Adaraa Seeraa
YAKKAAN YOO HIMATAMTE DHIMMOOTI BEEKUU QABDU!
---
Yakkuu fi yakkamuu si haa oolchu malee,
dogoggortees ta'e dhiigni si danfee yoo yakkite;
adeemsa falmii yakkaa armaan gadii keessa
darbuu waan dandeessuuf obsaan na caqasi.
1. Iyyannoon ykn odeeffannoon sirratti dhihaata.
2. Poolisiin Abbaa alangaa waliin ta'uun ragaa
sirratti funaana, to'annaa jala ooluu qabda jedhee yoo amanes , ajaja qabiinsaa Mana Murtii
baasuun to'annaa jala si oolcha. Ragaa namaa,
barreeffamaa... kkf sirratti funaanuu itti fufa.
Yeros:-
Poolisiin sa'a 48 keessatti Mana Murtiitti akka
si dhiheessu ykn wabiin akka si gadhiisu
gaafadhu!
Yoo didee si bubbulche, bu'ura s/d/f/y/keew.
63 tiin wabiin akka gad si lakkisiisuuf Mana
Murtiitti iyyadhu!
3. Poolisiin tarii sa'a 48 keessatti si dhiheessee
yeroo beellamaa hanga guyyaa 14 sirratti
gaafachuu danda'a. Yeros:-
"Qorannichi kan yeroo hanganaa fudhatu miti"
jedhi !
"Galmeen qorannoosaa ragaa qabatamaa hin
qabu; akkasuman na tursuu fedha waan ta'eef
Manni Murtichaa galmee qorannichaa naaf haa
ilaalu" jedhi!
Akka carraa dhumaattis, "galmee qorannoosaa
xumureera; yoo fedhe Abbaan alangaa galmee
himannoo haa dhiheessu. Anaan Manni Murtii
wabiin na haa lakkisu" jedhi!
4. Poolisiin qorannoosaa xumuree galmicha Abbaa alangaaf dabarsa.
5. Abbaan alangaas himannaa sirratti dhiheessa.
Guyyaa beellamaattis Mana Murtiitti dhihaachuun himannaan siif dubbifama. Manni Murtichaas
"Himannicha ni mormitaa?" siin jedha. Akkas
jechuun, yakkicha raawwattemoo, hin
raawwannee osoo hin taane:-
Yakka kanaan kanaan dura himatamteettaa?
Dhimma kanaan Mana Murtii biraatti himatamtee beellamarra jirtaa?
Yakkichi darbiinsa yeroon si hin
himachiisuu?... fi kkf, akka jechuu ti. Yoo akkas
ta'e ibsi!
Itti aansuun, "yakkicha raawwattemoo, hin
raawwanne?" siin jedha. Hin raawwanne taanaan waakkadhu! Raawwatte taanaani fi ragaan sirratti dhihaates akka sirratti qulqulleessu quba qabda taanaan waakkachuun sin fayyadu. Inumaayyuu amanuunkee adabbii sii salphisa.
6. Yoo waakkatte ragaan Abbaa alangaa sirratti
dhagaa'ama. Manni Murtiis "gaaffii qaxxaamuraa qabdaa?" siin jedha. Yeros:-
Ragicha gaaffii jechootasaa wal rukkuchiisu
gaafadhu!
Gaaffiinkee waa'ee yakkichaa caalaa, waa'ee
haala raawwii yakkichaa, bakkaa fi haala
naannawa bakkichaarratti haa fuulleffatu!
Gaaffiilee xixiqqoos hin tuffatin! ... eenyufaa
bakkicha akka turan? eenyu maal akka godhe?
kallattii taa'umsa waantotaa? faa gaafadhu!
Ragoota maraaf gaaffiin kee wal haa fakkaatu! Yaadotaa fi jechoota wal dhiitan akkasiin waan saaxiltuuf!
7. Erga ragaan Abbaa alangaa dhagaa'amee
dhumee mirga wabii gaafadhu!
Abbaan alangaa, "yoo ba'e ni bada" jedhee si
mormuu mala. Nama miliqu akka hin taane,
maatii fi waatii kan qabdu fi jiraataa dhaabbataa ta'uu kee Mana Murtii hubachiisi!
8. Ragooleen sirratti mirkaneessan yoo ta'e;
Manni Murtii "ofirraa ittisi" siin jedha. Yeros:-
Ragoota qulqullummaa kee siif beekan dhiheeffadhu!
9. Ragooleen kee jechoota ragaa Abbaa alangaa fashaleessan yoo ta'e, Manni Murtii bilisaan si lakkisa. Atis waaqakee galateeffachuu hin dagatin!
10. Tarii ragooleen kee humna ragaa Abbaa
alangaa fashaleessuu yoo dhaban, M/M murtii
balleessummaa muree, si adabuun dura yaada
Adabbii si gaafata. "Yaada Adabbii qabdaa?" siin jedha. Atis:-
Kanaan dura yakkitee akka hin beeknee fi
kabaajaa fi ulfinaan jiraachaa turuu kee,
Itti gaafatamummaa maatii fi hawaasaa akka
qabdufaa... garaa cabaan ibsadhu!
Akka carraa dhumaattis, hawaasa yakkite
deebitee kiisuu waan feetuuf, adabbichi bu'ura s/d/f/y keew. 192 tiin akka siif daanga'u (akka
sirratti hin raawwatamne) gaafadhu!
Nagaan turi!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Address
Addis Ababa
Opening Hours
| Monday | 09:00 - 17:00 |
| Tuesday | 09:00 - 17:00 |
| Wednesday | 09:00 - 17:00 |
| Thursday | 09:00 - 17:00 |
| Friday | 09:00 - 17:00 |