Keyrot Tubes
14/02/2026
Dubartootaaf kabajaa guddaan qaba garuu, altokko tokko mammaaksi Oromoo, “Dubartiin dheertuu malee beektuu hinqabdu!” jedhu na amansiisa.
Waa maleen kana jedha, aliimmoo kabajaa dubartootaa gadi buusuufin mammaaksa kana fayyadamaa jira miti. Garuu, waan tokko ajandaa gochuuf, yookiimmoo waa argachuuf jedhanii murtii shamarran keenya fudhataniifi, karaan isaan ittiin of hubachiisuu barbaadan, aarii keessa isaaniis ta’ee gammachuu isaanii miirri isaan ittiin ibsatan, “Kana boodawoo maaltu ta’a? Yoon kana godhe maaltu uumamuu mala? Waan ani murteessuuf jiru kana booda deebiin ani argadhu maayinni, bu’aan murteekoo kanaawoo maal ta’inna?” yaada jedhu kan tilmaama keessa hingalchineefi, waan itti gaafatamummaan isaa hir’uu ta’e murteessuuf ariifatu. Saniinis jireenya isaanii fi kabajaa ofii isaanii gadi buusu. Waanuma dhiyeenya ‘social media’ kanarratti adeemaa tureefi jirurraan fakkeenya tokko isiniif fudha.
-Murtee dogoggoraa ‘girl friend’ duraanii abbaa manaa Boni JA (Ex’n Josef), mucaa Saa Rinaa jedhamtu sanaa haa ilaallu (‘Follow’ akka gootaniif jedheen ‘mention’ tolche🙄): Yerichaaf dhimma jara kanaarraa homaa dubbadhee hinturre, dubbachuunis dirqamakoo miti, amma dubbachuun kiyyammoo dogoggoras miti. Waanin jechuuf jiru kana, yookiimmoo yaada kiyya kanarraa tarii lubbuun hubannaa horattu jirti tilmaama jedhurraayyu. Gar-sanittan isin deebisa:-
Yosef, intala, “Mataa durbaa!” ofiin jettu duukaa jaalalaan kufee gaahila dhaabbateera. Jaalatees haata’u dirqamee (Kana nuti hinbeeknu) gaahila isaa sanattis gammadaa fakkaata ture. Ex’n Yosef duraanii garuu, hariiroo jaalalaa iyyuu nama biraa wajjin waan eegalte hinfakkaattu. Fuuldurattimmoo hariiroo jaalalaa nagaa qabu akka hin qabaanne, ofuma isheetiif seexana barii ofitti taate -suurota yeroo jaalalaan wajjin turanii kan Yosef wajjin qabduu gabaarra oolchitee, “Hiriyaakoo ture. Har’a nagane malee bu’aabayii meeqa wajjin buunee baanee, daggala meeqa keessa wajjin dabarsine!” nuun jette.readmore on comment below
“Biyya gubboo kennuu fi fudhachuun seera hin dhommoqne ta'e keessatti nama gubboo gaafatu box-n dhahaa jechuun hiika hinqabu. Qondaala shugguxii hidhatee gubboo nama gaafatu eenyutu quba itti buusa?” Jedhe Lammi Begna tana numa jette dhugaa!
Keessatu kan warra… 🤐tokkoo adduma! Ani garuu warra akkasii hanga xurii qeensaa kootitti hin ilaaluu, mukka itti cabseen likkii isaan galchee mirga koo kabachiiseen deema ! Maqaa keenya facebook irratti barreesitti jedhan sodatuu, hanga Facebook sodataan qawwee hin sodatan isiniin jedha!
Obbo Shimelis Abdisa isin faarsaa yoo isin qeeqne girisaan “yoo fayyidaan keessan tuqame iyyitu, walin ooltu mittii achumati fixadha “nuun jedhaniif waan baayyee callifine .Amma garuu Eegaa qajeelfamni keenamee duubbati hin deebinu isiniin jedha! Keessa naqna!
Galatoomaa🙏
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Address
Addis Ababa