Hula Qune

Hula Qune

Share

24/04/2026

Guyyaan qormaata kutaa 12ffaa itti kennamu ifa ta'e!

Qormaanni xumura barnoota sadarkaa lammaffaa (kutaa 12ffaa) Waxabajjii 24 hanga Adoolessa 17 bara 2018tti akka kennamu Tajaajilli Madaallii barnootaa fi Qormaataa Ityoophiyaa beeksiseera.

Gama biraatiin:-
* Qormaanni sagantaa barnoota Remediyaalii Caamsaa 17 hanga Caamsaa 20, 2018 tti kennama.

* Qormaanni ba’umsaa (Exit Exam) yunivarsitii Waxabajjii 2 hanga Waxabajjii 12, 2018 tti kennama.

*Qormaanni seensaa barnoota digrii lammaffaa (NGAT) Adoolessa 29 hanga Adoolessa 30, 2018 tti kennama.

*Madaallii dandeettii dubbisuu fi herregaa bu’uuraa (qorannoo madaallii) ammoo Ebla 26 hanga Caamsaa 7, 2018tti akka kennamu ibsameera.


Ebla 16, 2018
Finfinnee

24/04/2026

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Egeree AI Afrikaa hoogganuuf filataman.

Oduu Waliif ( Ebla 23/2026) Finfinnee

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) Gamtaa Afrikaatti Dursaa Damee Hubannoo Nam-tolcheefi Fayyaa Dijitaalaa ta'uun Yaa’ii Gamtaa Afrikaan (Assembly of the AU ) muudamaniiru.

Muudamni kan kenname hoggansa Minitirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) damee kanaan agarsiisaniifi gumaachaa Itiyoophiyaan kalaqaafi hubannoo namtolcheen ardii Afrikaatti babal’isa jirtuf beekamtii kenname ta’uu Yaa’iin Gamtaa Afrikaa hubachiiseera.

Xalayaa muudamaa ergamerrattis akkas jedha "Hoggansa teeknooloojii haaraa baba’lisuufi tiraansformeeshinii,birmadummaa hubannoo namtolchee (AI) Afrikaa,meeshaa furtuu guddina hirmaachisaafi bu’a qabeessummaa gumaacha taasisaniif kenname."

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com0

24/04/2026

!

MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Wal'aansa Kaansarii Isaa Ifoomse.

MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun qorannoo fayyaa idilee irratti erga argamee booda kaansarii piroostaatii sadarkaa jalqabaatiin wal’aansa argachuu isaanii ibsaniiru.
Jalqaba bara 2024tti Netaaniyaahuun piroostaatii kaansarii hin taane guddate baqaqsanii hodhuu kan godhame yoo ta'u, ergasii hordoffii yaalaa idilee jala jira.

11/03/2026

Tiraampiifi Epsteiniif siidaan salphinaa dhaabame
*******
Siidaan Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi yakkamaa saalqun---*namtii Jeefri Epstein mata duree “Mootii Addunyaa” jedhuun Waashingitan keessatti dhaabameera jechuun Reuters gabaaseera.

Siidichi Paarkii magaalaa guddoo Ameerikaa Waashingitan keessatti argamu, 'National Mall' jedhamu keessatti dhaabame.

Siidaan salphinaa kun garee artistoota maqaan isaanii hin ibsamne "Secret Handshake" jedhamuun kan qophaa'e yoo ta'u, fiilmii "Titanic" irraa mul'ata beekamaa tokko irra deebi'ee kan agarsiisudha.

Qophii mata duree "Mootii Addunyaa" jedhuun qophaa'e kana keessatti Epstein harka isaa diriirsee fuula doonii irratti kan mul'atu yoo ta'u, Tiraamp ammoo isa qabatanii duubaan dhaabbatu.

Alaabaawwan siidaa kana cina kaa'aman gaalee "Ameerikaa Ammas Nageenya Godhi" jedhu qabu. Hojii kana kan qopheessan walitti dhufeenya Tiraamp fi Epstein gidduu jiru irratti xiyyeeffannaa harkisuufi daran yak*-ka isaan raawwatan saaxiluuf akka barbaadan ibsaniiru.

© Amar Temam

11/03/2026

"Hulaan Garba Hormuuz dhibbaa dhibbatti toohannoo kiyya jala jirti" Iraan.

Biyyoonni fira USA shoorarkeessituu fi Israa'el-Zionist(Weerartuu) tahan tokkolleen hin dabran.

Ammatti buyyootni dabruu dandahan-Ispeen, Chaaynaa, Ruusiyaa, Paakistaan, Bangladeshi, Indonesia,.... fi biyyoonni biroo kanneen Israa'el fi USA waliin hidhata hin qabne sodaa tokko malee ni dabran jechuun cichitee akeekkachiisaa jirti Iraan.

Gama biraatiin ammoo Tiraampi humaa hin sodaatinaa Amerikaatu hanga isin dabartanitti isin tiysaa jettee ibsa kennaa jirti DC'n.

Mootummaan Faransaayi fi UK tis USA waliin Hormuuz tiksina jechuun humna galaana isaanii galchaa jiran.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Addis Ababa