Haile Fida
03/08/2023
GORSA!
▬▬▬▬▬▬
➥ Yeroo Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu!
■ Sobdee deebitee immoo maqaa waaqatiin hin kakatini yakki tokko si ga'a.
■ Nama si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaaffi kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'eef.
■ Oduu Kuntaala 1 odeessaa oolu irra Hojii kilo 1 hojjattee yoo agarsiiste siif wayya. Kanaaf Xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi!
■ Gaarummaan ati har'a hojjattu Galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf Jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu!
■ Gaafa ol baatu warra sii gadii hin dagatin! Sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta waan ta'eef.
■ Lubbuu kee waan hin taanen hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame sin dhabuuti.
■ Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin!
■ Callisuu kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru.
■ Waan hunduma amanuu dhaaf hin ariifatin! Sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati.
■ Nama balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifattee hin banin! Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef!
■ Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofa dha. Gaafa milkaa'inni kee baay'atu hinaaftonni kees lakkoofsan danuu dha. kanaaf si hin dinqin!
■ Nama tokko yeroo jaallattu amma argattutti utuu hin taane amma dhumaatti jaaladhu! Isa har'a akka salbaajii uffatanii boru baafatan dhiisi!
■ Gaafa qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du'a irraa si hin oolchu waan ta'eef.
■ Dandeetti kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffatanitti haa ta'u!
■ Saree yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jal'ina si irratti yaadanis tuffadhuutii bira da
31/07/2023
Artist ittiqaa tafarii
Waa'een kee nun gallee dubbaadhu finfinnee
Imimmaan harmee har’as addan cinne.!
dinqisiifatamaa namaa!❤️👏
Soraa nagaan boqqadhu🥲
27/07/2023
!😓
Dhaamsa Qeerroo Magaalaa Naqamtee!
~
Qeerroo fi Qarreen akkasuma hiriyoonni Sooraa Magaalaa Naqamtee jiraannu guyyaa borii jechuun 21/11/2015 ganama sa'atii 12 irratti naannoo addaa marfata 2ffaa jedhamuun beekamutti reeffa hiriyaa keenya Qeerroo Sooraa tiif simannaa gootaa taasisuuf qophii xumurree jirra. Kanaaf Oromoon quuqama Oromummaa qabdan marti sirna simannaa reeffa obboleessa keenyaa kana irratti akka nuuf argamtan jennee kabajaa fi jaalala Oromummaatiin isin waamna!
Nuuf Qoodaa (Share) nuuf godhaa jedhu!
25/07/2023
Oduu Ammee!
'Breaking News'
Abbaan qabeenyaa oromoo;na argaa kan hin beekne, namoota baayyee karaa adda addaan tumsaa kan ture, akkasuma hiyyeessoota hedduu qabeenya qaburraa gargaaraa kan ture,Maqaa isaa amma hojii isaa kan hin leelifamne, Aartisti Alii Birraa irraa kaasee, namoota dhibamaniif rakkatan biraa hafee kan hin beekne, Obbo Yaadataa Juneeydiin (Muurada Saanii) , aartiistiif qabsooftuu keenya Halloo Daawweef baasii yaala isheef barbaachiisu guutummaa guutuutti baasuun, amma ishee fayyaa isheetti deebitutti ,ishee yaalchiisuuf waadaa galanii jiru!
Obbo Yaadataan guddaa galatoomi,
Waaqni dabalee daddabalee sitti haa kennu jedhaanii!🥰👇
25/07/2023
!
01/07/2023
💙
💚
♥️
??
??
🤎 ❣
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
Addis Ababa