Wal A,garaa
03/06/2026
🌱 Afaan Oromoo:
"Adunyaan kun boru gara galti yoo naan jedhan illee, ani har'a lafa koo qotadhee midhaan facaasuu hin dhiisu."
🇬🇧 English:
"Even if I were told the world would end tomorrow, I would still plant my seeds today."
🇸🇦 العربية:
"حتى لو قيل لي إن العالم سينتهي غداً، فسأواصل غرس بذوري اليوم."
አማርኛ (Amharic):
"ዓለም ነገ ያበቃል ቢሉኝም፣ ዛሬ ዘሬን መዝራት አላቆምም።"
ትግርኛ (Tigrinya):
"ዓለም ጽባሕ ክትውዳእ እያ እንተበሉኒ፣ ሎሚ ዘርአይ ምዝራእ ኣይገድፍን እየ።"
🌱
Abdii hin kutin, hojii gaarii har'a hojjedhu; yeroo Arra keessa jirtu Kana itti Fayyadami Boruun Boru dhufaa Boruun Hamma dhufu Arra jiraadhuu Boru Akka Dhufu Abdu
: Never lose hope. Do good work today and believe in a better tomorrow.
العربية: لا تفقد الأمل أبداً، واعمل الخير اليوم، وثق بمستقبل أفضل.
አማርኛ: ተስፋ አትቁረጥ፤ ዛሬ መልካም ሥራ ሥራ፣ ለወደፊቱም ተስፋ አድርግ።
ትግርኛ: ተስፋ ኣይትቑረጽ፤ ሎሚ ሰናይ ስራሕ ስራሕ፣ ንመጻኢ ድማ ተስፋ ግበር።
✨ #الأمل #ተስፋ #ሰላም 🌱
03/06/2026
Karaa kamtu na baasaa.
Anoo waansaa hin beekuu
Sumaaf garaa na raasaa.
Boora ta'e fardi koo
Inni abban garbuu sooree.
Eessa badde lubbuu koo
Sin argaaf anoo jooree?.🚶♂️➡️
Maalif badde na jalaa
Takkittii koo si yaadee.
Yoo jiraatte dubbadhu
Sagalee keen araadee.🥹
Nagaa naaf qabdaa garuu?
Baddee erga galgalaa.
Siin jaalladha lubbuu too
Homaa hin ta'in na jalaa.🥹
Qamaleen laga kessaa
Yoom mucucaattee kuftii?.
Ammallee mana teessaa
Onneen koo eessaa raftii?.
Birraan barii gaafa tole
Bukoon lama gogorrii
Sutuma Obsii danda'i
Yoo uumamees dogongorri
Gaafa jalqaba si argu
Harka baneen si simadhee.
Nama guutee jiru keessaa
Adda godheen si filadhee.
Garuu..............
Akkan si jaaladhu
Deddeebi'ee sitti himuun.
Lakkuman bubbuluun
Yaanni kankee natti cimuun.
Yero yeroon bilbila kee
Deddeebi'ee si dararuun.
Dubbii taaniifi Tan dubbadhee
Haasawa keessa bararuun.
Waanin dhugaan si jaaladhuufi
Onnee koo irraa dhugumatti.
Sababaa hin beeku malee
Ati adda ana biratti.
A,garaa Follow link share
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Address
Addis Ababa
ETHIOPIA