Oromia Iconic
30/06/2024
Indiyaatti warshaan iPhone 'dubartoota heerumte hin qacarru' jechuun himatame
Indiyaa keessatti dhaabbanni bilbila appilii dhiyeessu Foxconn dubartoota heerumaniif hojii kennuu didee jechuun himatame.
Gabaasa miidiyaaleen dhiyeessaan hordofee mootummaan biyyattii kutaan bulchiinsa Taamiil Naaduu bakka warshaan kun itti argamu ibsa bal’aa akka dhiheessu gaafate.
Qorannoo gaggeesseen Rooyitars Foxconn dubartoonni gaa'ela dhaabbatan kanneen hin fuudhin caala itti gaafatamummaa maatii qaban jechuun hojii irraa akka hambise himate.
Ministeerri hojjetaa federaalaa seerri ''hojjetoota dhiiraa fi dubartootaa yeroo qacaran loogiin tokkollee akka hin raawwatamne ifatti kaa'a'' jedha.
Foxconn ibsa baaseen ''himata loogii hojii haala gaa'ilaa irratti hundaa'e cimsee ni morma'' jedheera.
Appiliis ta'e mootummaan kutaa Taamiil Naaduu gaaffii Rooyitars irraa dhiyaateef deebii hin kennine.
BBC'n deebii argachuuf bulchiinsa Taamiil Naaduus qunnameera.
Dhiyeessaa guddaa bilbila iPhone kan ta'e Foxconn bara 2017tti warshaa isaa jalqabaa Taamiil Naaduu keessatti kan hundeesse yoo ta'u, ergasii garuu hojii isaa Indiyaatti ciminaan babal'isaa jira.
Dhaabbatichi qacarrii irratti loogii akka hin qabne ibseera.
Qacarrii dhiheenya kana taasifameen dubartoota qacaraman keessaa dhibbeentaan 25 gaa'ela kan dhaabbatan ta'uu dhaabbatichi ibseera.
Beeksisni hojii 20 dhaabbilee qacarriitiin bara 2022tti maxxanfaman "istaandaardii keenya waan hin guunneef" akka haqaman beeksiseera.
Gochoonni loogii qorannoo Rooyitars keessatti bal'inaan ibsaman bara 2023 fi 2024tti raawwataman jedhameera.
“Dhimma sirrii hin taanee yeroo arginu dhaabbata qacarrii addaan kutuu dabalatee tarkaanfii sirreeffamaa fudhanna," jechuun ibse Foxconn
Indiyaa keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman carraa hojii argachuuf warshaaleesaa irratti waan hirkataniif gabaasni waa’ee gocha qacarrii kun yaaddessaadha jedhu falmitoonni mirga namoomaa.
Rooyitars qorannoo kanaaf hojjettoota hedduu fi dhaabbilee qacarrii Foxconn dubbiseer
Click here to claim your Sponsored Listing.
Contact the public figure
Telephone
Address
Addis Ababa
0000