Goofadanticha
23/06/2024
Namni Afaan qaba ofiin jedhu tokko Afaan isaa sana nama hin baratin ykn haala mijataa hin taane kamiiyyuu keessallee yoo jiraate yoo xiqqaate, dubbachuu fi dhageeffachuu dirqama qaba, ergaasaa Afaan isaatiin dabarsuu danda'uu qaba. Kunis namni yoo afaan qabaate ergaa dabarfata, yoo afaan qabaate eenyummaa qabaata waan taheef namni Eenyummaa qabu ammo Afaan isaatiin erg dubarfachuu/dhagahuun dirqama waan taheef.
Nama barate yoo tahe ammo dabalataan Barreessuu fi dubbisuulleen dirqama itti taati, fardiidha. Waan fardii tana adda baafachuu ddadhabuun ykn xiyyeeffannoo kennuu dhabuudhaan namoota baayee irratti hanqinnootni muldhatan argina. Hanqinnoota Namoota Afaan Oromoo dubbatan irraa arginu keessaa muraasni:-
- Sirnaan qubeessuu dadhabuu -
Rakkoo sirnaan qubeessuu yoo jennu:
1ffaa - Dogoggoora tasaa(xiyyeeffannoo kennuu dhabuun) uumamuudha. Namootni baayeen xiyyeeffannoo kennuudhabuudhaan dogoggoroota uumaa turre, ammas uumaa jirra. Erga eegallee as garuu jijjiirama hammana hin jedhamnetu argame. Ofii keenyarraa ka'ee hanga Xalayaalee Biiroolee gurguddoo heddurraa bahan akka xiyyeeffannoo argatan taheera. godhamaa ture keessattis Ana dabalatee hayyootni baayeen hanqinni kun irratti muldhate amananii fudhatanii xiyyeeffannoodhaan waabarreessuu, irra deebiidhaan gulaaluu eegalan. Biiroolee Sad.Oromiyaa jiranitti kanneen Koree Gulaallii dhaabbatanii xalayaan isaanii xiyyeeffannoo argate, kan Hoogganaan osoo sirnaan hin dubbisin mallatteessuu dhiise hedduutu muldhate.
Karaa Kanaan Jijjiirama salphaatti hin tilmaamanetu dhufe.
2ffaa - Wallaaluudha. Wallaaluun dhibee miti. Afaan Oromoo Afaanota Afriaa hacuuccaa gita bittaa waggootaaf jala ture keessaa waan taheef, carraan Afaan Kanaan barachuuf haalli mijaawaa waan hin turreef namootni baayeen biyya keessaa, naannolee biro fi biyyoota alaa jiraatan Afaan Oromootiin barachuuf carraa hin arganne. Haatahuu malee waggoottan 30n darban keessatti Afaanichi carraa baruuf barsiisuu daandiin banameen saffisa akka ifa-aduutiin addunyaa guututti fa'acee hawaasa keenya Mil.70 ol bira gahuu bira darbee dhaabbilee gurguddoo daldalaa, miidiyaalee fi Sad.Idil-Addunyaatti Afaan Hojii tahuu irra gaheera.
Namootni baay'een 'Afaan Oromootiin hin baranne...' jedhanii akka sababaatti himachuu dhiisanii amma kanaa Interneetaa, Google, Yuutuubii, Marsariitii fi Marsaalee hawaasaa barachuu, barsiisuun aadeffachaa jirra. Kanaafuu Namootni Afaan Oromootiin hin baranne jechuu dhiisanii baratani ittiin kitaaba barreessuu fi maxxansan tokkoof lamaa miti. Warri Kaarikulamii Afaan Oromoo wagga 30 dura hojjatanii barsiisaa turan osoo namni isaan hin barsiisin ofii ofbarsiisanii Dhaloota qubee kanas oomishan bar.
Hub: Afaan Oromoo sirnaan qubeessuuf yoo barbaadnee xiyyeeffannoo kennine, gahaadha. Fkn:- Qubee, Sagalee, Jecha, kkf(Dheeraa, Gabaabaa, Laafaa, jabaa, Irrabuta, hudhaa....fa'a) torbaan tokko qo'achuufi shaakaluun gahaa tahuu danda'a...
Kanaafuu Hanqina Qubeessuu wallaaluutiin rakkoo uumamu hubatanii namootni baayeen yeroo ammaa shaakala eegalaniiru. Isaan keessaa gareen ani qabatamaan beeku naannoo adda addaatti(biiroo fi magaalotaan, hiriyyoomaan) walqindeessanii namoota sirnaan qubeessuu beekan dabalatanii turtii guyyoota 10 - hanga - ji'a 1tti guutumatti walbasiisanii amma ofitti amanamummaan sirnaan barreessaa jiran hedduudha. Ofii kiyyaallee hanga ammaatti garee 12 ol beeka.
Fkn: Garee Minessotaa keessatti ijaaramee torbaan 1 qofatti walbarsiisanii xumuran beeka.
Garee Magaalaa Bishooftuu fi Jimmaa keessatti biiroo adda addaarraa ijaaramee guyyoota 10-15tti keessatti walbarsiise
Garee Damee Koominikeeshiinii, Magaalaa Adaamaa, Ciroo, Arsii Lixaa, Riyaad, UK... fa'a nan yaadadha.
Kanaafuu Namni afaan isaa sirnaan qubeessuu hin beekne Afaan kam sirnaan qubeessuu danda'aree? Afaan kamiin ergaa dabarfachuu danda'aree?
Yoo Sirnaan hin qubeessine ergaa dogoggoraa dabarsuu akka dandeenyu maaliif nuuf hin galuree?
Fkn: 'Anaa Dhufu' jechuu barbaadnee - 'Anaa Dhuufu' jechuun salphinaa mitii?
Keessummaa kabajaa keenyaan 'Baga Nagaan Dhuftan' jechuu barbaadnee - 'Baga Nagaan Dhuuftan' jechuun nama hin qaanfachiisuu?
Sirnaan qubeessuu wallaaluun Afaan Ofiitiifis ofiifis kabajaa dhabuu hordofsiisa. Ergaa dabarsuu barbaadne dhiifnee waan biraa barreessina. Kabaja Afaan keenyaaf qabnus gadi nujalaa buusa waan taheef keessattuu namootni Biiroolee/Dhaabbilee garagaraa keessa jirtan, Dhaabbata bakka buutanii barreeffama hiika hin qabne ykn hiika jallataa qabu ergaa yoo dabarsinu, keenyas, salphina dhaabbataatis akka tahetti hubannee xiyyeeffannoo gochuudhaan, yoo hin beekne namas beeku gaafachuudhaan, nutis waan salphaa guyyoota muraasatti sirreeffannu kanaaf xiyyeeffannoo kenninee barannee sirreeffachuu akka qabnu dhaamsa kooti....
Biirooleen Kominikeeshiinii tokko tokko dogoggora sirnaan qubeessuu namoota uumani, gamaaggamaaf dhiyeessaa jiraachuu keessan quba qaba, Amalli kun biiroolee hundatti aadeffamuu qaba. Barjaaleen Magaalaa keessaa dogoggoora qubee qaban buqqa'uu qabu, Xalayaan biiroo keessanii dogoggora qubeessuu qabu irra deebi'amee akka ilaalamu gochuun jabaatee itti fufuu qaba. Nuti Jala sararuu jabeessinee itti-fufna...
Waajjiraalee fi Namootni dhimma Kanaan walqabatee natti mufattanis akka jirtan nan beeka, isinis mufii keessan itti fufaa, Anaafi dhalootni Qubee hanqinnoota jiru hordofee jala saruu itti-fufna.
Waan na dhageeffattaniif Galatoomaa!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Website
Address
Lafto
Addis Ababa