Daandii Dhugaa
19/01/2026
Inbox ❌
Namni kun bulchaa sadarkaa olaanaa wayiiti jedhan. Akkasuma isheen isa faana jirtus miseensa Polisiitii Namni itti gaafatamummaan guddaan itti laatamee hawaasa hoogganu tokko sadarkaa kanaan gadi bu'ee gocha jibbisiisaa fakkeenyummaa hinqabne gaafa raawwatu nama saalfachiisa. Dhaloonni kanarraa maal barata? Yoona lameen isaaniiyyuu maatii qabu. Ta'e immoo ija kaameeraa jala ofgalchanii ajandaa ta'uun maali? Inni kun mataa isaatiin qaanii isa guddaa kan biraadha.
:- Namni kamiiyyuu jireenya guyyaa guyyaan geeggeessu keessatti gocha jibbisiisaa dhalootaaf fakkeenya hintaane hundumaa irraayyuu of qusachuu qaba. Keessumattuu gaggeestoonni dhaloota doomsuu osoo hintaane dhaloota qaruu irratti xiyyeeffachuu qabu.
Maxxansu fedheen miti. Garuu dogoggora kanarraa baratamuu qaba jedhee waanan amaneefi.
Galatoomaa ✍️
15/01/2026
Inni sirriidha.garuu mirqana keessa yoo baane hin wayyu
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Culinary Team
Attire
Website
Address
Addis Ababa