Bargaay Labuu
08/12/2020
Ani garuu dadhabbii fi oolmaa kee kumaan lakkaawamu kan waggoota 25 olii san, ji'a shan keessatti hin dagadhu. Si qofa miti anaaf Artistoonni Oromoo kuni paartilee Oromootii oli. Seenaa qabsoo Oromoo kana keessattu paartiitu hanga keessan ga'uu dadhabe malee isin aartidhaan paartii caaltanii qareegamaa fi aarsaa kaffalaa nuuf jiraattan. Fagaattanis nurraa hinfagaanne, nutti dhiyaattanis nurraa hin callifne. Haala har'aa kana caalaa kaleessa lada dukkanaa sanatti Oromoof birmachuun keessan qofti ga'aadha. Walumaagalatti haalota tokko tokkoon isin komachuu nan danda'a, abadan garuu kaleessa keessan san kumaatama dagadhee, rakkoo takka qofaan bineensatti iain hin fakkeessu. Warra akka Salihaa Saamii fa'aatu gantuu fi sobduudha taanan Oromoon namumayyuu qabsaa'ayyuu hinqabu jechuudha. Yaada ilaalchaakee nan jibbas nan jaaladhas garuu ati 'nama miti, Oromoo miti, Oromoo gante, Oromoo nyaatte'' goonkumaa hinjedhu. Yoon nan jedha ta'e ' anuu diina Oromooti, of hinbeeknedha' jechuudha! Anaaf ammayyuu badii keessanirra gaarummaa keessantu caala, isin nu utubdan, nu ijaartan malee nu hindiigne, nuuf birmattan malee nurraa hin baqanne, sagalee nuuf taatan malee nu hin ukkaamsine! Anaaf komiis ta'ee qeeqnin qabu, dirree wal diiguu fi maqaa qalballeessuu kanattuu kan nu baase, maddi rakkoo isin warra aartii bira otoo hintaane, warra paartii bira! Dhumarratti wantin jechuu barbaadu nuti warri akka alaabaa takka ol baasnee gad nama deebisnu, guddaa keenya xinneessinu, arrabsinu kuni otoo qeeqaa fi komii keenya ogummaadhanillee ta'u godhannee, isinis ammoo morka namoota muraasa jibbitaniitif jecha xiiqidhaan otoo nu mufachiisuu baattanii natti tola. Deeggartoota keessan waan taanef, isin duukaa bu'aa waan jirruuf, nus ilaallachaa akka abboota ilmaan of jalaa qabuutti, nus akka ilmaan abboota ofii beekutti kabajaa fi jaalalaan haa tarkaanfannuun hawqii kooti. Kanarra kan hafe, ammayyuu oolmaa keessan kaleessaa sanaaf isin galateeffachuu fi kabajuu malee, maqaa isin balleessuf ani dabarees yeroos hin arganne!🙏
25/11/2020
QEERROON Muktar guyyaa dhengaddaa rasaasan rukutamee Hospitaala Hiwot Faanatti yaalamaa turee guyyaa harraa du’aan Addunyaa kanarraa boqotee jira. Maatii fi ummata Oromoo maraaf Rabbin sabrii haa kennuf.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the organization
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
AWAY