BBN
02/07/2025
Waa'ee Fannoo Iyyasuus Irratti Waldhabiinsa Wangeelota Afranii
"Seenaan fannifamuu Iyyasuus Kiristoos Wangeelota afran (Maatewos, Maarqos, Luqaas, fi Yohaannis) keessatti bal'inaan barreeffameera. Haa ta'u malee, yeroo seenaawwan kun yeroo wal bira qabaman, qabxiilee gurguddoo irratti garaagarummaa guddatu mul'ata. Warri Macaafni Qulqulluun dogoggora hin qabu jedhan, qabxiilee kanneen haa hubatan. waldhabbiilee beekamoo muraasa ragaa wajjin haa ilaalluu:
1. Fannoo Eenyutu Baate?
A (Simoon Qareenaatu Baate): Wangeelonni Maatewos, Maarqos, fi Luqaas namni Simoon jedhamu akka Iyyasuusiif fannoo baate dubbatu.
Maatewos 27:32: "Yommuu gad ba'anitti, nama biyya Qareenaa kan maqaan isaa Simoon jedhamu arganii, fannoo isaa akka baatu isa dirqisiisan."
Maarqos 15:21: "Nama karaa darbaa ture, Simoon nama biyya Qareenaa... fannoo isaa baachuuf isa dirqisiisan."
Luqaas 23:26: "Isa geessaa utuu jiranii, Simoon nama biyya Qareenaa... qabanii fannicha isa irra kaa'anii, Iyyasuus duukaa akka baatu godhan."
B
(Iyyasuus Ofii Isaatii Baate): Wangeelli Yohaannis garuu Iyyasuus ofuma isaatii fannoo isaa baatee akka deeme ibsa.
Yohaannis 19:17: "Iyyasuus fannoo ofii isaa baatee, magaalattii keessaa ba'ee, bakka Lafee Mataa, afaan Ibrootaatiin Golgotaa jedhamu ga'e."
Ibsa Walfaallessuu:Seenaan kun ifatti wal dhaba. Wangeelli Yohaannis Iyyasuus ofuma isaatii akka fannoo baate dubbata, bakka Simoon jedhamu hin eeru. Wangeelonni sadan kaan garuu Simoon akka isaaf baate ifatti dubbatu. Gochaan tokko (fannoo baachuu) yeroo tokkotti namoota lamaaf kennameera. Yoo Iyyasuustu baate, Simoon hin baanne; yoo Simoontu baate, Iyyasuus hin baanne jechuudha.
2. Yeroo (Sa'aatii) Fannifamuu Isaa: A (Sa'aatii Sadaffaa):
Wangeelli Maarqos Iyyasuus sa'aatii sadaffaatti (akka lakkoofsa yeroo ammayyaatti, gara ganama sa'aatii 3:00tti) akka fannifame ibsa.
Maarqos 15:25: "Yommuu isa fannisan, sa'aatiin sadaffaa ture."
B (Sa'aatii Ja'affaa Booda): Wangeelli Yohaannis garuu sa'aatii ja'affaa (guyyaa sa'aatii 6:00) keessa Philaaxos Iyyasuusiin fannifamuuf dabarsee akka kenne dubbata. Kana jechuun fannifamuun isaa sana booda ta'e.
Yohaannis 19:14-16: "Guyyichi guyyaa Qophii Faasikaa ture, gara sa'aatii ja'affaattis ture. Philaaxos Yi**hud*ootaan, 'Kunoo, mootiin keessan!' jedhe... Acherratti haa fannifamuuf dabarsee isaanii kenne."
Ibsa Walfaallessuu:Kun walfaallessa yeroo ifa ta'eedha. Sa'aatiin sadaffaa (9:00 AM) fi sa'aatiin ja'affaa (12:00 PM) sa'aatii sadiin wal caalu. Iyyasuus yeroo lamaan kana keessatti fannifamuu hin danda'u. Maarqos fannifamuu isaa ganama beellama, Yohaannis immoo guyyaa walakkaatti beellama. Kamtu sirriidha? Warroonni macaafni qulqulluun dubbii Rabbiiti jedhan, Deebii haa barbaaddatan!
3. Hattoota Lamaan Isa Wajjin Fannifaman
A (Lamaanuu Isa Arrabsan): Maatewosii fi Maarqos hattoonni lamaanuu Iyyasuusiin akka arrabsan dubbatu.
Maatewos 27:44: "Akkasumas hattoonni isa wajjin fannifamanis isa arrabsan."
Maarqos 15:32: "Warri isa wajjin fannifamanis isa salphisan."
B (Tokko ni Arrabsa, Tokko ni Ittisa): Luqaas garuu seenaa guutummaatti adda ta'e kenna. Hattoota keessaa tokko yoo isa arrabsu, inni kaan immoo isa ifatee Iyyasuusiin ittiseera.
Luqaas 23:39-41: "Hattoota fannifaman keessaa inni tokko isa arrabsaa, 'Ati Kiristoos mitii? Ofii kees nuunis oolchi!' jedhe. Inni kaan garuu isa ifatee, 'Ati adabbii wal fakkaataa jala utuu jirtuu Waaqayyoon illee hin sodaattuu? ... Inni kun garuu hamaa homaa hin goone,' jedhe."
Ibsa Walfaallessuu:Seenaawwan kun gocha hattootaa irratti kallattiidhaan wal lolu. Maatewosii fi Maarqos hattoonni lamaanuu akka arrabsan dubbatu (jechi "hattoonni" jedhu baay'ina agarsiisa). Luqaas garuu ifatti tokko isa dideera jedha. Lamaanuu arrabsuu fi tokko qofti arrabsuun wal simuu hin danda'an.
4. Maxxansa Fannoo Irratti Barreeffame
A (Maatewos 27:37): "Kun Iyyasuus, Mootii Y&*ihud&*ootaati."
B (Maarqos 15:26): "Mootii Yi&&hudoo*taati."
C (Luqaas 23:38): "Kun Mootii Yih%%udoo*taati."
D (Yohaannis 19:19): "Iyyasuus Naazireetichaa, Mootii Yihudootaati."
Ibsa Walfaallessuu:Wangeelonni afranuu jecha sirrii maxxansa sana irra ture irratti wal hin siman. Maarqos gabaabsee yoo ibsu, Maatewos "Kun Iyyasuus" jedhu dabala, Yohaannis immoo "Naazireetichaa" jedhu dabalataan galmeesse. Yoo maxxansi sun jechoota murtaa'oo tokko qabaachuu kan danda'u ta'e, barreeffamoonni afran kun hundi jecha sirrii sana galmeessaniiru jechuun hin danda'amu.
5. Jechoota Iyyasuus Isa xumuraa Fannoo Irratti:
A (Maatewos & Maarqos): Iyyasuus jecha tokko qofa dubbate:
Maatewos 27:46; Maarqos 15:34: "Elii, Elii, lamaa sabaktanii?" (Hiikni isaa: "Yaa Waaqayyo ko, yaa Waaqayyo koo, maaliif na dhiiste?").
B (Luqaas): Iyyasuus jechoota sadii guutummaatti adda ta'an dubbate:
Luqaas 23:34: "Yaa Abbaa, waan godhan hin beekaniitii isaaniif dhiisi."
Luqaas 23:43: "Dhuguman sitti hima, har'a ana wajjin jannata keessa ni taata."
Luqaas 23:46: "Yaa Abbaa, hafuura koo harka keetti nan kenna."
C (Yohaannis): Iyyasuus jechoota sadii kanneen biroo dubbate:
Yohaannis 19:26-27: "Yaa dubartii, kunoo ilma kee! ... Kunoo, haadha tee!"
Yohaannis 19:28: "Nan dheebodhe."
Yohaannis 19:30: "Xumurameera."
Ibsa Walfaallessuu:Wangeelonni kun jechoota dhumaa Iyyasuus dubbate irratti matumaa wal hin siman. Maatewosii fi Maarqos jecha tokko qofa galmeessu. Luqaasii fi Yohaannis immoo jechoota guutummaatti adda ta'an, kan Wangeelota biroo keessatti hin argamne galmeessu. Tartiibni fi qabiyyeen isaanii wal hin simu. Kun akka agarsiisutti, barreessitoonni adda addaa seenaa afaaniin darbaa ture irraa yookiin madda adda addaa irraa waan fudhataniif seenaan isaanii wal dhabe.
Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun kitaaba Rabbiin biraa buufame, wal hin dhabu, ragaa wal deeggaran qabu hawaasa jedhaniif gaaffii guddaadha. Of duuba deebi'anii Madda kitaabota kanneenii qorachuu qaban. Waldhabdeen kitaabota armaan olii Gatii kitaaba kanaa kuffisa. Garuu jechi Rabbii kufaa miti. Macaafni amma Harka Kiristaanota jiru kun geddaramuu, jechoonni dhugaa bakkaa kaafamanii kan birootiin bakka buufaman wajjiin walqabatee, Qur'aanni ifaan ifatti dubbatee jira.
Haa ta'u malee kitaabni amma jiru kun kan barreeffame, Namoota seenaa waa'ee Iyyasuus kiristoos dhaga'an irraa fakkaata. Beektonni addunyaas waa'ee kanaa dubbii baay'ee qabu. Kitaabni orjinaalli jalqabaa akka geddarame ibsu. Kanaafuu kitaabota kanneen guutuun guutuutti akka Jechoota Rabbiitti dhiheessuun rakkoo guddaadha. Eenyummaan barreessitootas beekamaa miti. Maggoosa maqaa "Mafaa qulqulluu" jedhamu kanneen moggasanis akka Hayyoota ta'e seenaan ni addeessa. Garuu jecha Rabbii hayyootootaa magaa fedhan filanii moggaasuu? Deebii Kiristaanotaaf haa dhiifnuu!
Qopheessaan: Xaahir Galatoo
11/03/2025
በቀነኒ አሟሟት ጉዳይ
በአሁኑ ጊዜ በቀነኒ አሟሟት ጉዳይ ላይ አስተያየት መስጠት አልችልም።" - የአዲስ አበባ ፖሊስ የህዝብ ግንኙነት ኃላፊ ኢንስፔክተር ማርቆስ ታደሰ
የድምጻዊ አንዷለም ጎሳ የሕይወት አጋር፣ ሞዴል ቀነኒ አዱኛ አስከሬን በሚኒሊክ ሆስፒታል ምርመራ ተደርጎበታል።
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
Addis Ababa