keessa naaf haa ilaalamu," jedhee dubbata ture. kana irratti barsiistuun mi'i mucicha jalaa hatame maal akka ta'e erga addaan baafatteen booda boorsaa barattoota hundumaa dabaree dabaree dhaan sakatta'uu itti fufte.
osoo sakatta'amaa jiranii mucaan durbaa waggaa 10 nii tokko dabareen sakatta'amuu ishee yeroo ga'etti boorsaa ishee kennuu didde! yeroo kana dhageessutti barsiistuun sun baay'ee aartee, "Mucaa hattuu kanaa, mi'a mucaa kanaa situ hate, ati hattuu dha. amma utuun poolisii sitti hin waamiin dafiitii boorsaa kee akkan sakatta'uuf natti kenni," jettee mucattii daddarbatte! Ijoolleen hundinuus; 'hattuu! hattuu!' jedhanii itti kolfuu fi itti iyyuu jalqabaan Mucattiinis yeroo sagalee dheekamsaa barsiistuu fi waca ijoollee dhageessetti naasuu daangaa hin qabne naate. baay'ees rifatte. kana irraa ka'uun dafqi irra dhangala'ee qaamni ishee hundinuu hoollachuu jalqabe. Mucattiinis baay'ee waan bir'atteef barsiistuu isheetiin, "Adaraa kee barsiistuu koo, ani hattuu miti. yoo barbaaddeef hoodhu boorsaa koo sakatta'i; garuu ijoollee kana duratti miti. qofaatti achi nabaasii nasakatta'i," jettee jilba isheetti jilbeenfattee boossee kadhatte. Barsiistuun sun garuu, "Asumattan si sakatta'a malee," jettee didde! sagalee wacaa kan dhaga'an barsiisonnii fi qindeessitoonni mana barnootaa sana keessa jiran tokko osoo hin hafiin yaa'anii dhufan. yammuu ilaalanis mucaa xinnoo waggaa kudhanii (10) miilla barsiistuu isheetti jilbeenfattee boossuu fi barsiistuu ija ishee bobaasaa mucaatti banbantu arganii hundinuu, "Maaltu ta'ee?" jedhanii naasuu dhaan wal gaggaafatu turan. Barsiistuttiinis aariin dhugamtee akkuma jirtutti waan ta'e hundumaa isaaniif himte. kana irratti Hoggantuun (Director) mana barnootaa sanaa dubartii umuriin xinnoo deemte waan turteef d

Photos from Moraa Fugug's post 06/01/2021

Biyya Keysaa fi Biyya Alaatti Oomisha Keenya Nama Keenyaa fi Jaalattoota Oomisha Kenyaaf ni dhiyeeysina! Keysaan nu qunnamuu dandeesu.

Want your business to be the top-listed Business in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address


Bole Mikael
Addis Ababa
1512