Daree man
13/07/2023
HIRKOO SITCOM
🥰🥰🥰🥰🥰
Hojii dinqii waggaa tokkoof itti fufu ETV Afaan Oromoo irratti dilbata sa’a 11 irraa eegalee....
Kanaadaa irraa akka isin milkooftaniif kadhannaa jabaa haga jilbi nu miidhamutti itti jirra itti jabaadhaa 😁🥰🥰
Geleta Ejara Wako Getacho - ALTA Amanuel Tafesse
26/06/2023
Dhukkuboota jeequmsa sammuu(psychotic disorder) maalii?
Ka'umsi fi furmaanni isaa hoo?
Dhukkuboota sammuu namaa jeeqaan jechuun dhukkuboota akkaataa itti yaadnu, hubannu, dhageenyu, arginu, funfannu, dhamdhamnu, hariiroo namoota waliin qabnu jeequu fi Amaloota hin baratamne namarratti mulisuudha.Dhukkubootni kunniin nama kamiyyuu sanyiin, saalaan, sadarkaa barnootaan osoo adda hin qoodiin muudachuu danda'a. Bayyinaan namoota umuriin isaanii waggaa kudhaanii olii irraatti kan mul'atuudha.
Mallattooleen isaanii maal fa'a?
1. Wanta dhugaa hin taane itti cichaanii amanuu(Delusions)
Namoonni rakkoo kana qaban namoota fi wantoota sababaan ala shakku, namoonni na miidhuudhaaf na hordofaa jiru, summii natti godhanii na ajjeessuufii, narraatti mariachaa jiru, midiyaalee hawaasaan waa'ee koo haasa'u, haati manaa yookiin abbaan manaa osoo sirritti waliif amanamanii jiraanii namoota biroo waliin hariiroo salqunnamtii qaba/qabdi jedhaanii itti cichaanii amanu. Namootuma isaan hin beekneen jaalatameeera jedhanii amanuu fkn namoota beekamoon! Wantoota gulaantaa barnoota fi beekumsa isaanitiin hin madaalle hasa'uu fi gochuu nan danda'a jedhanii yaadu, shoora hawaasa keessaatti hin qabne fi isaan hin ibsine gochuu fkn Osoo dura bu'aa amantaa hin ta'iin akka abba amantaa ta'eetti yaaduu fi gochuu, sammuu kootiin namoota biraatu yaadaa jira yookiin sammuun ittiin yaadu kan nama biraa akka ta'etti amanuu(passivity phenomena).
2. Dandeetti dalagaa qaamoota miiraan ala bahuu(hallucinations).
Wantoota hin jirre arguu fi dhaga'uu, fageenya gurri keenyaa fi ijji keenya arguu hin dandeeenyeen ala dhaga'uu fi arguu fkn namni Ambo jiraatu tokko sagalee Finfinnee isa waamu dhaga'uu(extracampine hallucination), foolii namoota birootti hin dhaga'amne funfachuu fi dhamdhama hin jirre dhamdhamuu.
3. Haalli haasawaa jeeqamuu(Disorganized speech).
Haasaa namaaf hin hubatamne, kan yaadonni isaa wal hin qabanne haasa'uu, gaaffii gaafatamaniif deebii gaaffichaan wal hin qaabanne deebisuu fi afaan hin baratamne haasa'uu(neologism).
4. Amala hin baratamne agarsiisuu(disorganized behavior).
Kophaa ofii haasa'uu fi kolfuu, boqonnaa dhabuu, namoota arrabsuu fi rukutuu, qulqullina ofii eeggachuu dhiisuu(wantoota xurawaa funaanuu), manaa bahanii sokkuu, uffata ofirraatti ciruu fi qullaa deemuu, karoora malee asiif achi deddemuu, dubbachuu dhiisuu fi Ajaja fudhachuu diduu fa'a.
5. Amaloota duraan qaban dhabuu(negative symptoms )
Namoota irraa adda of baasuu, kaka'umsa dhabuu, miira ofii ibsachuu dadhabuu, yaaduufi murtee murteessuu dadhabuu fi hammi haasa'uu hir'achuu fa'a!
Ka'umsi rakkinicha maalii?
Ka'umsi rakkinoota kanaa guutummaan guutuutti beekamu baatuus, sababoota kanneen akka;-
✓ Rakkinoota jireenya keessaatti nama muudaatan(stressful life events) kanneen akka du'a maatii(namoota jaalatanii), waraana, balaa uumaama fi namtolchee, humnaan gudeedamuu, godaansa fi kkf.
✓ Sanyiidhaan(genetic inheritance) dhufuu ni danda'a
✓ Wal madaaluu dhabuu keemikaloota sammuu keessaatti argamaniin( Neurotransmitter imbalance)
✓ Araadoota garagaraa(jimaa/caatii, dhugaatii alkoolii, shishaa, fi kkf)
✓ Dhukkuboota qaamaa garaagaraafi
✓ Miidhaan buqqee mataa irra ga'u(head injury)
Furmaatni isaa maalii?
Mallattooleen armaan olii kunniin mallattoo dhukkuboota sammuu hamoo waan ta'aaniif akkasumas namootni rakkoon kun muudate hedduun isaanii akka dhukkubsatan ofii isaanitii hin hubatan; namoota waliin jiraatantu irratti arga. Kanaaf yeroon ogeessa wal'aansa sammuu marisisuun barbaachiisaadha!
Roobsan_karaa_Barii(ogeessa yaala sammuu).
Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the school
Telephone
Website
Address
Addis Ababa