Qubee Tv

Qubee Tv

Share

18/05/2024

Taphataan Maanchiister Siitii Fiil Foodan taphataa cimaa Piriimeer Liigii Ingilaand bara kanaa ta'uun badhaafame.

Qubee Tv (Caamsaa 18, 2024) Finfinnee!
Taphataan Maanchiister Siitii Fiil Foodan taphataa cimaa Piriimeer Liigii Ingilaandi bara 2023/24 jedhamuun badhaafame.

Dargaggeessi umrii waggaa 23 lammiin Ingiliiz Fiil Foodan bara kana galchiiwwan 17 lakkoofsiisuun kubbaa galchiif ta'an 8 mijeesse kenne.

Goolii eegaan Arsenaal Deeviid Raayaan karra eegaa cimaa barichaa jedhamuun yoo badhaafamu, taphataan sarara gidduu Cheelsii Kool Paalmar ammoo taphataa dargaggeessa cimaa liigichaa jedhamuun badhaafamuun kan yaadatamuudha.

18/05/2024

Atileet Salamoon Baraggaan fiigicha Meetira kuma 5 Loosaanjalasitti fiigame injifate.

Qubee Tv (Caamsaa 18, 2024) Finfinnee!
Atileet Salamoon Baraggaa fiigicha Meetira kuma 5 Ameerikaa Loosaanjalasitti fiigame injifate.

Atileet Salamoon fageenyicha daqiiqaa 12:51.60 xumuruun yoo injifatu, Atileet Barrihuun Aragaawwiin daqiiqaa 12:52.09 xumuruun sadarkaa 2ffaa ba’e.

Atileetoonni Ugaandaa sadarkaa 3ffaafi 4ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Photos from Qubee Tv's post 17/05/2024

Qubee Tv
Itoophiyaafi Azarbaajaan misooma manaa irratti waliin hojjechuuf waliigalan.

Qubee TV (Caamsaa 17, 2024) Finfinnee!
Korporeeshiniin Mana Jireenyaa Federaalaafi Ejensiin Misooma Mana Jireenyaa Azarbaajaan misooma mana jireenyaa irratti waliin hojjechuuf waliigalan.

Hojii gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinichaa Obbo Rashaad Kamaal qondaaltota olaanoo Ejensii Misooma Mana Jireenyaa Azarbaajaan waliin mari’atan.

Biyyoonni kunneen gama misooma mana jireenyaatiin muuxannoo wal jijjiiruuf waliigalteerra gahuunis ni himame.

Jilli qondaaltota olaanoo itti aanaa muummicha ministeeraa Temeseng Xurunaafi hoji gaggeessaa olaanaa Koorporeeshinichaan durfamu daawwannaa hojii Azarbaajaanitti taasisaa jiru.

Dhaabbanni Mana Jireenyaa Federaalaa Ammaa dhaabbata qabeenyaa mootummaa cimaa ta’uuf hojjechaa akka jiru odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa korporeeshinichaa irraa argame ni mul’isa.

Photos from Qubee Tv's post 16/05/2024

Qubee Tv

Baankiin Awaash Marsaa 3ffaaf Badhaasa Baankii Cimaa Afrikaa Injifate.

Qubee TV (Caamsaa 16, 2024) Finfinnee!
Baankiin Awaash badhaasa baankii cimaa Afrikaa waggaa waggaan dhaabbatni "Global Finance" baasu Itoophiyaarraa yeroo 3ffaaf mo'ate.

Gabaasa dhaabbanni "Global Finance" baaseen bu'a qabeessummaan, dhaqqabamummaafi tajaajila si'ataa, akkasumas tajaajiloota faayinaansii biroo maamiltootaaf kennuun baankilee ciccimoo Afrikaa 36 keessaa tokko ta'ee filatamuu hoji raawwachiisaa olaanaan baankichaa Obbo Almatsahaay Shifarraawu ibsa miidiyaaleef kennaniin ifoomsan.

Baankiin Awaash dameelee 938fi maamiltoota miliyoona 12.1 akkasumas kuufama kaappitaalaa birrii biliyoona 215 akka qabus ibsa kennamee irratti himame.

Bu'uruma kanaan baankiin awaash waltajjii faayinaansii baatiwwan muraasa booda Ameerikaatti dhaabbanni IMFfi baankiin addunyaa qopheessanirratti badhaasa kana ni fudhata jedhame.

Maddi: ETV

16/05/2024

Qubee Tv

Baatiwwan 10’n darban galiin Birriin biiliyoonni 425 ol walitti qabamuu ibsame.

Qubee TV (Caamsaa 16, 2024) Finfinnee!
Baatiwwaan kurnan darban galii Birrii Biiliyoona 425.27 walitti qabuu Ministeerri Galiiwwaanii beeksise.

Ministirri Ministeera Galiiwwaanii Aadde Ayinaalem Niguseen ibsa miidiyaleef kennaniin akka jedhanitti, baati Ebla qofa galiin Birriin biiliyoonni 51.51 ol walitti qabuuf karoorfamee Birriin biiliyoonni 51.07 walitti qabame.

Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 4.9 caalmaa qabaachuu eerame.

Baatiiwwaan kurnan darban galii Birrii biiliyoona 442.85 walitti qabuuf karoorfame Birrii biiliyoonni 425.85 walitti qabamuu Aadde Ayinaalem dubbatan.

Kunis karoora bara darbee yeroo walfakkataan yoo madaalame Birrii biiliyoona 54.77 yookan %14.78 caalmaa qabaachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul'isa.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address


Oromia
Addis Ababa
1254