Abiyu B. Kitila

Abiyu B. Kitila

Share

Photos from Abiyu B. Kitila's post 11/07/2026

"YESUSIIN malee jiraachuun, utu ifni jiruu Ija of qabanii😵 dukkana keessa deemudha.✝️🕊️"

Ifichi gara biyya lafaa dhufeera, namoonni garuu hojiin isaanii hamaa waan ta'eef, ifa irra dukkana jaallatan;...
Yohannis 3:19

1. Kaan isaanii qabeenya (Badhaadhummaa)💰 Lafarraa barbaachatu qalbii isaani jaamse.
- Sassatoodha. Of duwwaa jaallatu, namaaf Waaqa caalaa qarshii jaallatu.💸 🤔

2. Kaan isaanii immoo Aangoo fi oftulummaatu qalbii isaanii jaamse.
-Isaan nama caalaa aangoo isanii jaallattu kanaaf lubbuun namaa isaan hin mararu, Haqas in haqaaqu❗
- Aangoo barbaadu malee aangoon isaan hin barbaadu! Sababni isaas shira jaallatu waan ta'eef.

3. Kaan isaani immoo beekamti barbaachatu qalbii isaanii jaamse.🏆🏅
-Waan gaarii moo hamaadha, qajeelaa moo jallaadha, in fayyada moo in miidha kan jedhu dhimma isaa hin qabani beekamti isaani in dabalaaf taanan utuma beekanii itti fufanii hojjetu. ❌ Dhugaarras soba filatu. Akkasitti dhaloota bowwaatti naqaa oolu.

4. Kana hundumaa dudduuba goree immoo abbaa dukkanicha isa ta'e Seexanatu👹 qalbii isaanii jaamsuun dudduba goree gara Yesusiin wallaaluufi du'a bara baraatti isaan oofa.

📌 Egaa Yesus immoo gatii nama hundaa fidee dhufaa gaafas hundumtu waan hojjeteef gatiisaa dirqamaan fudhata.
-Gooftaan hunduma keenyaaf hunbannaaf Ogummaa nuuf ha laatu .

Inni dhufu sun, “Kunoo, ani dafee nan dhufa, gatii isa ani adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa. ”
Mul'ata 22:12

08/07/2026

Isa utuu gubanii Addunyaa irratti mo'e!💪 Macaafa Jireenyaati dubbisaa. 📖

07/07/2026

Namoonni kitaaba kana hin argatin jirtan Tamiru F Negasa Qunnamaa. 📖❤️

03/07/2026

..Wanta qabdu hundumaanis, hubannaa bitadhu Fakkeenya 4:7
Namni karaa hubannaa irraa jal'atu, walga'ii warra du'anii keessa in bu'a.
Fakkeenya 21:16


Hubannaani: Adda baasuu, filachuu, hubachuu, ilaalu, adda baasanii beekuu, qalbeeffachuu, hubatanii dubbachuu (faraduu) jechuu dha. Ogummaan immoo gara gochaatti geessaa, kanaaf beekumsaafi ogummaa dursee kan dhufu hubannaadha.

"Namni hubannaa qabu rakkoo keessatti milkaa'ina arga; namni hubannaa hin qabne milkaa'ina keessatti rakkoo arga."

Amala namoota hubannaa hin qabnee
1. Dhimma isaan hin ilaallanne keessa seenu
2. Fedha mataa isaanii duukaa bu'uu
3. Nama isaan irra namaaf wayyu miidhu!

["Akka Qaayin fudhatama argachuu aarsaa Abeelitti kan fuulli isaanii gurracha'u, qooda gaarii hamaa kan deebisan mallatto amala namoota hubbannaan itti hir'ateeti.]

Ogummaan hundumaa irra in caaltiitii
ishee argadhu! Wanta qabdu hundumaanis,
hubannaa bitadhu! Fakkeenya 4:7

Ogummaa Waaqayyotu kenna, beekumsii fi hubannaan dubbii afaan isaa keessaa ba'uun in argama; Fakkeenya 2:6

Waaqayyo hubbannaaf Ogummaa nuff ha laatu.🙏 Kitaaba kana dubbisaa.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Addis Ababa